Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afrikaa Kibbaatti dubartiin doolaara mil 28 hatte hidhaa waggaa 50'n adabamte
Afrikaa Kibbaatti dubartiin dhaabbata keessaa hojjetaa turterraa doolara miiliyoona 28 hatte Jimaata kaleessaa hidhaa waggaa 50'n adabamte.
Hiildgaard Istiinkaamp maallaqa kana yeroo waggaa 13 keessatti dhaabbata fayyaa bulchiinsa Gaawuteeng keessatti argamu, kan ogeettii herreegaa tahuun keessaa tajaajilaa turteetiidha kan hataa baate
Istiinkaamp gochaalee waliin dhahuu 336 raawwachuus amanteetti.
Ogeessi seeraa dhaddacharra turan namni dhuunfaan tokko maallaqa guddaa akksii hatuun asitti dhiyaatee kana dura hin argine jedhan.
Abbaan seeraa Fiilip Veentar, ''hojjattuun tokko dhaabbata keessaa hojjattuutii maallaqa kana hunda hatuushee hubachuun nama rakkisa,'' jedhan.
Istiinkaamp garuu abbaan manaa ishee kan ishee dhaanaa ture qarshii akka hattee fiddu akka ishee dirqisiisaa ture himte. Daanyaan garuu ''gochaa kana ofumaan raawwachaa turte,'' jedhan.
Qorannoon foorensiikii Istiinkaamp maallaqa kana jireenya qananii ittiin jiraachuuf, faayaa qaalii bituufi ittiin imaluudhaaf fayyadamaa turtee jedha.
Iddoo tirgaa(casino) tokkotti qofa gara doolara 263,00o baasteetti jedha gabaasichi.
Istiinkaamp imala gara biyyoota alaa keesumaa gara Dubaayitti taasisaa turteenis gara doolaara miiliyoona 1.6 baasteetti.
Dhaabbata fayyaa maallaqa irraa hataa turte kana keessa bara 2004 -2017tti hojjetteetti.
Istiinkaamp waliin dhahuu kana kan raawwatte aangoo dhaabota qarshii liqeessan sana dhaabbatichaati akka dabaltu ykn haqxuuf waan kennameefif ture.
Abbaan warraashee akka liqeessaa tokkotti erga galmeessiteen booda qarshii gara herreega isaatti galchuu jalqabde.
Istiinkaamp bara 2018tti qondaaltotatti harka kennattee, wabiin kennameefi ture. Bara kana gochaa raawwatte hundaan seera cabsuu amanteetti.