Gamtaan Afrikaa beekamtii biyyummaa Somaaliilaandiif kennamu kamiyyu hin fudhadhu jedhe

Dursaan Komishiniin Gamtaa Afrikaa beekamtii biyyummaa Somaaliilaandiif kennamu kamiyyuu akka hin fudhanne ibse.

Gamtichi Israa'el Somaaliilaandiif ifatti beekamtii kennuu hordofee ibsa Jimaata galgala baaseen, murannoo Gamtaan Afrikaa tokkummaa fi walabummaa Somaaliyaatiif qabu kan hin sochoonedhas jedheera.

Dursaan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yusuuf, Somaaliilaand ilaalchisee waan tibba kana deemaa jiru kan hubatanii fi yaaddoo cimaa qaban ta'uu ibsi Komishiniin Gamtaa Afrikaa baase kun mul'iseera.

Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Netaaniyaahuu bulchiinsa Somaaliyaan qaama kooti jettuun garuummoo bulchiinsa ofiin bultu Somaalilaandiif ifatti beekamtii biyyummaa kennuu ibsan.

Waliigaltee biyyummaa Somaalilaand labsu kana Benjamiin Netaaaniyaahuu, Ministira Haajaa Alaa isaanii Sa'aariifi Pirezidantii Rippaablika Somaalilaand waliin ta'uun mallatteessaniiru.

Netaaniyaahuun viidiyoo waliigaltee kana agarsiisuufi fuula miidiyaalee hawaasaa isaaniirratti qoodaniin, Pirezidantii Somaalilaand Abdiraahimaan Mohaammed Abdallaan baga gammaddan jedhaniiru. Tasgabbii nagaa mirkaneessuuf hooggansaafi murannoo agarsiiteetta jechuunis jajajaniiru.

Pireezidantiin Somaalilaand daawwannaa olaanaaf gara Israa'el akka deeman affeerraa dhiyeessaniirufis.

Dursaan Kumishinchaa,"ejjennoon Gamtaa Afrikaa durirraa kaasee jiruufi hin raafamne seera hundeeffama Gamtichaarraa madde bu'uureffateen, addumatti ammoo daangaan bara walabummaarraa dhaalame Dhaabbanni Gamtaa Tokkummaa Afrikaa bara 1964 murteesse akka kabajamu irra deebiin jabeessine mirkaneessina," jedhan.

Dursaan Komishinichaa sochii fi tarkaanfii Somaaliilaand akka biyyatti beekamtii kennuu kamiyyu akka hin fudhanne ibsuun, Somaaliilaand qaama Rippablika Federaalawaa Somaaliyaa taatee itti fufti jedhan.

"Carraaqqiin tokkummaa, walabummaa fi tokkummaa daangaa Somaaliyaa tuffachuuf taasifamu kamiyyu faallaa danbii Gamtaa Afrikaa bu'uuraa yoo ta'u, nagaafi tasgabbii guutummaa ardittiitiif balaa guddaa hordofsiisu qabaata>"

Dura taa'aan Komishinichaa Gamtaan Afrikaa tokkummaa, abbaa biyyummaa fi tokkummaa daangaa Somaaliyaatiif kutannoo hin raafamne qabaachuu isaa, akkasumas tattaaffii aangawoonni Somaaliyaa nagaa cimsuuf, dhaabbilee mootummaa jabeessuuf, bulchiinsa hunda hammate tarkaanfachiisuuf godhaniif deeggarsa guutuu kan taasisuusaa ta'uu ibsaniiru..

Somaaliilaand erga ofiin of bulchuu jalqabdee waggoonni 35 darbaniiru.

Bara darbe yeroo waggaa 34ffaa ishee kabajattu pirezidaantiin biyyattii Abdirahaamaan Mohaammad Abdillaahii Irroo hawwaasni idil-addunyaa beekkamtii biyyummaa Somaaliilaandiif akka kennaniif waamicha godhanii ture.

Itoophiyaa dabalatee biyyoota 130 tahaniif pirezidaantichi xalayaa barreessuun beekkamtii akka kennaniif gaafatan.

Guyyaa Biyyaalessaa Somaaliilaand yeroo kabajatan, ''Yeroon itti Rippaabilika Somaaliilaandiif beekkamtii kennitan amma. Nageenyaa Galaana Diimaa fi badhaadhina Gaanfa Afrikaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa bahachuuf qophiidha,'' jedhan.

Pirezidaantota, Ministiroota Muummee, Moototaa fi Emiirotaaf xalayaa akka rabsan kan ibsan pirezidaantichi, Somaaliilaandi biyyoota hunda waliin hariiroo gaarii tolfachuu akka barbaaddu himaniiru.

Dabalataan biyyoota Somaaliilaand waliin michummaa gaarii qaban akka Itoophiyaa, USA, Jibuutii, UK,UAE, Taayiwaan, Tarkii, Keeniyaa fa'aa maqaa dhahuun waan Somaaliilaand waliin hariiroo gaarii qabaniif pirezidaantichi galateeffatanii ture yeroo sanatti.

Bulchiinsi humna waraanaa Pirezidant Siyaad Baarree wayita bara 1991 hunkutaa'u Somaalilaand addatti of baastee walabummaashee labsatte.

Somaaliyaan bara 1960 biyya eegumsa Biriiteen jala turteefi kolonii Xaaliyaanii irraa erga hundooftee yoomuu nagaa hin arganne.

Erga Siyaad Baarree aangoorraa ari'amee ammoo biyyattiin bulchiinsa abbaa irrummaa jalatti kufte.

Gariin ishee gammoojjii ho'aa kan ta'eefi Galoo Galaanaa Aden marsitee kan argamtu Somaalilaand bal'inni lafashee iskuweer kiilomeetirii 177,000.

Uummannishee miiliyoona 5.7 ta'an afaan Somaalii, Arabaa fi Ingilizii dubbatu.

Magaalaa guddoon Somaalilaand Hargeessaan wayita waraana waliinii uummata Somaalee guddoo miidhamte, yeroo ammaa akkaan misoomaa jirti.

Somaalilaand walabummaashee labsattee adda ba'uu hordofee waraanni dhalate lubbuu kuma dhibbaan lakkaa'amu galaafate, magaalattii akkaan barbadeesse.

Humnoonni Siyaad Baarree riphee loltoota adamsuun haleellaa itti fufus, kanneen adda ba'uu fedhan garuu qabsoosaanii cimsanii itti fufan.

Hunduu garee gareen walgurmeessee waraana ijaarratee bakka qabatee walwaraanuu eegale, waraanni waliinii gosoota jiran gidduutti hammaate.

Bara 2000 keessa mootummaa qindaawaan deegarsa idiladdunyaa qabu- Somaaliyaan, naannawa kana to'annoo jala oolchuuf guddoo qabsaa'e.

Wayita kana kallattii kaabaa kan jiran Somaalilaand fi Puuntilaand nagaa qabu, birqabaan tasgabbii qabu.