Shamarree Finfinneetti dhalattee ogummaa miidhaginaa kutaalee Oromiyaa gara garaatti barsiisaa jirtu

Eebbifamtoota Akaadaamii Miidhaginaa Hannii

Madda suuraa, Hanna Adamu FB + BBC

Haannaa Addaamuu jedhamti. Finfinneetti dhalattee guddatte. Dursitee barnoota koompiitaraatiin leenji’uun, yeroo xiqqoof ittiin qacaramtee hojjettus, yaannii fi qalbiinshee ogummaa miidhaginaa (makeup) bira waan tureef garasumatti akka luucceffatte himti.

Finfinnee mana barnoota Akkaadamii Miidhaginaa Jordaan jedhamutti ji’a tokkoof ogummaa meekaappii hordofte.

Ogummicha barachuuf qarshii kuma jaatamii afur akka kaffalte kan himtu, Haannaan boodarra akkaadamii miidhaginaa gatii madaalawaadhaan barsiisu Finfinneetti hundeessuun hojii eegalte.

Akkaadamichis, Afaan Oromootiin barnoota kennuu isaatiin kan hangaafaa ta’uu kaasti.

“Ani ji’a tokkotti kuma jaatamii afur kaffaleen baradhe. Otuma fedha qabaataniillee deemanii waan sana kaffalanii barachuu hin danda’ani” kan jettu shamarreen kun, shamarran ishee bira dhufanii kuulaman ogummicha barachuuf fedha qabaachuu isaanii ibsiti.

Tik-Tok irrattis akkaataa itti meekaappiin hojjetamu dalagdee yeroo maxxansitu garmalee akka ilaalame itti dabaluun kaasti.

Yeroodhuma barataa turtee eegaltee yaada ogummaa kana barsiisuu akka qabdu kan kaastu, Haannaan fedhii namootaa fi haala gabaas ilaaluudhaan akkaadamii miidhaginaa banuu himti.

Hojiin ogummaa miidhaginaa barsiisuu “hojii baay’ee sitti tolu, si milkeessudhas,” jechuun hojichatti milkaa’ina argachaa jiraachuu himti.

Manni ‘Hani Beauty Academy’ (Miidhaginaa Haanii Akkaadamii) jedhamu Finfinneetti banuun ogummaa Meekaappii, qeensaa fi baallee ijaa (eyelash)’tiin leenjisaa jirti.

Hanga ammaatti namoota saddetiif carraa hojii uumuu dandeesseetti. Barattoota ogummichaan leenji’aa turan 100 ol leenjisuun eebbisiisteetti. Magaalota Oromiyaa biroo kan akka Naqamtee, Amboo, Bishooftuu fi Iluu Abbaaboorittis babal’isuu irratti argamti.

Meekkaappiin eessaa dhufe?

Dargaggoo meekaappii hojjetateeru

Madda suuraa, Hanna Adamu FB + BBC

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yaanni miidhaginaa aadaa, amantaa fi hawaasa gara garaa keessatti hubannaa adda addaa qabaatus yaada hawwataa, bareedaa fi qulqulluu ta’anii argamuu of keessaa qaba.

Haannaan akka namoonni tokko tokko yaadan meekaappiin nama jijjiiruu yookaan waan namni hin qabne biraa nama gonfachiisuu otoo hin taane, “nama tokko miidhagina inni qabuun tottolchuu; eenyummaa otoo hin geedariin miidhagina dabaluudha” jechuun ibsiti.

Waanuma Waaqayyo namaaf kenne caalmaatti, miidhagsanii, ijaaf hawwataa godhanii dhiyeessuu akka ta’es dubbatti.

“Harmooliin keenya babbareedanii gabaatti ba’uudhaaf, ijasaanii in kuullatu ture” jechuun ogummaan miidhaginaa hawaasa keenya keessa akka ture himti, shamarreen kun.

Haannaan dubartoonni karaa aadaatiin dibata adda addaa ofii isaanitii qopheeffachuun akka dhimma itti bahaa turanis kaasti.

Ogummaan miidhaginaa bara durii kan jalqabe ta’us, amma karaa ammayyaa ta’een fayyaa otoo hin hubiin itti fayyadamuuf ogummaa isaa leenji’uun barbaachisaa ta’uu dubbatti, Haannaan.

Nama ogummaa isaa hin qabneen meekaappii hojjechiisuun garuu carraa fayyaa namaa miidhuu akka qabus kaasti shamarreen kun.

Ogummaan meekaappiis gosa gogaa fi amaloota biroos adda baasuun waan nama sanaaf sirriitti ta’u adda baasuudhaan hojjetama. Kanaaf, barattoonni ishee eenyuuf maal gochuu akka qaban akka leenji’an ibsiti.

Gosoota meekkaappii

Namoota meekaappii hojjetataniiru

Madda suuraa, Hanna Adamu FB + BBC

Meekaappii miidhaginaa kan cidhaa fi sagantaalee gara garaa irratti hojjetamuu fi meekaappii kaayyoo addaatiif hojjetamuudha.

Gosti meekaappii jalqabaa meekaappii hojii kalaqaa akka fiilmii fi tiyaatiraatiin kan walqabatu yoo ta’u miira namootatti akka dhaga’amu barbaannu uumuuf kan gargaarudha.

Hojiin meekaappii kalaqaa kun “dhiirota gara shamarraniitti geeddaruu, dhiira hareeda hin qabne fuutee areeda guddaa itti gootee jaarsa fakkeessuu, shamarree qal’oo bareedduu tokko ammoo jaartii furdootti jijjiiruu” akka dandeessisu kaasti Haannaan.

Taatoon filmii tokko miira isa barbaachisu akka fiduuf mallattoolee akka dhiigaa, madaa fi godaannisaa fakkeessanii fiduudhaan miirri dhugaan daaw’attootatti akka dhaga’amu gochuudha, jetti shamarreen kun.

Hojii meekaappii hunda jaalattus, kan kalaqaa daran itti bohaaraa akka hojjettus himti. Barattoonni ishee illee gosa meekaappii kana itti gammadanii akka hojjetanis dubbatti.

‘Ana miti maatiinkoo kara itti adeeman dhabani’

Maatii shamarree Haannaa Addaamuu

Madda suuraa, Hanna Adamu FB + BBC

Artistoota hedduuf hojii meekaappii kalaqaa kana hojjechuu kan kaastu Haannaan, meekaappii gosa kanaa ofiishee irrattis bocceen, miidiyaalee hawaasaa irratti akka waan dhugaadhaan balaan irra qaqqabeetti fudhatamuun “Waaqayyo ishee haa maaru” jedhamaa akka qoodamaa tures yaadachiisti.

Yaanni namoonni miidiyaalee hawaasaa irratti kennanis hojiin kalaqaa isheen hojjette akka waan dhugaatti fudhatamuun hammam hojii dhiibbaa uumu dalaguu akka dandeessu akka ishee hubachiises himti.

“Yeroon jalqaba hojii creative work [meekaappii kalaqaa] hojjedhe, ana miti maatiinkoo kara itti adeeman dhabani” jechuun miira yeroo isheen kalaqa kana ofiishee irratti dalagde ture ibsiti, Haannaan.

Qorumsa ogummichaa

Haannaa Addaamuu uffat aaadaa uffattee

Madda suuraa, Hanna Adamu FB + BBC

Hojii meekkaappii babbareedaa isheen nama biroo irratti hojjechuun miidiyaa hawaasaa irratti gadhiistu arganii dhufuun waanumti walfakkaataaa akka isaaniif hojjetamu gaafachuun rakkisaa akka ta’e himti.

Hojiin meekaappii namaa namatti garaa garummaa waan qabaatuuf, kan namni tokko ittiin miidhagu, kaaniif ammoo ta’uu dhiisuu mala waan ta’eef, kan tokkoof miidhagaa kaaniif miidhama akka hin taane ogummaa qabaachuun murteessaa ta’uus gorsiti, shamarreen kun.

Hojiin modeeliingii fi meekaappiis hariiroo qabaachuu kan kaastu, Haannaan lamaan isaaniiyyuu waliin deemsisaa akka jirtu kaasti.

Mudannoo guyyaa cidhaa fi humna miidiyaa hawaasaa

Haannaa Addaamuu uffata aadaa uffattee

Madda suuraa, Hanna Adamu FB + BBC

Bilbilli harkaa guyyaa cidhaa ishee jalaa hatame, erga isheen dhimmicha miidiyaa hawaasaa irratti baastee “guyyaa tokko keessatti deebi’e” jechuun humna miidiyaan hawaasaa qabu dubbatti.

Sagantaa cidhaa isheef qophaa’e irratti dargageeyyii lama, shamarran lamaa fi maanguddoonni lama walumatti namoonni jaha itti yaadanii keessummoota fakkaatanii seenuun bilbila harkaa akka hatan kaasti, Haannaan.

“Ani maatii karaa isaa (abbaa manaashee) dhufanin se’e; innis akkasuma namoota karaa maatiikoo dhufan se’e” jarreenis maatiidhuma waliin dhufan fakkaachuun gochicha akka raawwatan himti.

Eenyummaa fi gochi jarreen kanaas viidiyoo cidhaa guyyicha waraabame irratti waan argameef, sana miidiyaa hawaasaa irratti akka maxxansite yaadachiisti.

Maxxansitee guyyaa tokko keessattis bilbilameefii bilbillishee akka deebi’eef kaasti, Haannaan.

Viidiyoon kun dhoobamee sa’aatii 15 keessatti yeroo miiliyoona tokko caalu ilaalame; namni wal harkaa fuudhaa ture.

Mucaan, abbaan bilbilakoo fuudhe sun galgaluma sana naaf bilbilee, ‘Maaloo bor ganaman siif fidaatii [viidiyoo] balleessi’ naan jedhe. Ganamasaa bakkan jirutti naaf fidamee, dhiifama na gaafatani” jechuun haala ture ibsiti.

Hojii “modeeliingii fi beeksisoota gara garaa miidiyaa irratti dalagaaa waan turteef” hamma ta’e karaa sanaan akka beekamtu kan yaadachiistu, Haannaan waggoottan sadan darbaniif ammoo karaa miidiyaalee hawaasaa keessumaa ammoo Tik-Tok’tiin beekamaa akka dhufte himti.

Keessumaa erga gara hojii meekaappii leenjisuutti seentee booda miidiyaan hawaasaa haalaan akka ishee gargaare dubbatti.

Hojiin meekkaappii isheen toora miidiyaalee hawaasaa isheerra keessus akka isheen beekamtu taasiseera. Ijoolleen isheen leenjistus karaadhuma miidiyaalee kanneenii arguun akka galmaa’an dubbatti.

‘Sammuu keessanitti fayyadamaa!’-Gorsa

Haannaa Addaamuu uffata aadaa uffattee

Madda suuraa, Hanna Adamu FB + BBC

Kalaqni gurguddaan addunyaa duraan yaada sammuu namaa keessa turan ta’uu kan kaastu, Haannaan, “namni tokko qarshii qabaachuu caala, sammuu qabaachuutu caaala.

Abalu kana qabaaf, akkana godhe [ilaalchi] jedhamu jira; ani qarshii hin qabu; fira hin qabu [jechuu dhiisuudhaan] waan sammuu keenya keessa jiru hubannee yoo gad baasne waan ija itti hin godhanneef, qarshii hin taaneef jiru.

Oolmaa isaanii sirreessuun, ofitti amanuun yoo hojjetan bakka yaadan ni ga’u” jechuun gorsiti.

Gara fuulduraatti, bakka muraasa qofatti otoo hin daanga’iin ijoollee otoo fedhaa fi dandeettii ogummaa kana barachuu qabanii carraa dhabuudhaan yookaan kaffaltiin qaala’uudhaan barachuu dadhabaniif carraa isaan ittiin baratan uumuuf karoora bal’aa qabaachuus dubbatti, shamarreen kun.