Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aljeeriyaa fi Morookoon Tukaaniin Faransaayii akka biyyasaanii hin galle daangaa irratti qorannoo cimsan
Qondaalonni mootummaa Aljeeriyaa tukaaniin ykn geergoon Faransaayitti manaa nama baasuu gahe akka gara biyya isaaniitti hin babal’anneef eegumsa fayyaa daangaa irraatti cimsan.
Ministeerri Fayyaa Aljeeriyaa daangaa biyya isaanii irrattis tahe yeroo namoonni Faransaayii xiyyaaraan dhufan hordoffii fayyaa akka taasisan himan.
Daangaa fi seensa biyyattii irratti ''xiyyaara, doonii fi konkolaatota daangaa biyya saanii seenan irratti keemikaala biifuu fi hordoffii fayyaa taasisuu,’’ akka jalqabu himan.
Sodaan isaanii ilbiisni dhiiga namaa xuuxuu fi miidhaa xiin-sammuus nama irraan gahu Faransaay irraa aka gara biyya isaanii hin galle dhorkuudha.
Uummatni Aljeeriyaa hedduun gara Faransaay akkasumas ammoo Faransaay irraa gara Aljeeriyaatti imalu.
Ministeerichi uummanni dammaqinaan akka of eeggatuuf malee hanga ammaatti tukaaniin asitti argameera gabaansi jedhu biyyattii keessa hin jiru jedhan.
Dabalataan biyyi olla Aljeeriyaa jirtu Morookoon akka facaatiin tukaanii ykn geergoo kun biyyashee hin galleef tarkaanfii fudhatteetti.
Tukaanii ykn geergoon Faransaay magaalaa Paarisiifi magaalota biyyattii kaan keessatti babal’achuun yaaddoo guddaa uumeera.
Bara 2024 keessa Paaris dorgommii Olompikii keessumeesiti. Eegumsa fayyaa waliin wal qabatee kun yaaddoo uumeera
Yaaddoon weerara geergoo sadarkaa kanatti yaadessaa tahuun amma miidiyaalee idil-adunyaafuu ijoo dubbii taheera.
Gama tokkoon dhugumadha, gama biraan ammoo hangas yaadessaa miti. Dhimmichi akkasi. Iddoowwan geergoon kun itti argame isa kan torbanoota duraa irra babal’ateera. Sadarkaa akkasiin kan dabalaa ture waggoota dheeraa dura ture.
''Yeroo bonaa facaatiin geergoo kun haalaan dabala,'' jedhe Jiin Mikaa’el Berenger, Hospitaala Maarseetti ogeessa qorannoo ilbiisotaa kan tahe.
''Sababni isaa ji’a Adoolessaafi Hagayya keessa namootni baay’een waan imalaniif yeroo bonaa manatti deebi’an bakka tahee uffata isaanii keessatti qabatanii deebi’u,'' jedhe.
''Waggaa waggaan hammii facaatii isaa dabalu, isa kan bara darbee caala.''
Magaalaa Paarisitti, namoonni gamoowwan keessa jiraatan kudhan keessaa tokko waggoota shanan darbaniif geergoon rakkachaa turan, amma immoo haaraan itti dabalame.
Gabaasni geergoon tibbanaa kun galma siniimaa keessatti argame jedhu hin mirkanoofne, garuu xiyyeeffannoon itti kennamee ilaalamaa jira.
Akkasumas namootni baabura keessattis geergoon nyataaman jedhu jira.
Amma manni qopheessaa Paarisii fi bulchiinsi pirezidaanti Imaanu’eel Maakiroon tarkaanfii gahaa akka fudhatamuuf waamicha gochaa jiru.