Joon Siinaan ispoortii wallaansoo irraa soorama bahuu beksise

Joon Siinaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Siinaan kana deeggartoota isaatti kan akka tasaa hime

Taatoo fi dorgomaan wal'aansoo (reesilara) lammii Ameerikaa Joon Siinaan dorgommiiwwan tapha wal'aansoo falmu (World Wrestling Entertainment (WWE)) irratti dorgomuu irraa soorama ba'uusaa beeksise.

Siinaan kana deeggartoota isaatti kan akka tasaa hime sagantaa qophii WWE Money in the Bank jedhamuun Kanaadaatti gaggeeffame irratti wayita haasaa taasiseetti ture.

Waggoota 18 dura gara dorgommii tapha wallaansoo (wresling) kanaatti kan ce'e gaheessi umuriinsaa ganna 47 Joon Siinaan, dorgommiin isaa inni dhumaa dallaa cufaa (in-ring) keessatti bara 2025 gaggeeffamu akka qaama nagaa dhaamuutti akka ta'u dubbateera.

Joon Siinaan yeroo baayyee akka oggeessa taphataa wal'aansoo yeroo hunda keessaa isa guddaa ta'etti kan ilaalamu yoo ta'u, bara 2001 WWE'tti erga makamee as yeroo 16 shaampiyoonaa addunyaa ta'eera.

"Halkan kana WWE irraa soorama bahuu koo ifattan beeksisa," jechuun deeggartoota isaa Toroontootti argamanitti hime.

Deeggartoota isaatiif Joon Siinaan soorama bahuuf murteessuun waan hin eegne ta’ulleen, boodarra "galatoomi Siinaa" jechuun dinqiisiifannaa isaaf qaban ibsatan.

"Sochii gaarummaa ajaa’ibsiisaa amanuuf nama dhibuu attamiitii" jechuun deebii kenneef.

Tiishartii jechoota "The Last Time is Now" jedhu fi mallattoo daldalaa isaa kan ta’e "jorts" [denim shorts] jedhu ofiirraa qabu uffachuudhaan, deeggartoota WWE isaatiin, "mana isin waggootaa dheeraaf ijaartan keessatti akkan taphadhu naaf hayyamuu keessaniif isiinan galateeffadha’’ jedheen.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Boodarra ibsa gaazexeessitootaaf kenneen, qaamaan "kan dhumaa ta’uun" itti dhaga'amu malee, sadarkaa ta’een qaama maatii WWE keessa turuuf akka yaadu dubbateera.

Joon Siinaan tapha jalqabaasaa bara 2006 yeroo fiilmii The Marine jedhamu keessatti hirmaate yoo ta'u, itti fufees fiilmiiwwan baajata guddaa qaban hedduu kan akka The Suicide Squad, Fast & Furious 9 fi Teenage Mutant Ninja Turtles fakkaatan dabalatee hedduu keessatti qooda fudhateera.

Taatoo urjiin kunis yeroon ogummaa taatoosaa xumuramu, bara 2018 irraa eegaluun akka hojjataa yeroo dabalataatti WWE keessatti hojjataa ture.

Bara kana yeroo badhaasa Oskaar irratti, uffata malee qullaa erga mul'atee booda mata duree oduu ta'eera.

Akkasumas lammiin Ameerikaan kunis nama yeroo hunda dhaabbata tola ooltummaa Make-A-Wish waliin nama beekamaa baay'ee ijoollee gaafatudha.

Daa'imman Make-A-Wish kanneen dhukkuba cimaa qabaniif baay'ina hawwii kennameen Rikardii Addunyaa Giinasii qabateera.