Ilmi ajajaa poolisii poolisoota biroo lama rasaasaan rukute barbaadmaaa jira

Madda suuraa, LA VERGNE POLICE DEPARTMENT
US bulchiinsa Teneesitti ilmi ajajaa poolisii poolisoota biroo lama rasaasan rukutee miliqe ammayyuu barbaadamaa jira.
Ajajaa Poolisii Naashiviil kan ta'an Joon Daarek ilmisaanii Joon Daarek Juuniyer jedhamu haleellaa poolisoota irratti raawwateen "nama balaafamaadha" jedhame.
Qondaalli naannichaa akka jedhanitti ilmi ajajaa poolisii kun "nama meeshaa hidhateefi balaafamaa jedhamee akka ilaalamu ibsan.
Yeroo ammaa bulchiinsa kana keessatti barbaachi bal'aan godhamaa jira. Poolisoota lama rasaasan rukutuunsaa ammoo yakka yaalii ajjeechaa olaadhaan akka barbaadamu isa taasisa.
Shakkamaan kun nama ganna 38 yoo ta'u, Biiroo Qorannoo Teenis keessatti nama akkaan barbaadamu ta'ee galmaa'ee jira.
Namicha poolisoota lama rukute kan namni arge badhaasa dolaara 2,500 akka argatu angwaaoonni ibsan.
Poolisoonni lama Ashlee Boleyjak fi Girigorii Kaarn gaafa Sambata, Onkoloolessa 21, 2023 osoo konkolaataa bade barbaadaa jiranii Joon Daarek Juuniyer rasaasan isaan rukute.
Abbaa shakkamaa kanaafi ajajaa poolisii kan ta'e Joon Daarek ilmisaa poolisootatti dhukaasee rukutuu gaafa dhagahu "naasuufi gaddi guddaan akka itti dhagahame" hime.
Akkasumas yeroo dheeradhaaf ilmasaa kana wajjin walitti dhufeenya xiqqaa akka qaban hime.

Madda suuraa, LA VERGNE POLICE DEPARTMENT
Poolisoota rasaasan rukutaman keessaa Ashlee Boleyjak yaala argattee hospitaalaa yoo baatu Girigorii Kaarn ammoo ammayyuu hospitaalatti yaalirra jira.
Kantiibaa magaala Naashvil Fireedii O'Koneel ammoo: "Ajajaa poolisii kan ta'an Joon Daarekif nan gadda. Akkasumas maatii isaam poolisoota miidhaman lamaanif gadda natti dhagahame ibsuun barbaada."
"Dhamaatin nuti isaan [ijoollee keenyaf] taasifnu- keessumaa yeroo daa'immaasaanii akkuma jirutti ta'ee waanta miseensonni maatii keenya filannoo isaanitiin raawwataniif itti gaafatamuu hin dandeenyu" jedhan.












