Kooriyaan Kaabaa sagalee guddistuu piroppaagaandaa daangaa Kooriyaa Kibbaatti tamsaastu diiguu eegalte

Bakka sagalee guddistuun Kooriyaa Kaabaa diigamaa jiru

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Kooriyaan Kaabaa sagalee guddistuu daangaa Kooriyaa Kibbaatti ittiin piroppaagaandaa tamsaastu diiguu eegaluushee Kooriyaan Kibbaa beeksifte.

Biyyattiin tarkaanfii kana fudhachuunshee Kooriyaa Kibbaatti pirezidaantiin haaraa filaman Lee Jae Myung walitti dhufeenya Kooriyaa Kaabaa waliin jiru fooyyeessuu akka barbaadan irra deddeebin dubbachuu hordofee ta'uu hin oolu jedhama.

Kooriyaan Kibbaa torbee darbe keessa sagalee guddistuu daangaa irratti piroppaagaandaa Kooriyaa Kaaabatti dhageessiftu keessaa muraasa diigdee turte. Pirezidaantii haaraan ji'a Waxabajjii keessa aangotti akkuma dhufaniin tamsaasa piroppaagaandaa dhaabde.

Kooriyaan Kibbaa yeroo heddu sirboota K-pop fi gabaasawwan oduu sagaleewwan guddistuu daangarra jiraniin Kooriyaa Kaabatti tamsaasti. Kooriyaan Kaabaa ammoo sagalee nama jeequ kanneen akka sagalee bineensotaa fa'aa Kooriyaa Kibbaatti dhageessifi.

Waraanni Kooriyaa Jimaata darbe akka beeksisetti, loltoonni Kooriyaa Kaabaa sagaleewwan guddistuu daangaa biyyoota lamaanirra jiru hanga tokko diigaa akka jiru.

Kanaan duras biyyoonni lamaanuu sagalee guddistuudhaan piroppaagaandaa walitti erguu waggaa jahaafa erga addaan kutanii booda bara 2024 deebisanii eegalan.

Kuni ammoo kan ta'e Kooriyaan Kaabaa afuufewwan balfaan guutaman Kooriyaa Kibbaatti erguu hordofeeti.

Jiraattonni gama lamaanuu sagalee nama jeequ sagalee guddistuuwwaniin gadi lakkifamaniin jeeqamaa jiraachuu komatu. Keessumaa halkan walakkaa fa'aa osoo hin eegin piroppaagaandaa sagalee guddistuu kanneeniin gadi lakkifamaniin jeeqamuu himatu.

Kooriyaan Kibbaa akka beeksiftetti piroppaagaandaan sagaleewwan guddiftuu kanneenin darbu fageenya hanga km 24 irrattuu ni dhagahama.

Pirezidaantii duraanii Kooriyaa Kibbaa Yoon Suk Yeol jalatti walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii daran hammaatee ture.

Pirezidaantiin Kooriyaa Kibbaa haaraan aangoo qabatan garuu Kooriyaa Kaabaa wajjin muddamni jiru laaffatee hariiron akka cimu barbaadu.

Yoon Suk ji'a Mudde darbe Kooriyaa Kibbaa yeroo gabaabaaf seera waraanaa jala galchuu hordofee himatamuun aangorraa kaafaman.

Waraanni Kooriyaa Kaabafi Kooriyaa Kibbaa bara 1953tti dhumus ammayyuu biyyoonni lamaanuu sadarkaa yaadatti waraanatti jiru- sababni isaa ammoo hanga ammaa waliigalteen nagaa hin mallattoofne waan ta'eef.