Dhimmi jaalalaa artistii beekamtuu Ameerikaafi MM duraanii Kaanaadaa maaliif ijoo dubbii ta'e?

Weellistuu Kaati Peerii fi Ministirri Muummee Kaanaadaa duraanii Jastiin Tiruudoo

Madda suuraa, Getty Images

Maqaan ishee guutuun Kaatireen Elizaabeet Haadsan jedhamti. Garuu maqaa hojii artii Keetii Peerii jedhamuun kan beekamtu yoo ta'u weellistuu, barreessituu sirbaa fi agarsiisaan nama akka addunyaatti maqaa guddaa horatte dha. Urjii muuziqaa 'pop'jedhamuunis beekamti.

Seenaa keessatti artistoota muuziqaan isaanii hedduu gurguraman keessaas ishee tokkodha.

Weellistuun beekamtuu Ameerikaa Keeti Peerii fi Ministirri Muummee Kaanaadaa duraanii Jastiin Tiruudoo Paaris keessatti yeroo harka wal qabatanii deeman suuraan kaafamee miidiyaalee hawaasaa irratti qoodamaa kan jiru yoo ta'u, taatee kana boodaa hariiroo isaanii kan mirkaneessan fakkaata.

Marsariitiin oduu namoota beekamoo maxxansu TMZ suuraa fi viidiyoo lamaan isaanii harka wal qabatanii deemuun konkolaataa keessa yeroo waliin seenaan qoodeera.

Tiruudoo yeroo namootni suuraa kaasan, gara isaanitti siqanii suuraa fudhachuuf yaalanitti Peeriin teessoo duubaa konkolaatatti akka darbitu taasisan.

Dhimmi kun akka hariiroon jaalalaa isaan gidduu jirutti miidiyaa hawaasaa waliin ga'ullee, Peerii namni umuriin 41, Tiruudoon umurii 53 hariiroo isaanii ifatti hin dubbanne.

Haa ta'u malee, ji'oota darban keessa lamaan isaanii bakka adda addatti mul'achuun oduun jaalala isaanii guddachaa dhufuu gabaasaaleen kan mul'isan.

Tiruudoon jalqaba bara kanaa konsartii Peerii irratti kan argame yoo ta'u, kunillee shakkii jaalalaa waliin qaban akka dabalu taasiseera.

Paaris keessatti mul'achuun isaanii dhuma torbee darbee guyyaa dhaloota Peeriin waggaa 41ffaa waliin kan walqabatu yoo ta'u, akka hiriyoottan gaa'elaatti ummata duratti ba'uun isaanii kun kan jalqabaati.

Bakka bu'oonni Peeriis ta'e paartiin Libaraalaa Tiruudoo dhimmicha irratti yaada akka kennaniif BBC 'n gaaffi dhiheesseef hatattamaan deebii hin kennine.

Daawwannaa dhiheenya kana Landanitti taasisteen, Peeriin haala hariiroo jaalaalaa haaraa qabaachuu akeekteetti.

Dinqisiifataan ishee tokko agarsiisa tokko irratti daawwattoota duratti erga gaaffii gaa'elaa isheef dhiheessee booda, "sa'aatii 48 dura osoo na gaafattee natti tola ture" jettee itti qoosaa turte.

Kunis suuraan ishee fi Tiruudoo jalqaba toora interneetii irratti erga qoodamanii guyyoota muraasa booda ture.

Weellistuun kun kan dura taatoo fiilmii Orlaandoo Biloom waliin hariiroo jaalalaa yeroo dheeraa kan qabdu yoo ta'u, intala tokkos waliin godhataniiru.

Hiriyoonni kunneen gara waggoota kudhaniif erga waliin turanii booda jalqaba bara kanaa addaan ba'an.

Bara 2015 hanga 2025tti ministira muummee Kaanaadaa kan turan Tiruudoon, bara 2023 osoo addaan hin ba'iin dura haadha warraa waggoota 18'f waliin jiraatan Soofii Gireegoor jedhamtu waliin turan. Ijoollee sadii akka waliin horatanis himame.