Ertiraan waraanashee cimsaa Itoophiyaan akka hin tasgabboofne taasisaa jirti- gabaasa

Eritraan uggurri meeshaa waraanaa irra kaa'amee ture kaafamuu hordofee waraanashee deebiiftee cimsuudhaan naannichaatti, keessattuu Itoophiyaatti tasgabbiin akka hin jiraannee taasisaa jirti jedhe gabaasni dhaabbanni mit-mootummaa Ameerikaa baasee tokko.

Ertiraan garuu himannaan kanaan kan ta'e jedhamee umameefi akeekkachiisaadha jechuun muddama naannichaatti umameef itti gaafatamtuun Itoophiyaadha jechuun himatte.

Dhaabbanni mit-mootummaa Ameerikaa dhimma mirga namoomaa hordoofuu fi Z Sentarii (The Sentry) jedhamu gabaasa Wiixata darbe baaseen, Ertiraan uggurri meeshaa wraanaa irra kaa'amee ture erga waggaa torbaan dura kaafameen booda, waraanashee deebiiftee ijaaruu fi cimsuudhaan ''ollootashee keessattuu Itoophiyaa keessatti tasgabbiin akka hin uumamne taasisaa jirti'' jedheera.

Waraana daangaa cimaa biyyoota lamaan jidduu tureen booda waggoota digdamaaf wal gaarreeffannaan kan dabarsan Itoophiyaa fi Ertiraan bara 2018tti waliigaltee nagaa erga mallatteessanii booda uggurri meeshaa waraanaa UNn irra kaa'amee ture kaafamuufiin ni yaadatama.

''Yeroo uggurri meeshaa waraanaa irra kaa'amee ture kaafamee yeroo ammaatti, Ertiraan waraanashee deebiiftee ijaaraa, humna ittisaashee cimfachaafi ollootashee akka hin tasgaboofne taasisuu itti fufteetti'' jechuun ture dhaabbanni kun gabaasa baaseen kan ibse.

Gabaasichi itti dabaluudhaan, ''haalli amma jiru yoo soo hin jijjiramiin kan itti fufu ta'e, [Ertiraan] waan gochaa jirtuu itti fufti jedhamee eegama'' jechuun akeekkachiiseera.

Dhaabbanni Z Sentarii jedhame kun gabaasa isaa keessatti, himannaa Ertiraarratti dhiyeessee ilaalchisuun madda oduu Faransaay kan ta'e, AFPn kan gaafataman Ministirri Beeksiisaa Ertiraa Obbo Yemanaan Gabramasqal, ''uumanii seeneessuudha'' jechuun gabaasichaan kan gochaa warra kaanii Ertiraatti ''qabateedha'' jechuun kufaa taasisan.

Ministirrichi itti dabaluudhaan, ''muddama qaxanichatti uumameef sababiin Itoophiyaan seeraan ala ulaa galaanaa fi qarqara galaanaa argachuuf fedhii qabaachuu beeksiisuushee'' ta'u kaasuudhaan Itoophiyaa itti gaafatamtuu taasisaniiru.

Waraanaa Tigraay irratti wali tumsuudhaan waliin TPLF kan lolan motummoonni Ertiraa fi Itoophiyaa michummaansaanii kan qabannaa'uu jalqabe erga waliigaltee Pirtooriyaa kan waraanicha dhaabsiise mallattaa'een booda ture.

Kana malees, Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad dhimmi ulaa galaanaa argachuu Itoophiyaadhaaf dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ta'u ifatti erga beeksiisanii booda walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii gara wal himannaafi wal balaaleeffannaatti ce'era.

Aanga'oonni mootummaa Itoophiyaa Ertiraan dhimma keessoosaanii galuudhaan hidhattootaaf deeggarsa taasisaa jirti jechuun irra deddeebiin himannaa dhiyeessaa kan turan yoo ta'u, dhiheenya ammoo humnootiin Ertiraa daangaa Itoophiyaa qabatan keessa akka bahan gaafatamaniiru.

Dubbiin aanga'oota biyyoota lamaaniifi sabaa himaasaanii irraa irra deddeebiin dhagahamus yaaddoo waraanni deebii'ee ka'u danda'a jedhu uumeera.

Ertiraan qophii waraanaa taasisaa jiraachuu kan ibse gabaasin dhaabbata ''Z Seentirii'' baasee kun, xiyyeeffannoon dhaabbatichaa ijoo dadabarsa maallaqaa waraana deeggaruuf godhamu hordofuu irrattidha.

Bara 2009tti Eritraarratti uggurri meeshaa waraanaa kan kaa'ame himannaa garee Jihaadistoota Somaaliyaatiif deeggarsa taasifteetti jedhuun akka ta'e kaaseera.

Dhaabbatichi gabaasa isaa kana keessatti dararaawwan tibba waraanaa sukkanneessaa waggaa lamaaf Kaaba Itoophiyaa Naannoo Tigraay keessatti gaggeeffameetti raawwatamaniiru jedhees kaaseera.

Tibba waraanni mootummaa federaalaa fi humnooti Tigraay jidduutti gaggeeffameetti waraanni Ertiraa maddii mootummaa Itoophiyaa kan goree ture yoo ta'u, namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman ajjeeffamuu odeeffannoon Gamtaa Afriikaa akka mul'ise AFPn eereera.

Gabaasni dhaabbata Z Seentarii kun qaamooleen waraanicha keessatti hirmaatan hundi yakka waraanaa raawwachuusaanii kaasuudhaan, keessumatti ammoo waraanni Ertiraa kan raawwatte ''kan karoorfamee fi madaallii kan hin qabneedha'' jechuun himateera.