Finfinneetti 'dallaan masjiidaa diigamuu' irratti majlisi fi bulchiinsi magaalattii waan jedhan

Magaalaa Finfinnee kutaa Magaalaa Qirqoos keessatti kan argamu 'dallaan masjiida Tabaarak dukkana dawoo godhachuun diigameera' jechuun Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee komate.

Manni Marichaa ibsa ALI Dilbata Ebla 5, 2017 toora miidiyaa hawaasaa Feesbuukii isaarratti baaseen dallaan masjiidichaa dukkana keessa diigamuufii tajaajiltoonni masjiidichaa hidhamuu himeera.

Masjiidni Tabaarak kutaa magaalaa Qirqoos aanaa 10 keessatti akka argamu kan himu ibsichi, sochii mootummaan naannicha misoomsuuf taasisaa jiruun walqabatee masjiidicha bifa haaraan ijaaruuf pirojektiin qophaa'ee mootummaaf akka kennamefi hordoffiin taasifamaa jiraachuus himeera.

Kana malees Manni Marichaa dhimma masjiida kanaan walqabatee qaamolee mootummaa waliin marii taasisaa turuufi furmaata waaraa kennuuf waliigalteerra gahamee akka tures eeree jira.

Haata'u malee 'dallaa masjiidaa iddoo angawoonni mootummaa jiranitti guyyaa ifaan ijaarame dukkana dawoo godhachuun diiguun dhaaba mootummaarraa hin eegamu' jedheera.

Dabalataan dallaan diigame bakkatti akka deebi'ufi namoonni gochaa kana raawwatan ummata musliimaa dhiifama yaa gaafatan jechuunis Manni Marichaa ibsa baaseen himeera.

Bulchiinsi Kutaa Magaalaa Qirqoos gama isaatiin tarkaanfiin fudhatame "sochii lafa mootummaan murtoo irratti hinlaanne karaa seeraan alaatiin qabachuuf taasifame ittisuufii olaantummaa seeraa mirkaneessuuf fudhatamedha" jedheera.

Iddoon dallaan itti ijaarame kun iddoo jiraattonnii fi kaampiin Poolisii Federaalaa itti ture ta'uu ibsa ALI Dilbata Ebla 5, 2017 toora Feesbuukii Waajjira Komunikeeshinii kutaa magaalichaarratti baaseen kan hime kutaan magaalaa Qirqoos, iddoo jiraattonnifii kaampiin Poolisii Federaalaa irraa kaafaman kana qabiyyee masjiidaa akka ta'etti dhiyeessuun odeeffannoo sirrii akka hintaane himeera.

"Iddichi kana dura kaampii Poolisii Federaalaafii kan jiraattotaa kan ture yemmuu ta'u, iddicha qulqulleessuun pirojektii faayidaa biyyaalessaa qabuuf kontiraaktara pirojektii biyyaalessaan lafti duwwaan guutummaatti qorqoorroo eeggaan dallaan itti ijaaramee kan turedha" jedheera.

Dabalataan lafa mootummaan dallaan itti ijaarame kana heeyyama seeraa malee barjaa /taappeellaa/ irratti dhaabuu fi balbala itti gochuun qaama masjiidichaa fakkeessuuf gochaan seeraan alaa raawwatamuu himeera.

"Lafa qabiyyee masjiidichaa keessa hinturre 'mootummaan diige' jechuun ibsawwan kennamaa jiran gonkumaa bu'uura seeraa kan hinqabne akka ta'e abbootiin amantichaafii hordoftoonni haalaan hubachuu qabdu" jedheera.

Dabalataan dureewwan amantaa masjiidichaafii hordoftoota amantichaa waliin dhiyeenyaan hojjechaa akka turefii gara fulduraattis akka hojjetu kan hime kutaan magaalaa Qirqoos, dhimma tajaajiltoota masjiidichaa hidhamaniiru jedhaman irratti ibsasaa keessatti wanti jedhe hinjiru.

Gama biraatiin Masjiidni Tabaarak masjiida kaartaa seera qabeessa kan qabufii bara 1967 eegalee tajaajila kennaa kan jiru akka ta'e Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee ibsasaa keessatti eeree jira.