Warqii argachuuf quunnamtii saalaafi miidhaa bakka warqiin qotamuutti daa'imman irra gahu

Albuuda baastonni seeraan alaa bakka kana dura dhaabbilee gurguddoo warqii baasaa turanii dhiisanii deeman keessaa mala aadaan warqii qotu.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Albuuda baastonni seeraan alaa bakka kana dura dhaabbilee gurguddoo warqii baasaa turanii dhiisanii deeman keessaa mala aadaan warqii qotu.

Odeessi kuni qabiyyee miira keessan jeequu malu ofkeessaa kan qabudha.

Joonaatan, nama Afrikaa Kibbaatti ji'oota ja'aaf bakka albuudni itti baafamuu fi lafa jala hojjechaa ture. Wanti yeroo hunda miira isaa jeequ waan miidhaa dirree warqeen itti baafamu kanatti daa'imman irratti raawwatamudha.

Akka namootni achi jiraatan jedhanitti, daa'imman kuni kaan isaanii gatii rakasaan qacaraman, kaan ammo qunnamtiima saalaatiif kan bitamani.

Joonaataan, dargaggeessi ganna 20 gara Afrikaa kibbaatti godaansan kan deeme hawwii salphaatti maallaqa argachuuf jedhuun yoo ta'u, bakki inni itti hojjechuuf murteesse ammo dirree albuudni kun baafamudha.

Odeessa kana keessatti sababa wanbadoonni hojii albuuda baasuu seeraan alaa bakkichatti hojjetan miidiyaatti dubbachuu isaa yoo baran miidhaa irraan gahuu malaniif odeeffannoon eenyummaasaa ibsu hundi odeessa kana keessatti dhokfameera.

Sagaleesaa miira tasgabbii qabuun hoo'a boolla albuuda keessaa baasan kana keessaa, sa'aatii dheeraa hojjetanii fi hirriibaa fi nyaata gahaa dhabuu bakka kanatti isa qoraa jiru hima.

Hunda caalaa wanti sammuu isaa jeequ garuu dhimma ijoollee umuriin isaanii hin geenyee fi dirree albuudni bahu kana keessatti dararamaa jiraniidha.

"Ijoollee xixiqqoo ganna 15-17 gidduu jirantu jira. Yeroo tokko tokko warri kaan isaan miidhu. Waan sodaachisaa ta'ee fi miira gaarii namatti hin uumedha" jedha.

Akka Jonaatan jedhutti, dargaggeeyyiin bakka kanaa albuuda baasan warqee argatanirraa waan muraasa siniif kennina jechuun bakka sanatti isaan waliin qunnamtii saalaa raawwatu.

"Daa'immaan kunneen maallaqa argachuu waan baayyee barbaadaniif, rakkoo dhufuu danda'u hundaa fudhatanii qunnamtii saalaa isaan waliin raawwatu" jedha.

Kana malees, akka dargaggeessi kuni jedhutti, daa'imman kunneen achi hojjetan miidhaan akka irra hin geenyeef garee albuuda baastotaatti dhihaachuu yaalu. Garuu gareen kunis isaan tiksuuf haalduree kaa'ufi jedha.

Dirqama gareen kuni isaaniif kenne osoo hin bahatin yoo hafanis qunnamtiin saalaa akka mala adabbii tokkootti isaanirratti raawwatama.

Albuuda baastonni seeraan alaa bakka albuudaa kana keessa lafa jala kiloomeetira hedduu deemanii warqii kan baasan yoo ta'u ji'ootaaf utuu irra laftti hin ba'imn turu.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Albuuda baastonni seeraan alaa bakka albuudaa kana keessa lafa jala kiloomeetira hedduu deemanii warqii kan baasan yoo ta'u ji'ootaaf utuu irra laftti hin ba'imn turu.
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Daa'imman bakka kana hojjetan hedduun isaanii kan biyyoota biraarraa dhufan waan ta'aniif maal keessa seenaa akka jiranilleen akka dansaatti waan qalbifatan hin fakkaatu.

Dhimma albuuda baasuu irratti qorataa fi aktiivistii kan ta'e Makootlaa Sefuli waa'ee kanarratti yoo dubbatu, guutummaa Afrikaa Kibbaa keessatti warri Waanbadootaa hojii albuuda baasuu kanaaf daa'imman hojjechiisuu irratti xiyyeeffatu jedha.

Hedduun isaanii biyyoota olla irraa butamanii kan dhufani. Yeroo Fidan ammo waadaa sobaa industirii albuuda baasuu seera qabeessa ta'e keessatti akka hojjetan itti himu.

"Yeroo Afrikaa kibbaa gahan Paaspoortiin isaanii harkaa fuudhama. Kanaaf ijoolleen guddatoon kuni dararaaf saaxilamu jechuudha" jedha Seefuli.

BBC'n warren bakka biraa lama bakka albuudni seeran ala itti baafamu hojjetan gaafateera. Isaanis bakka isaan hojjetanitti daa'imman dararaaf akka saaxilaman dubbatan.

Seepoon (Maqaan isaa kan Jijjiirame), namootni gurguddoo ta'an boolla lafa jalaa bakka albuudni bahutti ijoollee dirqisiisanii yeroo waliin qunnamtii saalaa raawwatan arguu dubbata.

"Yeroo tokko tokko maallqaaf jedhanii qunnamtii saala yeroon godhan jira. Tokko tokko ammo kallattumaan qummantiima saalaaf warri qacaraman jiru. Kunimmoo sababa boolla lafa jalaa bakka albuudni bahutti qunnamtii saalaa raawwatamu galii isaaniif argamsiisuufi" jedha.

Haleellaan kuni irra caalaa kan hammaatu daa'imman irratti akka ta'es dubbata.

"Amalli isaanii jijjiiramee soda keessa seenu. Akka itti dhihaattullee hin barbaadan. Sababni ammo kana booda miira namuu akka hin amannee waan itti dhagahamuufi" jedha.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Viidiyoon jalqaba bara kanaa bakka lafa jalaa 'Stilfonteyiin' keessatti waraabame reeffa namootaa fi namoota qaama hir'atan agarsiisu

Gochi akkanaa Afrikaa Kibbaa keessatti raawwatamu kuni hidhata faayidaa qaamolee Poolisii fi albuuda baastota seeran alaa kumaatamaan lakkaa'an gidduutti shira hojjetamuuni waan namoota kanarra gahu bahee hin mul'atu.

Taateen buufata albuuda baasuu Bufeesfonteeyin kan kutaa Kaaba dhihaatti argamu yeroo opereeshinii nagaa kabachiisuu labsame yeroo jedhame miidiyaaleerratti ajandaa ijoo ta'ee ture.

Angaa'onni biyyattii hojii albuuda baasuu seeran alaa kan bara darbe galii dinagdee biyyattii Doolaaraa Biliyoona 3.2 dhabsiise jedhame dhabuuf dhaadachaa turan.

Opereeshinii Vala umgodi jedhamuu f ji'a muddee bara 2023 wanbadoota hojii albuuda baasuu seeran ala hojjetan jedhame kanarratti labsame.

Qaama Opereeshinii kanaa kan ta'e toftaan tokko ammoo nyaataa fi dhugaatii gara bakka albuudni seeran ala itti baafamu buufata Istilfonteeyin deemu xiqqeessuu ture.

Ta'ulleen namootni kunneen soda yoo qabamne ni hidhamna jedhuun bahanii hin qabamne.

Boodarra qabiyyeen viidiyoo namoota miidhamanii baraarsa gaafatanii mul'achuu jalqabee jennaan manni murtii angaa'onni namoota kan akka baraaraniif ajaja dabarse.

Kanneen hojii baraarsaatiin oolfaman kunneen daa'imman umriin isaanii hin geenyee fi godaantota ragaa hin qabne waan ta'aniif qabatamaadhaan umriin isaanii meeqa akka ta'e beekuu hin danda'amne. Boodarra angaa'onni umrii isaanii tilaamuuf mala yaala fayyaa fayyadaman.

Dameen guddina hawaasummaa biyyattii (DSD) garuu namoota buufata albuuda baasuu Istilfonteeyin keessaa baraaraman keessaa 31 daa'imman ta'uu mirkaneesse. Hundi isaanii ammo lammiilee Moozaambik yoo ta'an, ji'a sadaasaa keessa 27 gara biyya isaaniitti ergaman.

Dhaabbanni baraarsa daa'immani, Save The Children, ijoollee lubbuun baraaramanii fi garee baraartotaa kana afaan hiikuun gargaare.

"Waan dabarsanirraa miidhama hamaa keessa turan. Sabani isaan kaan isaanii yeroo daa'imman irratti qunnamtiin saalaa dirqamaan raawatamu arganiiru" jechuun hoji gaggeessaan dhaabbata tola ooltummaa Gugu Xaba BBC'tti himan.

"Ijoollee kana miira deebi'anii keessaa bahuun ulfaatuun miidhaniiru. Warri gurguddaan akka waan jaalallee isaanii ta'anii fi akka isaan jaalatanitti itti fakkeessu" jedhu.

Guyyaarraa guyyaatti gocha qunnamtii saalaaf nama kakaasu akka agarsiisanii fi guyyaa guyyaadhaan isaan gudeedu.

"Warri gurguddaan kuni daa'imman qunnamtii saalaa haala walfakkaataan irratti raawwatan sadi afur qabu" jechuunis itti dabalu.

Akka Xaba jettutti, Wanbadootni kuni daa'imman kan filataniif cunqursuuf salphaa waan ta'anii fi kaffaltii rrattis rakasaan waan hojjetaniifi.

"Daa'imman gaafa 'guyyaatti Raandii 20 siif kanfala jedhaniin sirritti hin galuuf. Warri gurguddaan yeroo tokko tokko hojii didanii dhaabu. Ijoolleen garuu filannoo akkanaa hin qabaatan. Daa'ima sagalee hin qabne cunqursitee hojii kana hojjachiisuun isaaniif ni salphata" jedhu.

Wanbadootni kunneen kaffaltii irratti namoota cunqursuun alattis warri ijoollee qunnamtumti saalaa irratti raawwachuuf qacaranis jiru.

Warri albuuda karaa seeran alaa baasu kuni irra hedduun isaanii ji'ootaf lafa jalatti dabarsu. Darbee darbeeti irra lafaatti kan olbahan. Wan isaan barbaachisu cufa achuma lafa jalatti isaaniif dhihaatee bitatu.

"Ijoolleen tokko tokko kan bitaman garbummaa qunnamtii saalaatiifi. Yeroo tokko tokko daa'ima guyyaa guyyaan maallaqa argatu argita. Warri kuni guyyuu qunnamtii saalaa raawwatu" jedhu.

Dhimma haleellaa qunnamtii saalaa raawwatamu kanarratti namni gaafatama fudhate jiraa jechuun BBCn poolisii fi garee Guddina Hawaasummaa (DSD) gaafatus deebii hin arganne.

Namni garee albuuda baastota Istilfonteeyiin keessa hojjetu tokko akka jedhutti daa'imman miidhaan kuni irratti raawwatame yeroo hedduu himachuuf fedhii hin qaban. Industiriin seeran albuuda seeran ala baasuu kuni garuu cimee itti fufeera.

Dameen kuni tilmaamaan namootni 6,000 keessa hojjechaa kan jiranii fi yeroo kamuu cufamuun, da'imman kumaatamaan lakkaa'aman miidhama keessatti dhiisee bahu malu.