Basaastuun beekamtuu Ameerikaa 'akkaan miite' hidhaa waggoota 20 booda gadhiifamte

Madda suuraa, FBI
Basaastota beekamoo bara waraana ololaa Ameerikaatiin qabaman keessaa tokko kan taate Anaa Montes hidhaa waggoota 20 booda hiikamteetti.
Dubartiin ganna 65, dhaabbata Ameerikaa Defence Intelligence Agency osoo mindeeffamtee jirtuu waggoota 20’f Kubaaf basaasaa turte.
Erga bara 2001 hidhamte booda aangawootni sochii Ameerikaan odola Kuubaa irratti gochaa turte mara jedhamuu danda’u biyya ormaaf kennite jedhan.
Qondaalli tokko basaastota to'ataman keessaa ‘’kan baay’ee Ameerikaa miitedha’’ jechuun himan.
Pirezidantii Joorj W Buush jalatti hooggantuu Kaawuntar Intelijans kan ta’an Misheel Vaan Kiliiv bara 2012 Kongirasii Ameerikaatti kana dubbatan:
‘’Waan hunda – waan hunda waa’ee Kuubaa beeknuufi sochii achii qabnu mara saaxilte,’’ jedhan.
‘’Sababa kanaaf warri Kuubaa waa’ee isaanii waan beeknu mara baran. Isammoo deebisanii nurratti fayyadamuu danda’u.
‘’Dabalataan, marii hojjettoota waliin taasifamuun tilmaama waa’ee Kuubaa irratti dhiibbaa uumuufi odeeffannoo argatte biyyoota kaanitti kennuuf carraa argatte,’’ jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Erga Montees hidhamtee booda eenyummaa basaastota US afuriifi odeeffannoowwan iccitii hedduu dabarsanii kennuun himatamte.
Waggaan 25 irratti murtaa’e. Abbaan murtii itti muran ‘’biyya guutuu balaarra buuste’’ jedhanii himatan.
Haa ta’u malee, akka basaastota bara ololaa faayidaa dhuunfaaf osoo hin taane ilaalcharraa kan maddeen tarkaanfii kana fudhatte.
Sochii bulchiinsi pirezidantii Ameerikaa Regaan Laatin Ameerikaatti yeroos dalagaa ture mormuun ture Kuubaaf basaasuu kan filatte.
Ragaan waajjira Ministeera Ittisaa irraa argame riphee loltoota Nikaaraguwaa yakka namoomaa raawwachuun shakkaman Ameerikaan waan deeggarteef isheen akka kanaan mufatte agarsiisa.
Erga Ameerikaarratti mufii ibsite booda bara 1984 Yunivarsiitii Joon Hopkinsitti barataa waliin barattuun walitti dhufte.
Eegasii booda eejantii basaasaa Kuubaa waliin wal barte.
Magaalaa Niiw Yoorkitti sagantaa irbaataa irratti karaa Kuubaa Nikaaraguwaa gargaaruuf ‘fedhii agarsiisuun’ walii galuu ishee gabaasichi mul’isa.
Waggaa itti aanu leenjiif gara Havaanaa imaluun dhaabbata Defence Intelligence Agency seente.
Achi keessattis hanga xiinxaltuu olaantuu dhimma mootummaa komunistii Kuubaa ta’urra geesse.
Waggoota 20’tti dhihaatuufis kanneen qondaaltota Kuubaa waliin manneen nyaataa Waashingitanitti wal argaa turte.
Bara 2001 qondaaltonni tikaa Ameerikaa eeruu dhagahanii hordofanii qaban. Eejantiin FBI ishee hidhe yoo hidhamtu mormiiyyuu hin agarsiisne jedhan.
Montees eega hiikamteyyuu waggoota shaniif, itti fayyadama intarneeta ishee dabalatee ni hordofamti.
Mootummaaf hojjechuu hin dandeessu. Qondaalota tikaa biyyoota alaas eeyyama malee qunnamuu hin dandeessu.
Ejantiin FBI ishee hidhan Pete Lapp garuu lammata basaastota Kubaa waliin waan wal agartu natti hin fakkaatu jedhan.












