Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ekreem Imamoglu namni mormii Turkii waliin maqaansaa ka'u eenyu?
Namoota siyaasaa Turkii keessatti beekamoo ta'an keessaa tokko kan ta'e Ekrem Imamoglu malaammaltummaa fi garee shororkeessummaa deeggaruu dabalatee himatamuun to'annoo jala oolaniiru.
Hogganaan paartii mormituu guddaan biyyatti keessa jiru kun hidhamuun ''yaalii fonqolcha mootummaa pirezidaantii itti aanu irratti raawwatame'' jechuun qeeqni guddaan Pirezidaantii Turkii Recip Taayyib Erdogaan irratti ka'eera.
Paartii mormituu kan ta'e Paartii Rippabilikaa Ummata (CHP) keessatti nama adda dureefi kantiibaa magaalaa Istaanbul kan ta'e Imamogluun yeroo dheeraaf morkataa Pirezidaantii Recip Tayyip Erdogan isa sodaachisaa ta'ee ilaalama ture.
Imamogluun filannoo bulchiinsa magaalaa Istaanbul bara darbe gaggeeffame irratti injifachuun Kantiibaa magaalaa Istaanbul yoo ta'u magaalaa guddittii Turkii keessatti aangoo lammaffaa ta'e injifachuun, Pirezidaantii Erdogaanii fi Paartii isaanii biyya bulchaa jiru Paartii Haqaa fi Misooma (AKP)tti riifaatuu guddaa uumee.
Xinxaltoonni siyaasaa hedduun Turkii keessatti kun kufaatii hamaan Erdogaan hanga ammaatti mudateedha'' jechuun ibsan.
Paartii mormituu kun bara 2024 magaalaa onnee Erdoganitti dhihoo taate keessatti paarti biyya bulchaa jiru injifachuu qofa osoo hin taane, bara 1977 irraa eegalee bu'aa filannoo olaanaa guutuu biyyattii keessatti galmeessisuun daandii milkaa'inaa eegale.
Kun Imamogluun guutuu Turkii keessatti qabuu fi sochii siyaasaa paartileen mormitootaa tumsa uumuun wal deeggaruu isaanii agarsiisuu irraa madde.
Caamsaa 2019 Istaanbul keessatti mo'amuun paartii biyya bulchaa jiruu rifatuu uumuu hordofee injifannoon Imamoglu yeroo gabaabaa keessatti qormaataf isa saaxile.
Angawoonni bu'aa filannoo haquun adeemsi sagalee kennuu sirrii miti jechuun himannaa dhiyeessaaniin, irra deebiin akka filannoon akka gaggeeffamu taasifame
Filannoon magaalaa Istaanbul irra deebiin akka gaggeeffamu erga labsamee booda Imamogluun hiriira irratti deeggartoota isaa hedduuf haasawa taasiseen, abdii akka hin kunnee, deeggartoonni isaa ammas injifachuu irratti akka xiyyeeffatan dhaaman
"Wanti hundi gaarii ta'a" jedhe. Ergasii jechi kun dhaadannoo duula filannoo isaa fi jecha isaa ta'e.
Akkasumas filannoo Istaanbul irra deebiin gaggeeffame irratti "wanti hundi gaarii ta'e" sagalee 55 % argachuun ammallee yaaddoo Erdogaan ta'e.
Imamogluun amma paartii Pirezidaantii Erdogaan yeroo lama injifataniiru.
Istaanbul bakka Erdogaan itti guddate yoo ta'u,utuu siyaasa keessa hin seenin dura bara 1970moota keessa daabboo gurguraa ture.
Adeemsa keessa gara siyaasatti seenuun kantiibaa magaalattii, achiis ministira muummee fi dhumarratti pirezidaantii Turkii ta'e.
Istaanbul ummata Turkii harka shan keessaa harka tokko kan namoota gara miliyoona 85 ta'u kan qabdu yoo ta'u, daldala, turizimii fi faayinaansii dabalatee dinagdee Turkii keessaa harka caalu kan qabdudha.
Namootni hedduun Imamogluun filannoo naannoo bara 2024 Istaanbul keessatti gaggeeffame irratti erga yeroo lama injifatee booda akkaatuma Erdogaan aangootti dhufuu danda'a jechuun tilmaamni guddaan kennameef.
Erdogaan bara 2023 filannoo pirezidaantummaa irratti marsaa sadaffaaf hirmaachuuf miijeffachaa jira.
Akka heera mootummaatiin bara 2028 booda pirezidaantii ta'uun bulchuu hin danda'u ture.
Garuu qeeqxonni isaa ammas itti aanee pirezidaantii ta'uu waan barbaaduuf heera mootummaa jijjiiruu mala jedhu.
Filannoon pirezidaantii itti aanu bara 2028 gaggeeffamuuf kan yaadame yoo ta'u, sanaa asittillee gaggaeffamuu akka malutu himamama.
Bara 1971 magaalaa Akcaabat, Tirabzon kan qarqara galaana Gurraacha irratti argamtu keessatti kan dhalatte Imamogluun dargaggummaa isaatti gara Istaanbul kan deeme yoo ta'u, daldala barate, achiis indaastirii ijaarsaa keessatti hojjechuuf ture.
Maatiin isaa konsarvaatiivii ta'anis, Imamogluun ''yeroo yunivarsiitii turetti ilaalcha dimokiraasii hawaasummaa fudhate''
Kubbaa miilaa kan jaallatu, akkuma Pirezidaantii Erdogaan mataa isaanii, Imamogluun dargaggummaa isaatti taphataa kubbaa ture.
Hojii daldalaa industirii ijaarsaa keessatti erga hojjetee booda, namni ganna 53 Ekrem Imamoglu paartii mormituu guddaa CHP'f dorgome kantiibaa ta'e.
Adeemsa isaa kanaan amma morkataa guddaa Erdogaan ta'uun sababni adda adda itti barbaadamuun hidhame.
Yeroo duula filannoo isaatti, siyaasa irratti mala sasalphaa fi qoosaa ta'een kan jajamu yoo ta'u, kunis namoota siyaasaa biroo hedduu kanneen haala siyaasaa Turkii poolaarizimii keessa jiran waliin wal fakkaata.
Haati warraa isaa Dilek Imamoglu miidiyaa hawaasaa irratti dammaqinaan hirmaattun, hojii tola ooltummaa qaama miidhamtootaaf hojjechuu fi yeroo duula filannoo abbaa warraa ishee cinatti argamuun deeggaruun nama jaallatamummaa argataa jirtuudha
Isheenis akkuma isaa qarqara galaanaa Gurraachaatti kan dhalatte yoo ta'u, yeroo ammaa PhD ishee hordofaa jirti. Ijoollee ilmaan dhiiraa lamaa fi intala tokko s waliin horataniiru
Filannoon duraa mormitoota Bitootessa 23 gaggeeffamuuf kan beellamame yoo ta'u, kana irratti Imamogluun sagalee pirezidaantummaa bara 2028 irratti kaadhimamaa isaa taasisuun ni filatama jedhamee eegama ture.
Bitooteessa 18 Yunivarsiitiin Istaanbul digrii isaa haqee. Murtoon kun yoo mirkanaa'e filannoo pirezidaantii irratti akka hin dorgomne isa dhorka.
Akka heera mootummaa Turkiitti pirezidaantonni aangoo qabachuuf barnoota sadarkaa olaanaa xumuruu qabu. Imamogluun tarkaanfii sana ''seeraan bu'uura kan hin qabne'' jechuun, yunivarsiitiiwwan ''of danda'anii, gidduu seenummaa siyaasaa irraa bilisa ta'anii, beekumsaa kennan irratti xiyyeeffachuun turuu qabu'' jedhan.
Guyyaa itti aanutti, Bitootessa 19, qaamoleen nageenyaa kudhanootaan lakkaa'aman mana Imamogluun Istaanbul jiru weeraruun shakkii qorannoo malaammaltummaatiin to'annaa jala oolchan.
Imamogluun osoo poolisoonni mana isaa marsanii jiranii miidiyaa hawaasaa irratti viidiyoo ofii isaa maxxansuun "fedhiin ummataa callifamuu hin danda'u" jechuun "ummata Turkii, fi namoota dimokiraasii fi haqaa addunyaa guutuu kabachiisan hundaaf kutannoodhaan akka dhaabbatu" dhaadate.
Paartiin isaanii CHP tarkaanfii tibbana hoggansa isaa irratti raawwatame kana ''Ummatni pirezidaantii itti aanu akka hin murteessineef, yaalii fonqolcha mootummaa itti aanuu taasifameedha '' jechuun ibseera.