Hogganaan Kuweet Imiir Nawaaf al-Ahimad ganna 86tti boqotan

Madda suuraa, AFP
Hogganaan Kuweet Sheek Imiir Nawaaf al-Ahimad al-Jaabiir al-Saabaah ganna 86tti du'aan boqochuu TV'n biyyaalessaa Kuweet beeksise.
Sheekiin kuni biyya boba'aan badhaate waggoota sadan darbaniif hogganaa kan turan obboleessa isaanii Sheek Saabaa al-Ahimad al-Saabaa irraa aangoo fudhachuuni.
''Du'a Sheek Imiir Nawaaf al-Ahimad al-Jaabiir al-Saabaah gadda nutti dhagahamee ibsina,'' jedhe TV'n biyyaalessaa ibsa baaseen.
Sheek Naawaaf ilma mootii jedhamuun gonfoo kan fudhatan bara 2006 yoo tahu bara 2020tti ammoo imiirii tahan.
Kanaan dura ministara ittisa biyyaa fi hajaa biyya keessaa tahuun tajaajilanii turan.
Kuweet biyya uummata miiliyoona 4.8 qabdu yoo tahu, kunneen keessaa miiliyoona 3.4 hojjettoota biyya alaa achitti godaananidha. Biyyattiin kuufama boba'aa akka addunyaatti sadrakaa jahaffaarra jiru qabdi, Ameerikaaf immoo michuu ijoodha.
Paarlaamaan imireetotaa qaama biyyoota Galoo Galaana Meeditaraaniyaanii irratti filatamuu irratti aangoo guddaa qaba. Miseensoti paarlaamaa warra Saabaah kana ifatti qeeqaa turan.
Tahus maatiin bulchitootaa aangoo mootummaa ijoo jedhaman kan qabatan yoo tahu, imiiriinis dhimma siyaasaa irratti murtoo isa dhumaa kenna. Paarlaamaa bittinsuufi filannoo geggeessuuf aangoo qaba.
Du'a sheekichaa hordofuun tamsaasni miidiyaalee addaan akka citu taasifameera.















