'Namoonni viidiyicha argan waan na jeeqaniif barnoota dhiisen manatti deebi'e'- Shamarree Naqamtetti gudeedamte

Dubartii gadda keessa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Magaalaa Naqamtee mana barumsaa tokkotti Barattuu kutaa 7ffaati. Umriinshees reefu ganna 15 guute. Yakki gudeeddii viidiyoodhaan deeggarame shamarree lama walcinaatti irraatti raawwatame keessaa ishee tokko.

BBCn yaakki kun yoomii fi akkamitti akka raawwatame, dhiibbaa eegasii shamarree kanaa fi maatiisheerra gahe irratti ishee fi maatiisheerraa iyyaafateera.

Nageenya miidhamtuu kanaaf jecha maqaa fi iddoowwan muraasni eenyummaa isaanii ibsuu danda’an jijjiiramaniiru. Barattuun kun ganna 18 kan hin guunne waan ta’eefis gaaffiifi deebii kanaaf BBCn heeyyama maatiishee sagaleedhaan fudhateeti kan oduu kana qindeessine.

Yakkichi akkamiin raawwatame?

Biliseen (Maqaan kan jijjiirame) maatiisheetiif intala quxisuudha. Magaalaa Naqamtee keessatti maatiinshee hojii xixxiqqaa hojjetanii dhamaatiidhaan ishee fi hangafootashee guddisan.

Isheen erga ganna 14 fixxee ganna 15 jalqabdee reefu ji’a muraasa. Barnootasheen kutaa ja’affaa xumurtee barnoota kutaa 7ffaa akkuma eegalee torbee osoo hin guutiin ture yakki miidhama qaamaa fi xiinsammuu isheerraan gahe kun kan ishee mudate.

“Barnoonni reefuma eegale. Hiriyaakoo tana (kan walcinaatti gudeedaman) wajjin osoo gara daree deemaa jirruu ani dhaabadheen mucaa tokko dubbisaa ture. Warri amma yakka nurratti raawwatan kun nu laalaa turan,” jechuun haala guyyaa sana himti.

“Gaafan isa dubbisee deebi’aa jiru ijoolleen kun lamaan dhufanii asiin deebinee deemna jedhanii gara laga industirii jedhamuun akka deemnu nu gaafatan. Ani nan dide. Isheen hiriyaankoo sun ammoo rakkoo hin qabu haa deemnu jennaan walumaan kaanee deemne” jechuun himti.

Imala keessa dhiironni lamaanii fi shamarran lamaan kun lafa Bosonaa akka gahan kan himtu Biliseen, daandii kun gara safara keessaniitti isin baasa jennaanuma waliin deemne jetti.

“Lafa Bosonaa sana geenyee jennaan inni tokko isa tokkoon bosonati haa seennu jedhaan. Waansaa akka muudii wayiiti. Ani hin goru jedheen dide. Achii harkisanii bosonatti nu gorsiisan,” jetti.

Ijoolleen loon tiksan viidiyoo hedduu waraaban

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo dargaggoonni lamaan Bilisee fi hiriyaaashee kana dirqamsiisanii gara bosonaatti harkisanii seenan ijoolleen loon tiksanii fi safarichuma ta’an baayyinni isaanii gara 15 ta’u achi jiraachuus himti.

“Ijoolleen achi keessa turan kun baala wayii afanii silkii isaanii baafatanii taa’aa malee jedhan. Warri nu fuudhanii deemanii fi ijoolleen loon tiksan kun walbeeku, ijoollee safara tokkos” jetti.

Ijoolleen Bosona keessaa turan kunneen hundi viidiyoo isaan waraabaa turuu kan himtu Biliseen, dhumarratti filannoo lama akka isaaniif kennan dubbatti.

“Qunnamtii saalaa raawwatanii nagaan galuu ykn reebamtanii qullaa keessan galuu wayya jedhanii filannoo lama nuuf kennan. Tokko ulee baatee kan jiru lamaan keenyarraayyuu humnaan surree nurraa baase,” jetti.

Eegaasii bakka ijoolleen hedduun viidiyoo waraabanitti yakki gudeeddii kun ishee fi hiriyaashee sana waliin walcinaatti irratti raawwatamuu himti.

Ijoolleen yakka kana isaanirratti raawwatan ijoollee baajaajii oofan akka ta’anii fi safarattis kan walbeekan akka ta’e dubbatti Biliseen.

Gudeeddiin kun gareedhaan, dargaggoonni bakkicha turan itti walfuranii kan raawwatame osoo hin taane dargaggootuma lamaan jalqaba isaan fuudhanii deeman qofaan akka irratti raawwatames himti.

Gochi kun raawwatamee viidiyoowwan hedduun erga qullaa isaan waraabamee boodas uffata isaanii deebisaniifii akka galan ajajamuus dubbatti.

“Viidiyoo nama hedduutu nu waraabaa ture. Viidiyoo garagaraa gara 15ti jedhu ani hin argine garuu. Nama eenyummaasaa dhokseetu Facebook irratti gadhiise. Sana booda qaama nageenyaatti beeksifanne,” jetti.

Yakki kun ALI Onkololeessa 07 bara 2017 kan raawwatame ta’ulleen viidiyichi dhiheenya miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiifamuu isaatiin reefu ijoo dubbii ta’e.

Namoota yakki kun yeroo isaanirratti raawwatamu dhaabbatanii viidiyoo waraabaa turan keessaa tokko Wiixata darbe kana qaama nageenyaatiin too’achiisuus dubbatti Biliseen.

'Barnootakoo itti fufuu hin dandeenye'

Biliseen yakki gudeeddii viidiyoodhaan deeggarame kun erga irratti raawwatamee torbee tokkoon booda gara daree barnootaasheetti deebitee barnoota itti fufuuf yaaltee ture.

Garuu viidiyoon kun miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamaa waan tureef dhiibbaa namootaatiif barnootashee itti fufuu dadhabdee manatti akka deebite himti.

“Waan kun Facebook irratti gadhiifameera gatii ta’eef barnoota dhiiseera. Gadis hin ba’u. Akkan itti bakkee keessas deemu hin qabu. Ani baradhee nama guddaa ta’uun hawwa. Amma kanin barbaadu warra akkana nu godhe kana seeratti dhiheeffachuudha,” jetti.

Harmeen Bilisee Aadde Kuulaniin (Maqaan kan jijjiirame) gochi mucaa isaanirratti raawwatame kun hamilee mucaasaanii fi maatii kan miidhe ta’uu himu.

“Mucaa guyyaa tokko na biraa baatee hin beekne hiriyaanshee kun mana barumsaarraa hambistee kun mudate. Guyyaa lama nu jalaa bakkee bulchan. Abbaatu milishaadhaan barbaachisee qabsiifate.”

“Anoo akka isheen naaf barattuun barbaada. Guyyaa lamaan tokko mana barumsaa dhaqxee jennaan ijoolleen arrabsanii jennaan boo’aa manaatti deebite. Dhugaa Waaqaayyoo abbaanshee qansiraa hojjetee, ani ammoo buddeena mana namaa tolcheen guddisne. Gaddi kun baayyee nutti dhagahame” jedhu.

Viidiyoon kun baayinaan miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamuusaatiin namni hundi isa argee mucaa isaanii ceepha’aa jiraachuu kan himan haati miidhamtuu kanaa, bara kana barumsa dhiistee bara itti aanu akka itti fuftuuf yaaduus himu.

“Bara dhufu mana barumsa biraa jijjiireen si galcha jedheen amansiise. Obboleessuu waan kana argee intala kana ajjeesu malee jedhee ollaatu gargar qabee nagaan bu’e. Obboleessas amma tasgabbeesineerra. Amma dhimmashee qaamni seeraa qabateera,” jedhan.

Dargaggoonni yakka kana raawwatanii fi hamilee intalashee cabsan kunis seeratti akka dhihaatanii fi mootummaan miidhamtuu kanaaf deeggarsa barbaachisu akka godhuufis gaafatan.

Barattuu Biliseen yakki kuni erga irratti raawwatamee mana yaalaatti hordoffii taasisuus himteetti.

Hogganaan qajeelcha Poolisii magaala Naqamtee, Komishinar Shaalloo Galataa, yakki kuni raawwatamuu odeeffannoo argachuu fi shakkamtoota lamaan keessaa hanga Wixata darbeetti kan too’atame akka hin jirree fi poolisiin hordoffii gochaa jiraachuu himan.