Dippilomaatiin Jibuutii Dura Taa'aa Komishinii Gamtaa Afrikaa tahuun filaman

Filannoo har'a gaggeeffameen Ministirri Dhimma Alaa Jibuutii, Mahaamuud Alii Yuusuuf, morkattoota isaanii injifachuun Dura Taa'aa Komishinii Gamtaa Afrikaa tahuun filaman.

Mahaamuud Alii Yuusuuf waggoota saddeetiif Dura Taa'aa Komishinii Gamtaa Afrikaa kan turan Muusaa Faakii Mahaamaat bakka bu'uun tajaajilu.

Sagalee marsaa torba kennameen Mahaamuud Alii sagalee 33 argachuun injifatan.

Morkataa jabaan isaanii fi hogganaan paartii mormituu Keeniyaa Raayilaa Odiingaa osoo hin milkaa'iin hafan.

Filannoo Keeniyaa darbe irratti Wiiliyaam Ruutoo waliin morkii jabaa taasisanii kan mo'aman Raayilaa Odiingaa Gamtaa Afrikaa kana ni mo'atu tilmaama jedhu argatanii ture.

Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo duula filannoo kana irratti isaan deeggaraa turan fuula X [Tiwiitara] isaanii irratti ''Kaadhimamaa Jibuutii Mahaamud Alii Yuusuuf Dura Taa'aa Komishinii Gamtaa Afrikaa haaraa'' jedhanii maxxansan.

''Morkii jabaa goote! Hojii gaariidha leenca Afrikaa'' jechuun morkataa isaanii Raayilaa Odiingaas jajjabeessaniiru.

Raayilaa Odiingaa filannoo pirezidaantummaa Keeniyaa adda addaa irratti dorgomaniis irra deddeebiin hin milkoofne.

Kaadhimamaan Jibuutii mul'ata nagaa fi tasgabbii Afrikaatti deebisuu akka qaban himaa turan.

Nageenyaafi tasgabbii irratti akka xiyyeeffatan, guddina bu'uraalee misoomaa fi diinagadee irratti akka hojjatan akkasumas dandeettii dhaabbataa guddisuu irratti akka xiyyeeffachuun hojjatan ibsan.

Akkasumas imaammatawwan misooma magariisaa cimsuu, Afriikaan waltajjii addunyaarratti eddoo maluuf akka argattu taasisuu, imaammata barnoota Afrikaa deeggaruun xiyyeeffannaa saanii akka ta'u beeksiisan.

Keessattuu ammoo Afriikaa ardii dargaggootaa taateetti imaammatawwan hojii uumuun wal qabatan irratti hojjachuu kanneen na milkeessa jedhan keessaayi.

Itti gaafatamummaan Dura Taa'aa Komishinii Gamtaa Afrikaa maali?

Dura taa'aan Komishinii Gamtaa Afriikaa barreessaa olaanummaan alatti, bakka bu'aa seeraa gamtichaa yoo ta'an, bajata gamtichaa waggaa olaantummaan dursu.

Namni itti gaafatamummaadDura taa'aan Komishinii Gamtaa Afriikaa fudhatan kun, bulchaa fi hoji gaggeessaa gamtichaa ta'un tajaajilu.

Dura taa'aan kunis bajata gamtichaa biliyoonotaan lakkaa'amu qopheessuu qofa osoo hintaanee, itti gaafatamummaa bulchiinsaatis gahee hojiisaa keessaa tokko.

Damee dippilomaasitiinis dura taa'aan kaayyoowwanii fi fedhiiwwan Gamtaa Afriikaa waltajjiiwwan addunyaa irratti qabatee dhiyaachuuf itti gaafatamummaan kennameefiira.

Kanaafuu itti gaafatamaan waajjirichaa dhimmoota ardichaa adda addaa jechuunis yaa'ii Afrikaa- Ameerikaa, yaa'ii Afriikaa- Xaaliyaan fi yaa'iwwan gara biraa dhaabbata ardichaa ilaallata irratti hirmaachutu irraa eegama.

Kana malees, dura taa'aan ajangdaawwan ardichaa adda durummaan dursu. Eddoowwan aangoo ijoo komishinicha keessatti argaman irrattis aanga'oota ramaduuf aangoo qabu.

Dura taa'aan kun waliigaltewwanii fi seeroota Gamtaan Afriikaa raawwate simmachuun raawwachisuun irraa eegama.

Dura taa'aan kunis walgahiiwwan qaamooleen gamtichaa gaggeessan kan imaammatawwan, tarsimoo fi dagantaalee akkasumas pirojektoota gamtichaa waliin wal simu ta'u mirkanneessu.

Aangowwan dura taa'aa kanaa kan biraa ammoo, mootummoonni biyyoota miseensaa, dhaabbileen gara biraa fi hawaasa diingadee naannichaa waliin sochiilee gamtichaa irraa mari'achuu fi qindessuu akkasumas bakka bu'ummaa dippilomaasii gamtaa Afriikaa raawwachuu hammata.

Haata'u malee, dura taa'aan kun dureewwan biyyootaaf itti gaafatamaadha. Kanaafuu gabaasaalee murtee biyyootaa fi gamtichaa akka kennan gargaaru qopheessuunis gahee hojii aangoo kanaa keessaa tokko.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.