Namoonni miidhaa saalaan yakka raawwatan barsiisaa ta'anii akka hin qacaramneef wixineen seeraa dhiyaate

Barattoota

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Barattoota

Wixineen seeraa namoota dhuunfaa miidhaa saalaa raawwachuun itti murtaa'e barsiisaa ta'anii akka hin qacaramne dhorku mana maree bakka bu'oota uummataaf dhiyaateera.

Wixineen seeraa Kibxata kana waxabajjii 29, 2024 dhiyaate kun mata duree "Labsii Barnoota Waliigalaa" jedhuun Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf kan dhiyaate yoo ta'u, namni miidha saalaa qaqabsiisuun himatamee itti murtaa'e barsiisaa ta'ee akka hin hojjenne dhorka.

Kana qofaa utuu hin taane, wixineen mana maree duratti dhiyaate kun namootni miidhaa saalaatiin yakkaman manneen barnootaa dhuunfaa akka hin hin bannellee kan dhorkuudha.

Labsiin haaraan kun barattoonni yoo xiqqaate afaanota sadii akka baratanis ajaja.

Kutaan wixinee labsii kanaa kan manneen barnootaa mootummaa keessatti ramaddii kennuu ilaallatu, namni mana murtii seeraatiin miidhaa saalaatiin yakkamaa ta’ee argame dhaabbata barnoota waliigalaa kamiyyuu keessatti barsiisaa ta’ee akka hin qacaramne dhorkuuf labsii ba'uudha.

Labsiicha keessatti iyyataan ykn namani dhuunfaa mana barumsaa dhuunfaa banuuf hayyama gaafate ykn gareedhan gaafatan keessaa tokko miidhaa saalaa ykn yakka daa’imman irratti raawwateen yakkamaa ta’uun isaa mana murtiin mirkanaa’ee fi itti murtaa’era yoo ta’e akka dhorkamu tumameera.

Labsiin dhimma ramaddii fi barnoota Waliigalaa kun walgahii idilee Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Kibxata kana gaggeeffame irratti kan dhiyaate yoo ta'u, gara koree dhaabbataatti darbuun raggasifama.

Seensa labsii kanaa keessatti sababoota labsiin barnoota waliigalaa barbaachisuu keessaa tokko qulqullina, barbaachisummaa fi haqummaa barnootaa akka ta’e, keessumaa sadarkaa barnootaa kaa’uuf itti gaafatamummaa mootummaa federaalaa waan qabuuf akka ta’e ibsameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Labsiin kun kutaalee 16 fi keewwata 97tti kan qoodame yoo ta'u, barataan sagantaa barnoota idilee dhaabbata barnoota waliigalaa mootummaa kamiyyuu irratti hirmaatu irraa, warra isaa irraa ykn guddiftoota isaa irraa kaffaltii barnootaa, kitaaba barataa ykn kaffaltii galmee fudhachuun dhorkaa ta’uu tumeera.

Keewwata kana hordofuun akkaataa seerota naannoleen baafatan irratti hundaa'uun, Meeshaalee barnootaa biroof akkaataa dandeettii maatiin barattootaa kaffaluu danda'anitti kaffaltii xiqqaa kaffaluu akka danda’an eerameera.

Haa ta’u malee barattoota ulaagaa kana guutuu hin dandeenyellee keessaa baasuun akka hin danda’amne ibsameera.

Kana malees, barattoonni yoo xiqqaate afaanota sadii akka baratan kan ibsu labsichi, afaan Ingiliffaa sadarkaa tokkoffaa irraa akka barsiifamuu qabu ibsa.

Itti dabaluudhaanis, afaanota hojii federaalaa keessaa filannoo barattootaa ykn maatii ilaalcha keessa galchuun, caasaa barnootaa sadarkaan jiru murteessuun afaan naannoo tokko kutaa 3ffaa hanga kutaa 10ffaatti akka dabalataan kennamu ibsa.

Afaan Ingiliffaa kutaa tokkoffaa irraa eegalee akka gosa barnootaatti akka barsiifamuu qabu labsiicha keessatti kan eerame yoo ta'u, akka filannoo naannichaatti kutaa 9ffaa irraa eegalee afaan biyya alaa tokko dabalataan akka filannootti akka dhiyaatus tumameera.