Chaayinaan talaallii Covid afaan ykn funyaaniin fudhatamu oomishte

Madda suuraa, Getty Images
Chaayinaan talaallii Covid- 19 kan qilleensan karaa afaanii ykn funyaanii gara keessatti fudhatamu akka hojiirra oolu gochuun biyya jalqabaa taate.
Talaallii kana kan omishe dhaabbata CanSino jedhamu yoo ta'u akkuma talaallii lilmoodhan fudhatamuu qabiyyee wal fakkaataa kan qabuufi qaamni namaa Koovid akka ofirra ittisuuf kan barsiisudha jedhame.
Dhabbanni talaallii kana omishe talaallin Convidecia Air jedhamu si'a tokko gara keessatti erga fudhatameen booda sirriitti dhibicha irraa nama ittisa jedheera.
Qorattoonni biroo biyyoota akka UK fi US irraa talaallii funyaan keessatti biifamu qorataa turan.
Qorattoonni akka jedhanitti gosti talaallii karaa funyaanii kennamu kun dandeetti dhibee ittisuu qaama namaa dabaluu mlaa jedhu.
Sababni isaa ammoo vaayirasiin dhibee Koovidii karaa funyaani fi sirna hargansuu gara oliitin qaama seena waan ta'eefi.
Bulchiinsi Omisha Qoricha Biyyoolessaa Chaayinaa talaalliin qilleensaan gara keessatti fudhatamu kan dhaabbata CanSino dhaan omishamutalaallii dandeettii dhibee ittisuu dabalu ykn buustarii ta'ee akka tajaajiluuf mirkaneessee jira.
Qorannoon yaalii talaallii kanaa akka agarsiisutti namoota kanaan dura talaallii fudhataniif gaaridha jedhame.
Ammatti, sagantaan talaallii Kovidii dandeettii dhibee ittisuu dabalu ykn buustarii UK, Weelsi fi Iskootilaand keessatti eegalee jira.
UK keessatti tatamsa'inni dhibee Kovidii gadi hir'atus gara fuulduratti weerarri kun deebi'ee ka'uu danda'a waan ta'eef namoonni talaallii dandeetti dhibee ittisuu dabalu kana akka fudhataniif aangawoonni jajjabeessaa jiru.












