Qondaaltotni Chaayinaa ragaa wayitaawaa Covid-19 akka dhiyeessan WHO'n gaafate

Lammiilee Chaayinaa Maaskii haguuggatanii taa'an

Madda suuraa, Getty Images

Aanga'oonni Chaayinaa ragaa wayitawaa weerara Covid ilaalchisee haala qabatamaa biyyattiin keessa jirtu dhiyeessuu qabuu jechuun Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa beeksise.

Biyyattiin torbanoota darban ittisa Koronaaf dhorkaawwan hedduu keessaa turte kaasteetti. Haata'u malee weerarichi hammaachaa jira jechuun biyyootni alaa biroon imaltoota Chaayinaarraa ka'aniin bu'aa qorannoo Covid gaafachuu eegalaniiru.

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa aanga'ootni ragaa namoota hospitaala keessa jiran, kan kutaa dhibamtoota akka malee(ICU) jiraniifi kanneen du'anii akka dhiyeessan gaafate.

Dhaabbatichi ragaa lakkoofsa talaalamtootaas akka dhiyeessan mootummaa Chaayinaa gaafateera.

Hanga ammaatti Yunaayitiid Isteets, Faransaay, Kooriyaa Kibbaa, Xaaliyaa, Indiyaa, Jappaan fi Taayiwaan imaltootni Chaayinaa irraa ka'an bu'aa qorannoo akka dhiyeessan gaafataniiru.

Kanneen gara UK imalanis xiyyaara koruu isaanii dura Koronaa irraa bilisa ta'uu isaan waan mirkaneessu akka dhiyeessan gaafatamaniiru.

Dhaabbatichi aanga'oota Chaayinaa waliin erga mariyatanii booda ibsa baaseen, ''WHO irra deebiin ragaan wayitawaa haala epidimoolojii jiru agarsiisu, talaallii kennamee fi haala irra jiru keessaumaa namoota saaxilamaniifi kanneen umrii 60 ol jiranii itti fufiinsaan akka dhiyaatu gaafata'' jedheera.

Talaallii fudhachuuf walaawwaluu mul'atuufi weeraricha to'achuu irratti deeggarsa barbaachisus akka kennu ibse.

Hordoffiifi ragaalee jiran maxxansuun hawaasa addunyaa balaarraa ittisuuf barbaachisaadhas jedheera.

Gareen gorsitootaa WHO adeemsa guddina vaayirasii Koronaa irratti mariyachuuf Kibxata dhufu walgahii isaa gaggeessa.

Saayinstiistotni Chaayinaa haala jiru irratti ragaa guutuu akka dhiyeessan ejensichaan affeeramaniiru.

Biyyootni kaan imaltoota Chaayinaarraa ka'an irratti danqaa kaahuu eegaluun isaanii waanuma hubatamuudhas jedheera dhaabbatichi.

Chaayinaatti guyyuu namootni 5,000 ta'an dhibee kanaan haaraa qabamaa jiraachuu ragaaleen mootummaa agarsiisanis qaamoleen biroon garuu lakkoofsi kun dachaa hedduun guddaa ta'aa jedhu.

Qondaaltotni Chaayinaa ji'a Muddee keessa sababa dhibee kanaan namootni lubbuu dhaban 12 ta'uu ibsan.

UK keessatti waajirri ragaalee fayyaa xiinxalu Airfinity jedhamu Kamisa darbe Chaayinaatti guyyaa guyyaan namootni 9,000 ta'an lubbuu dhabaa jiruu jedha.