Kuweet dubartii Itoophiyaa dabalatee namoota torba du'aan adabde

fo'aa adabbii du'aaf qophaa'e

Madda suuraa, Getty Images

Kuweet waywaannaa falmitoota mirga namoomaa idil-addunyaa kuffisuun, guyyaa Roobii namoota torba fannisuun du'aan adabde.

Kanneen keessaas dubartiin lammii Itoophiyaa tokko kan argamtu ennaa tahu, dubartiin biroos keessa jiraachuun ibsameera.

Biyya Baha Giddugaleessaa kan taate Kuweet, murtoo du'aa hojiirra oggaa oolchitu kun ganna shan keessatti isa jalqabaati.

Abbaan Alangaa akka jedhetti, kanneen du'aan adabaman keessaa dubartiin Itoophiyaa irraa dhufte, dubartiin lammii Kuweet biroo, lammii Siiriyaa, lammii Paakistaan fi kaan ammoo lammiidhuma biyyattiiti.

Namoonni fannifamuun du'aan adabaman kunniin yakka ajjeechaa fi kaaniin kan himataman tahuu, miidiyaa mootummaa KUNA waabeffachuun APn gabaaseera.

Murteen du'aa kun mana hidhaa Giddugaleessaatti raawwatamuunis himameera.

Adabbii du'aa kana Sadaasa 14, 2022 ifa kan taasisan gorsaan Abbaa Alangaa biyyattii Mohaammad Al-Duaij jedhaman tahuu dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal ibsa baaseen hime.

Ibsa kanaan namoonni torba kunniin yakka ajjeechaan itti murtaa'uun guyyoota lamaan booda murteen kun akka raawwatu hime Aminastiin.

Al-Duaij gaazexaa guyyuu Kuweet kan tahe al-Qabas jedhamutti akka himanitti, adabbiin du'aa akkasii ifa tahuun isaa ''yakka akkasii hambisuuf'' ooluufi murtoon kun ''yakka raawwatameef adabbii sirriidha'' jechuun dubbii Qur'aanaa caqasuu isaaniis Aminastiin hime.

Dhaabbatichi murtoon du'aa kun akka hin raawwanne kan cimsanii balaaleffatan keessaa tokko ture.

"Anga'oonni Kuweet adabbii du'aa kana hatattamaan dhaabuu qabu. Adabbiin du'aa mirga lubbuun jiraachuu kan sarbu, adabbii gara-jabinaafi namummaa mulqudha. Amnesty International [haala kamiinuu haa tahu] adabbii du'aa ni morma,'' jechuun dhaabbatichatti daarektarri ittaantuu Baha Giddugaleessaafi Afrikaa Kaabaa Amna Guellali dubbatanii turan.

Kuweetitti gara caalu adabbiin du'aa kan raawwatamu fannifamuun oggaa tahu, yeroo garii ammoo rasaasaan dhukaasanii ajjeesuunis ni raawwatama.