Paayileetii xiyyaara kuffisuuf yaaleetti balleessaan murame

Madda suuraa, Getty Images
Namni duraan Paayileetii ture fi motora xiyyaara imaltootaa baatuu cufuuf yaaluun himatame kun Joozeef Deevid Emersan jedhama.
Namni kun himannaa mana murtii federaalaatti irratti dhiyaate amaneera.
Emersan gabbiinaa xiyyaara Daandii Qilleensaa Alaaskaa yeroo hojii idileesaatiin alatti seeneetu xiyyaarri balali'aa otoo jiruu balaliistoota xiyyaarichaan''na dhukkuba'' jedhe, motora xiyyaaricha kutuuf osoo hin yaalin dursee.
Emersan ingudaayii nama qaajjeessu 'saayikideelikii' jedhamu nyaatee akka turee fi dhiphina sammuun dararamaa akka ture poolisiitti himeera.
Abbootiin alangaa hidhaa waggaa tokkoon akka adabamu yaada dhiyeessan.
Abukaatonni isaa garuu hidhaan kana caalu akka itti dabalamne ni falmuuf jedhameetu eegama.
Emersan mana murtii Origaanitti dhiyaatee xiyyaara balaliirra jiru balaadhaaf saaxiluu amanuun, mana murtii federaalaatti balleessaan itti muramuu dhaabbanni BBC waliin kan hojjatu CBS News gabaaseera.
Mana murtii Origanitti kanaan dura hidhaa guyyoota 50 itti muramee, hidhamee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kana malees, waggaa shaniif akka xiyyaara hin balaliisne dhorkame, tajaajila hawaasaa sa'aatii 664 akka hojjatu fi doolaara 60,659 (£44,907) beenyaa akka kaffalu itti murtaa'uusaa CBS News gabaase.
"Wanti Jooseef Emersan hojjete gara jabuma, ofittummaa fi yakka ture," jedhan Abbaa Alangaa Ittaanaan bulchiinsa Multinomah, Origan kan ta'an Erik Pikard.
"Lubbuu namoota 84 balalii xiyyaara lakkoofsi gabatee 2059 ta'e sana keessa turan qofa osoo hin taane, miseensota maatii fi hiriyootasaanii hunda balleessuuf hammam akka fiixeerraa gahe yaadachuu qabna" jedhe.
Emersan Jimaata darbe mana murtiitti wayita dhiyaatee ingudaayii nama qaajjeessu ergan nyaadhee booda haala qabatamaa jiru hubachuu akka hin dandeenye jedhe dubbateera, garuu "kun badii kana sirrii hin taasisu" jedheera.
"Imalli ulfaataa kun abbaa ijoollee fooyya'aa, abbaa warraa fooyya'aa, miseensa hawaasakoo isa fooyya'aa na taasise," jedha.
Xiyyaarichi Onkoloolessa 22, 2023 kun Everet, Waashingitan irraa gara San Firaansiskoo, Kaalifaariniyatti imaltoota 80 baatee balali'aa ture.
Sana booda gara Poortlaand, Origanitti kallattiin jijjiirachuun qubachuuf dirqame.
Himannaan irratti dhiyaate akka jedhutti, balaliisaa xiyyaarichaa tokko hanga motora xiyyyaaricha cufuuf yaalaa ture dhiisutti Emersan waliin wal'aansoo qabee gabbinaa xiyyaarichaa keessaa isa baase.
Taatee kun hundi gara sekondii 90 kan fudhatedha.
Galmee himannaasarratti murtoo laachuuf Sadaasa 17,2025tti beellamameera.












