Rakkoolee jireenya ummata daangaa Itoophiyaafi Keeniyaa hammeessan shan

Madda suuraa, Moyale Town
Hawaasni daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa irra jiraatan caaseffama daangaatiin garga bahanillee, haala jireenyaa, aadaa, afaanii fi hawaasummaa wal fakkaatu qabu.
Haata'u malee, sababa rakkoowwan adda addaatiin sochii ummataa naannawa daangaa kana danqan umamuun haalonni jiruufi jireenya isaanii rakkisa taasisan heddu ta'uti himama.
Dhaabbanni miti mootummaa Giddugala Misoomaa fi Bulchiinsa (CDG) jedhamu bara 2012 keessa hundeeffame.
Kaayyoon dhaabbataa walabaa ogeeyyii misoomaa, hoggantoota dhaabbilee sivilii fi hayyootaan hundeeffame kanaatis rakkoowwaan hawaasaa xiyyeeffannoo argachuu qabu jedhu irratti qooda fudhattoota waliin hojjachuudha.
Erga hundeeffamee kaasees kanuma hojjataa turuutu himama.
Hojii Gaggeessaa dhaabbata Giddugala Misoomaafi Bulchiinsa, Obbo Amaanu'el Adinawu, dhabbatichi erga hundeeffame irraa eegalee Itoophiyaa keessatti irra caalaa ammoo Naannoo Oromiyaa irratti xiyyeeffatee hojjataa turuu himan.
Obbo Amaanu'eel keessumaa ''waltajjiiwwaan adda addaa qopheessuun yaada beektota walitti qabuu fi qorannoowwan rakkoo hawaasaa xiyyeeffannoo argachuu qaban jedhaman irratti hojjataa jirra'' jedhan.
Kana malees, rakkoo nageenyaa biyyatti keessatti hammaataa dhufe hordofee waggoota shanan darbaniif nageenyiif bulchiinsi gaariin akka jiraatuuf qooda fudhattoota waliin marii taasisaa turuu himan.
Erga waggoota lamaa asii ammoo Keeniyaa fi Itoophiyaa gidduutti keessumaa rakkoowwaan ummata daangaa irra jiraatan hammeessan adda baasuu fi fala isaa barbaadu irratti hojjataa jiraachu kaasu.
''Kun akkaataa mootummoonni biyyoota lamaanii irratti xiyyeefachuu qabanii fi imaammata bulchiinsa isaanii keessatti jijjiiruu qaban dabalatee kallattii furmaataa kaa'amudha,'' jedhu Obbo Amaanu'el.
Kana malees, caaseffamni hawaasaa yerooo rakkoowwaan adda addaa uumaman kana wal bira dhaabachuun dandamachuu danda'u isa jedhu irratti hawaasa daangaa gama lamaanii waliin marii fi hariiroo garii akka waliin qabatan irratti tumsa taasisaa jirra jedhu hojii gaggeessan dhaabbatichaa.

Madda suuraa, CDG
Haaluma kanaan rakkoowwan shan jireenya ummata daangaa biyyoota lamaan irra jiran hammeessan adda baasanii falli akk kaa'amu taasisuu himu Obbo Amaanu'el.
1. Daldala seeraan alaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka Obbo Amanu'eel jedhanitti, naannawa daangaa biyyoota lamaanii kanatti sochii dandala seeraan alaa guddatu taasifama.
Kun ammoo daddabarsa namaa, qorichaaalee fi komtirobaandi adda addaa dabalatee ta'uu kan eeran Obbo Amaanu'el. haalli kun kanneen rakkoo hammeessa keessaa ta'uu dubbtan.
''Caaseffama mootummaafi daangaa jedhame malee hawaasichi waluma keessa oolaa, hawaasummaa isaas walumaan gaggeeffata. As keessatti garuu hojiiwwaan daldala seeraan alaa hedduutu rawwatama. Haata'u malee, sochii ummataa kana daangessuun hin danda'amu.'' jedhan.
Kanaafis waan fala ta'u kaa'uun waan barbaachisuuf biyyota lamaan giddutti hawwasni akkataa seera qabeessa ta'een walitti daldalachuu akka danda'uuf baatiiwwaan muraasa darban dura waliigalteen daldalaa Itoophiyaa fi Keeniyaan waliif mallattessan bu'aa marii kanaa ta'uu kaasan.
Waliigalteen taasifame kunis akkamitti lafa qabatee jireenya ummataa jijjiruu akka danda'u irratti hojjataa akka jiranis himan Obbo Amaanu'el.
Itoophiyaa fi Keeniyaan waliigalteen daldala naannoo daangaa biyyoota lamaanii si'eessa jedhamee abdatame baatii Ebla darbe keessa waliin mallatteessuun kan yaadatamuudha.
Akkaataa waliigaltee kanaan namni tokko meeshaalee gatiin isaa doolaara Ameerikaa kuma tokko hin caalle daangaa qaxxaamurse gurguraachuu danda'a.
2. Itti fayyadama qabeenyaa
Akkaataa itti fayyadama qabeenya ilaalchisee waldhabdeen hawaasa daangaa kanarra waliin jiraatan jidduutti akka hin umamnee fi waliin fayyadamuu haala itti danda'an irratti mariin dura bu'oota hawaasaa gama lamanii waliin taasifameera jedhu.
Hawaasni naannawa daangaa biyyoota lamaanii waliin jiraatan irra caalaan horsiisee bultoota waan ta'aniif, keesumaa yeroo hongeen mudatuuttu dangaa ce'anii walitti godaanutu jira.
''Gama tokko yoo margi jiraate gama tokko bishaantu jira, yeroo gama tokkoo hongeen hammatu hawaasichi daangaa walitti darbee gara itti marga ykn bishaan argachuu danda'uutti godaana. Kun ammoo madda walitti bu'insaa ta'uu akka hin qabaanne irratti hojjatemeera'' jedhan Obbo Amaanu'el dabaluudhaan.
Dhabbanni isaanii kun dhaabbilee deeggarsa hawaasaa biroo waliin ta'uun yeroo rakkoowwan umamaa fi namtolchee adda addaa mudatan akkasii akkamitti waliif tumsuun waliin dandamachuu akka dand'an iratti jijiirama gaarii fiduu dabaluun dubbataniiru.
3. Sochii waraanaa
Sochiin waraanaa yeroo adda addaa naannawa daangaa biyyoota lamaanii kanatti taasifamullee kanneen haala jireenya hawaasa naannawa dangaa kanaa jiratu hammeessan ijoo keessa tokko ta'u kaasu Obbo Amaanu'el.
Obbo Amaanu'eel sochiin waraanaa qaama mootummaa fi humnoota hidhatan gidduutti taasifamu haalota dura iyyuu rakkoo ta'an kan caalatti hammeessudhaa jedhan.
Sababii kanaanis ''sochiin namoota ni uggurama, haalli jireenyaa fi hawaasummaa hundi rakkoo keessa gala,'' jedhu.
Kana malees, sochiiwwaan yakkaa fi daddabrsa meeshaalee waraaanan wal qabatan, daldalli seeraan alaa fi daddabarsi namootaa caalaatti hammachuun jiruufi jireenyaa akkasumas hariiroo ummtaa ni uggura jechuun ibsu.
Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo yeroo dheeraaf naannawa daangaa kanatti sochii taasisaa turu akka fakkeenyaatti kaasu.
Darbee darbees gama mootummaa Itoophiyaatinis ta'ee mootummaa Keeniyaa waliin sochiin waraanaa jiraatu, irra deeddeebiin jireenya hawaasa naanawa sana hammeessa kan jiru ta'uudha Obbo Amanu'el kan eeran.

Madda suuraa, CDG
4. Qoricha sammuu hadoochu
Dhiyeenyatti rakkoo cimaa hawaasa daangaa kanarra jiraatuuti jedhamee dhimmoota kan adda baafaman keessa tokko, rakkoo daddabrsa qoricha sammuu hadoochu akka ta'e ibsu Obbo Amaanu'el.
Kun ammoo yeroo rakkoon nageenyaa jiru garmalee akka babal'atuufi yakkoonni adda addaas hawaasa irratti akka raawwatamaniif karaaa kan banu akka ta'e dubbatu.
Marii hawaasaa biyyoota lamanii kanneen naannawa daangaa jiraatan waliin taasifameen, hubannoon hawaasaa waliin rakkowwaan kanneen ittisuu cimuusaa dubbatan.
5. Sochii namoota seeraan alaa
''Sochiin namoota seeraan ala daangaa qaxxamuran akka rakkoo guddaatti ka'ee'' kan jedhan Obbo Amaanu'eel, sadarkaa daddabarsa namoota seeraan alaa (human trafficking)'tti ilaalamuu baatus yakkoonni adda addaa akka raawwatamuuf sababa ta'uu eeraniiru.
''Fakkenyaaf, hojjattoonni mana keessaa daangaa ce'anii hojii mana keessaa hojjatuu. Yeroo sochii akkasii taasisan paasportii hin qaban. Sanada ragaa tokko hin qaban... Garuu yoo rakkoon irra gahe dhimma kana furuun baayy'ee rakkisa'' jechuun sochii namootaa seeraan alaa balaa qabaatu ibsu.
Kana malees, sochiin namoonni ragaa malee biyya tokkorraa gara biyya biraatti taasisaan rakkoo hawaasummaa wal xaxaa waan geessisuuf kanneen irratti xiyyeefatamee falli akka kaa'amuuf qooda fudhattoota waliin hojjachaa jiraachuu dubbatan.
Rakkoowaan kunneen haala hawaasa giddutti waldhabdee hin uumneen, mootummoonni biyyota lachuu akka irratti xiyyeeffatanii fi imaammata isaaniillee hawaasa akkasii giddu-galeessa akka godhatuuf daandii fala ta'u danda'u akka ta'e akeeku.
'Abukaatoo nageenyaa '
Kana malees, rakkoowwaan ummataa dursa argachuu qaban adda baasuun kan irratti hojjatan ta'uu kan himan Hojii Gaggeessaa Dhaabbata CDG, Obbo Amaanu'el Adinawu, keessumaa naannoo Oromiyaa keessatti nagaan akka dhufuuf tumsi dhabbatichaa olaanaa ta'uu himan.
Kanaanis magaalota Oromiyaa heddu keessatti dhaabbilee siyaasaa giddutti mariin akka taasifamuu fi dargaggoonni Abukaatoo nageenyaa akka ta'aniif mariifi qorannoon hubannoo uumuu guddaan taasifamaa turuu kaasan.
Dhaabbatichi waggoota muraasan asitti dargaggoota karaa miidiyaale hawaasummaatiin dhiibbaa uuman adda addaa irratti xiyyeeffachuun, dhimma nagaa, mirga namoomaa fi olaantummaa seeraa kabachiisuu keessatti hirmaannaa fi hubannoon hawaasaa cimsuu irratti hojjataa jiraachu dabalun dubbatan.
''Hojii hedduun hojjatameera garuu hojiin akka kanaa hojii jijjirama hubannoon waan yaa'eef jijjiramni hangana ta'u dhufeera jedhanii safaranii himuun nama rakkisa'' jedhan.
Haa a'uu malee, dhimmi kun dhimma kenya jedhee dargaggoonni abbummaadhaan hojii nageenyaa fi sarbama mirga namoomaa ittisuu irratti hojii guddaan hojjatamuu himan.
Itoophiyaa keessatti sababa siyaasaa fi tasgabbii dhabu irraa kan ka'e ammallee dhimmi nageenyaa, mirga namoomaa fi olaantummaa seeraa kabachiisuun yaaddoo cimaa keessa akka jiru ragaaleen kan eeran.












