Badhaafamtuun miidhaginaana addunyaa Salaamaawwit Taklaay akkamiin godaansaaf saaxilmate?

Salaamaawwit dorgommii miidhaginaa biyya keessa fi idil-addunyaa hedduu irratti hirmaachun badhaasa heddu argatteetti.

Dorgommiiwwan badhaasawwan miidhaginaa ‘Miis Giraand Intarnaashinaal’, ‘Miis Itoophiyaa’, ‘Miss Varjin’, ‘Miis Hamlawayii Lim’at’ warra isheen mo’atte keessayi.

Salaamaawwit bakka dorgommiif deemte hundatti aadaa fi maqaa biyya ishee beeksisti. Kana gochaa kan turte osoo jireenya baqaaf hin saaxilamin, osoo boolla du’aa qarqara geessee hin deebi’in dura ture.

Ogummaa modeelii fi dizaayinii jaalattuu fi biyyoota heddutti ittiin beekamte sana har’a itti deebi’uuf dharra’uun alatti abdii biraa hin qabdu. Amma haala sodaadhan guutame keessatti jireenya ishee lafa duwwaa irraa eegaluuf dirqamtee jirti.

Bareedduu badhaasa idil-addunyaa hedduu tana maaltu jireenya baqaaf saaxile?

Boolla du’aarraa hafeen baqadhee amma Ingiliz keessa baqannaan jiraataa jira. Tigraayi irraa ka’ee Ingiliz gahuuf deemsa gidiraa baay’ee qabu keessan darbe.

Baqachuuf kanan dirqame waraanni Tigraay keessatti erga eegaleen booda. Sana dura jireenya baqaa kan jedhu takkaa sammuu koo keessa hin turre. Mana keenya keessaa durbi ana qofa, namni sadi dhiira.

Kanan dhaladhe Maqaleetti. Achummattan Kompiitar saayinsii baradhe. Haa ta’u malee, kanan ijoollummaa koo irraa kaasee abjootaa ture ogummaa modeelii irrattan fuulleffadhe.

Maatin koo modeelii caala baruumsa irratti akkan xiyyeeffadhu fedhanis ani garuu abjuun modeelii keessa koo jiru na mo’ate.

Osoon shamarree umurii 16 ta’ee jiruun dorgommii “Giiftii Durba Maqalee’ jedhu yeroo jalqabaatif dorgome. Bu’aa dorgommii sanaa osoo hin taane muuxannoon irraa argadhetu na fayyade.

Sana booda dorgommiiwwan ‘Giiftii Hamlawaayi Lim’at’ fi ‘Giiftii Hayiskuul’ jedhaman irratti hirmaaadhen qabxii gaarii galmeesse. Sana booda hojii modeelii ittan fufe, abbaa murtee fi leenjistuu dorgommiiwwaniis ta’ee hojjadheera.

Itti aansun gara Finfinnee dhufeen dorgommii miidhaginaa ‘Miis Woorlid Itoophiyaa’ jedhu irratti hirmaadhe. Itti fufees dorgommii miidhaginaa ‘Miis Giraand Intarnaashinaal’ jedhu dorgomeen mo’adhe.

Bara 2017tti Itiyoophiyaa bakka bu’ee dorgommii miidhaginaa idil-addunyaa Veetnamitti qophaa’e irratti yeroo jalqabaatiif hirmaadhe.

Dorgommii Veetnaam kana irratti badhaasawwan jiran keessaa tokkon argadhe. Carraa heddus naaf bane.

Sana booda dorgommii miidhaginaa fi dandeettii (beauty and talent) jedhamu kan Kooriyaa Kibbaatti qophaa’e irrattan hirmaadhee maqaa Itoophiyaa waamsiseera. Dorqommii dandeettii addaa Chaayinaatti gaggeeffame irrattis hirmaadhen ture.

“Waraana hamaa abjuu koo karaatti hambise”

Waraanni lubbuu hedduu galaafate Tigraay keessatti osoo hin eegalin dura Maqalee fi Fininnee gidduu deddeebi’een suuqii wayyaa hojii harkaa kan aadaa fi ammayyaa banadheen hojjataa ture. Yeroo sana Maqaleen gabaan ishee baay’ee hoo’aa waan tureef baay’ee hojjataan ture.

Osuma kanaan jirruu waraanni Tigraayitti labbaa nama hedduu nyaate tasa uumame. Waraana hamaa fi ibsuuf nama rakkisu ture.

Yeroo waraanni jalqabu sana Maqaleen ture. Waraanicha irraa kan ka’e Tigraay keessa beela, haleellaa saala irratti xiyyeeffatee fi walumaa galatti gidiraa ibsuuf nama rakkisutu ture. Waraanichi waan baay’ee nu dhabsiise, abjuun keenya karaatti hafe.

Gidiraan, qe’ee ofii irraa buqqa’uu fi jireenyi gadadoo uummata Tigraayi irra gahe anaa fi maatii koo irras gaheera.

Guyyaa tokkoof biyya koo keessa baheen jireenya baqaa jiraadha jedhee yaadee hin beeku. Fedhii isaas qabaadhee hin beeku.

Waanti hundinuu haalan itti guddadhee adda, waanti ta’e hunduu abjuu natti fakkaata. Tigraay keessa jiraachuu hin dandeenye ture.

Yeroo mootummaan federaalaa Maqalee to’atee ture balaliin xayyaaraa waan tureef Finfinnen dhaqe. Waanti hundi nagaa ta’a jedhee abdii godhadheen ture.

Nagaatu dhufa jedhee abdiin godhadhe sun hin milkaa’in hafe. Balaliiwwan gara Maqaleetti taasifamaa turan gargar citan. Sana booda abdiin kutadhe. Biyya koo keessa jiraachuu waanan hin dandeenye jireenya baqaan filadhe.

Sadaasa 2021 keessa waanan jireenya kootti hin dagannetu na mudate!

Finfinnee ka’ee Faransaayi hangan gahutti haala sodaachisaa keessan darbe. Faransaayi Ingiliz galuuf deemsa miila fi galaana irraa keessatti waan yaaddessaa heddutu na mudate.

Deemsichi ulfaataa ta’uu irraa kan ka’e galaana Ingilizii keessatti obboloota wajjin deemne osoo ijji koo arguu galaanni isaan nyaate.

Faransayi irraa gara Ingiliz deemuf gammoojjii hamaa keessa turre. Waanti nyaatanii fi dhugan hin turre. Gidiraa hamaa ture!

Gara biyya Ingiliziitti cehuu eeggachuudhaf gammoojjii sana keessa ji’a lamaa hanga sadii kan turan eessaa dhufaniin isaanii kan hin beekamne namoota heddutu jira.

Dallaalonni Faransaayi irraa gara Ingilizitti nama ceessisan poolisoonni akka isaan hin argineef halkan bidiruudhan nama ceessisu.

Baqattoota walitti qabanii galaana Ingiliz Chaanali irraan ceessisuudhaf dallaalonni bidiruu qopheessanii turan.

Jalqaba irratti ijoolleen wajjin turre cehuuf osoo jedhanii bidiruttiin dhidhimtee; galata Waaqaa warri lubbuu baraaran qaqqabanii lubbuu oolchan. Nuti warri deemsa hin jalqabiin gaafa kana dhageenyu baay’ee rifanne. Nus filannoo biraa hin qabnu waan ta’eef guyyaa biraa deemsa jalqabne.

Yeroon nuti deemsa eegalle sun waktii qorraa waan tureef deemsi galaanaa baay’ee sodaachisaa ture. Nama hedduu taanee bidiruu yaabbannee. Baay’inni namootaa bidiruu sanarra turre kana jechuun na rakkisa. Waan dallaalonni nuun jedhan qofaa goona. Deemsa keenya gara Ingiliz eegalle!

Deemsa galaanaa halkan dukkana sanaan taasifneen gaaddidduun du’aa akka waan nu marseetti natti dhagahame.

Bidiruun ittiin deemaa turre tasa motorri ishee cabee bu’e, galaana gubbaa bololiinee hafne. Namichi Araba ta’e tokko kan nu waliin ture motoricha cabee bu’en baasa jedhee galaana lixee hafe. Obboleessi keenya tokko isa gargaaruuf galaana lixee innis achumaan hafe.

Jara kana barbaannee dhabne. Akka nu qaqqabniif warra lubbuu baraartotatti bilbillee sa’aatii sadi booda nu qaqqaban. Ijji koo osoo ilaaluu obboleessi keenya nyaatamee hafe! Du’a maal akka fakkaatu ija kootinan arge.

Sa’aatii sanatti gara sammuu koo kan dhufe murteen murteesse dogoggora ta’uu isaati. Yeroon sanaaf anaaf yeroo hamaa ture. Warri lubbuun hafne lubbu baraartotatti bilbillee harka keenya poolisitti laanne.

Nuti erga geenyee booda warri Faransaayitti hafan deemsa jalqaban. Galaanan nyaataman kan jedhu oduun gaddaa nu qaqqabe. Warra galaana nyaataman sana keessaa shamarran lama nama biyya kootiti. Isaan keessaa tokko mucaa Maqalee ani sirriitti beekudha.

Namoonnin ani beeku hedduu galaanan nyaatamaniiru. Jireenya koo keessatti yeroon gadda guddaa dabarseedha. Maatin koo gidiraa kana hunda keessa darbuu koo hin beekan.

Rakkoon biyya kootti arge kanaan wal hin gitu. Deemsa kana eenyufuu hin hawwu. Gidiraa kanaaf kan nu saaxile haala hamaa biyya keenyatti uumameedha.

Murtee dogoggoraa Ingiliz fudhatte

Ingilizitti waan na mudate gaafan yaadadhu, osoon achuma Tigraayitti maatii koo wajjin jireenya hadhaa’aa sana jiraachun filadha. Waan fedhe yoo ta’e waan natti dhufu hunda maatii koo wajjin ta’een hirmaadha. Waantin keessa darbe gaafan yaadadhu nan rifadha.

Amma Ingiliz keessatti koolu-galtummaa gaafadheen jira. Jalqaba hoteela keessa nu kaa’an, amma manneen jireenyaa waliinii nuuf kennan. Hanga dhimmichi ilaalamutti hojii hojjachuus ta’ee as keessaas bahee socho’uu hin danda’u.

Amma immoo Ingiliz baqattoota gara Ruwaandaa geessuuf karoorfattee jirti. Baqataan as jiraatu hundi jireenya caalu barbaachaf jecha gidiraa meeqa keessa bahee kan dhufeedha. Murteen baqattoota gara Ruwaandatti dabarsuuf bahe kun baay’ee kan nama gaddisiisudha.

Maati fi biyya koo jaaladhu dhiisee hangan gaafa godaansaf saaxilamuutti dorgommii miidhaginaa, hojii dizaayiningii, sirbaa fi shubbisaa hojjachaan ture. Maqalee keessatti mana huccuu aadaa fi ammayyaa kanan ofii dizaayinii isaa baasee hojjadhu itti gurgurun qaba ture.

Kana hunda booda jireenya baqaa keessatti of arguu kootti nan gadda. Ammatti nagaa qofan hawwa. Nagaan dheebodhe. Nagaan yoo jiraate waanti hundi jira, waanti hundis sirrachuu danda’a. Waaqayyo nagaa nuu kennee waanti hundi akka sirratun hawwa.