Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaazaatti rakkoo paaraashutii deeggarsa qilleensarraa buusuutti namoonni shan ajjeefaman
Sababii rakkoo paaraashutii samii irraa deeggara Gaazaa keessatti buusaa tureetiin walqabatee guyyaa Jimaataa lubbuun namoota shanii darbuun gabaafame.
Namoonni shanan kunneen kan ajjeeffaman sababii yoo xinnaatee paaraashutiin deeggarsa buusaa ture tokko siirriin hojjachuu diduusaattii fi saamsaawwan deeggarsa qabatan namoota irratti kufuun mudachuu, kanneen ijaan arganiifi Ministeerri Fayyaa Gaazaa beeksiisuu waahilli BBC Ameerikaa CBS gabaaseera.
APn hakiima Gaazaatti argaman tokko waabeefachuun akka gabaaseetti, taatee sanaan namoonni shan ajjeeffamaniiru.
Haata’u malee BBCn kana madda walabaa irraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Balaa kana keessattis paaraashutii biyya kamiitu madda balaa kanaa akka ta'e wanti ifa ta’e hin jiru.
Gaazaatti yaaddoon beelli mudateera jedhu babal'achuu hordoofuun biyyoonni garaagaraa deeggarsa samiirraa paaraashutiin qaqqabsiisaa jiru.
Biyyoota kanneen keessaayis Ameerikaa, Yordaanoos, Masrii, Faransaay, Neezarlaandis fi Beeljiyem ni argamu.
TVn Yoordaanoos maddasaa eeruun akka gabaaseetti, xiyyaarri Yordaanoos balaa lubbuu namootaa dabarse keessa hin jiru jedheera.
CBS News akka gabaaseetti, taateen balaa lubbuu namootaa balleesse kunis guyyaa Jimaataa akka sa’aatii biyyaatti naannoo 5:50tti mudate.
Izziin Jidduugala Ameerikaa gamasaatiin, humna qilleensaa Royaal Yoordaanoos waliin qindoomuudhaan qilleensarraa paaraashutiin deeggarsa kan buuse guyyaa keessaa naannoo sa’aatii 7:30 jedhe.
Janaraalli Izzii Jidduugalaa, Paatiriik Raayidar, paaraashutiiwwan isaanii taatee kana keessatti akka hin hirmaanne ibsuun, ‘‘saamsiiwwan deeggarsaa keenya hundi nagaadhaan lafarra qaqaabusaani mirkanneeffanneera’’ jedhan.
Dhiheenya keessaa Gaazaatti daa’imman beelaan du’aa jiraachuufi ummanni miiliyoona 2.3 ta’u hanqina nyaataatiin rakkataa jiraachuu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii - UN beeksiseera.
Waraabbii viidiyoo guyyaa Jimaataa miidiyaa hawaasaarratti qoodameef, BBCn garuu sirrii ta’usaa hin mirkanneessine tokkoorratti, bulchiinsa kaaba Gaazaatti argamtu al-Shaatiitti xiyyaara fe’umsaa C-17 jedhamurraa paaraashuutiidhaan deeggarsi karaa qilleensaatiin yoo dhiyaatu mul’ata.
Naannoon kunis kan baatiiwwaniif deeggarsi guutummaa guutuutti irraa adda cite turedha.
Saamsiiwwan deeggarsaa gurguddaa hedduun karaa paaraashutiin samiirraa yoo bu’an kan mul’atu yoo ta’u, paaraashutiin tokko banamuu waan dideef yoo to’annoon ala kufu mul’ateera.
Haata'u malee viidiyicha irratti maaltu akka mudate beekuun rakkisaadha. Akkasumas taatee namoonni shan ittiin ajjeeffaman sun kana ta’usaalleen baruun hin danda’amne.
Adeemsa deeggarsa qilleensarraa karaa paaraashutiitiin qaqqabsiisuu kana dhaabbiileen gargaarsaa kan qeeqan yoo ta’u, innis filmaata dhumaa ta’uu akka qabaatu ibsuun rakkoo Gaazaa keessaas kan furu miti jedhu.