Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yaaddoon hongee Keeniyaatti akka 'balaa biyaalessaatti' labsamuuf gaafatame, Itoophiyaatti hoo?
Miseensonni Paarlaamaa Keeniyaa mootummaan hongee 'balaa biyyaalessaa' jedhee akka labsu gaafataniiru.
Marsabeet fi Maandeeraa dabalatee Kaaba Keeniyatti namoota miliyoona 2.1 ol hanqina nyaataa cimaa mudate.
Uummata kana gargaarsa hatattamaatti barbaachiisaa jechuun miseensonni paarlamaa naannolee Kaaba Keeniyaa bakka bu'an mootummaan Keeniyaa hongee 'balaa biyyaalessaa' jedhee akka labsu gaafatame.
Afrikaan Bahaa balaa hongee biraatiif akka saaxilamu raagni haala qilleensaa ni agarsiisa.
Raaga kanaan hanga Amajjii 2026 dhufuutti roobni idilee gadii akka jiraatu kan eegamu yoo ta'u, kibba baha Itoophiyaa, baha Keenyaa fi kibba Somaaliyaatti gogiinsi uumamu jireenya miliyoonotaa balaarra buusuu akka danda'u agarsiisa.
Wiirtuun raaga haala qilleensaa IGAD (ICPAC) walakkeessa ji'a Sadaasa darbee akka raagetti kibba baha Itoophiyaa, baha Keenyaa fi kibba Somaaliyaatti seensuma waqtii roobaa darbee irraa kaasee haalli qilleensi ture kan baramerra gogaa dha.
Xiinxalli haala roobaa ji'oota Hagayyaa hanga Onkololeessaa ture, hanqinni roobaa naannicha mudachuu mul'isa. Agarsiiftuun haala gogiinsaa, hanqinni roobaa kun jiidhinsa biyyoo gad buusuu fi coolaguu biqilootaa hordofsiisuu mul'isa.
Haalli kun inumaa bakkeewwan tokko tokkotti rifaasisaa ta'uu mul'isa raagni haala qilleensaa.
Taateen Laa Niiñaa fi ho'i garba guddaa Indiyaarraa ol ka'uun dhalatu kun, Afrikaa bahaatti ji'oota Fulbaana hanga Muddee hanqina roobaa uuma. Taateen akkanaa bara 2010 fi 2022 keessa Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaatti hongee hamaa hordofsiisee ture.
Haalli tempireecharaa dachii fi galaanaarraa baramaa hin taanee fi sochiin atmosferii ammaa kun Laa Niinaan mul'atuu fi garmalee ho'uun garba Indiyaa hongeen miilanaa hammaan kan baroota asiin duraa beeknun kan wal madaaludha.
Akka malee ho'uun garba Indiyaa ji'a Mudde guutuu itti fufa kan jedhu raagni haala qilleensaa, taateen Laa Niinaa jedhamus hanga ji'a Guraandhalaa 2026tti akka itti fufu agarsiisa. Kun immoo gogiinsa durumaanuu jiru ni hammeessa.
Raagni waqtaawaan wiirtuu raaga qilleensaa ICPAC walakkeessa ji'a darbee baase kun ji'a Sadaasaa hanga Amajjii 2026 haalli qilleensaa Gaanfa Afrikaa kan baramerraa carraan gogiinsaa isaa daran olaanaa akka ta'u akeeka.
Kun haala amma jiru kan hammeessu akka ta'u raagameera. Sochiiwwan hawaas-diinagdee akka qonnaa fi wabii nyaataa, qabeenya bishaanii, beeyladaa, fayyaa namaa fi sirna nyaataa irratti dhiibbaa ni qabaata jedhameera.
Itoophiyaatti goginsi kun hagam yaadessaadha?
BBC'n balaa gogiinsaa kanarratti Dura taa'aa boordii Institiyuutii Qorannoo Qonnaa Federaalaa fi Gorsaa Institiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Dr Abarraa Dheeressaa dubbiseera.
Dr Abarraan, Hongee sababa jijjiirama qilleensaan dhufu qolachuuf misoomni bishaanii naannawa horsiise bulaa akka Booranaa fa'itti hojjettamu murteessaa ta'uu dubbatu.
"Akkuma beekamu, hongeen waggaa 20, 30 dura turee fi hongeen har'aa adda adda. Amma mootummaanis projektii adda addaa qopheessee misooma adda addaa naannawa sanatti hojjetamaa jira.
Bishaan akka bahu godhamaa jira. Nyaatni beeyladaas bishaaniin akka oomishamu godhamaa jira. Yeroo humnaa ol ta'e immoo nyaata beeyladaa iddoo jiruu bitanii fidanii yeroodhaan dhiyeessuudhaaf yaalamaa jira.
Yeroo humnaa ol ta'ee hongeen kun cimemmoo horsiisee bulaan naannoo sanaa beeylada isaa yeroodhaan baasee gurguratee horii baankii kaawwatee deebisee yeroo bokkaan dhufe baasee bitachuu akka danda'u gorsi adda addaa kennamaa jira" jedhan.
Hongee marmaartuu deddeebitee baha Afrikaatti hawaasa fi beeylada balaaf saaxiltu tanaaf falli waaraan misooma bishaanii akka ta'e cimsanii dubbatan Dr Abarraan.
"Kanarraa barree, gara fuulduraatti garuu falli hunda caalu, bishaan boolla keessaa ni jira.
Naannnoo Booranaa, naannoo Somaalee kana bishaan boolla keessaa baasanii yeroodhaan dhiyaatee yeroo hongeen sun hammaatu nyaatni beeyladaas, beeyladni bishaan akka argatanii jiraachuu akka danda'an projektii guguddaa, hidha bishaanii adda addaa hojjechuun mootummaan kallattii kaawatee itti deemaa jira."
Karaa biraatiin hawaasi daangaarraa kan biyyoota kanneenii [Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa] akkataa yeroo hongee leeccalloo waliin qooduu danda'urratti hojjetamaa jiraachuu eeran.
Dhimma hongee tanarratti yaada Komishinii Ittisa Balaa Federaalaa dhagahuuf yaaliin goone hin milkoofne.
Mootummaan Keeniyaa hongee 'balaa biyyaalessaa' jedhee akka labsu gaafatame.
Gama Keeniyaatiin, miseensonni Paarlaamaa naannawa Kaaba baha Keeniyaa hongeen mul'ate namaa fi beeylada gaaga'uu akka danda'u akeekkachiisan. Mootummaan Keeniyaa hongee balaa biyyaalessaa jedhee akka labsu waamicha godhan.
Hongeen tanaan kutaalee akka Maandeeraa fi kaaba baha Keeniyaa keessaatti beeyladni dhumaa jiraaachuu. Namnis du'aa akka jiruu fi buqqa'aa akka jiru miseensonni Paarlaamaa biyyattii ibsan.
Mootummaan tarkaanfii hatattamaa akka fudhatu kan gaafatan yoo kun ta'uu baate hongeen kun balaa hamaa dhaqqabsiisuu akka dandeessu akeekkachiisan.
Keeniyaan wabii nyaataa mirkaneessuuf sanyii ruuzii jijjiirama qilleensaa damdamatu Afur hawaasaa naannawa hongeen itti deddeebiti jiraatuf raabsitee turte.