Manni murtii namni dubartii gabaabduu waliin TikTok irratti viidiyoo jaalalaa hojjete akka fuudhu dirqamsiise

Madda suuraa, Maiwushiryabackup/Tiktok
Manni murtii kaaba Naayijeeriyaa bulchiinsa Kaanoo namoonni lameen TikTok irratti akkaan beekaman erga viidiyoo jaalala keessa jiraachuu isaanii mul'isu maxxansanii booda akka dafanii walfuudhan murteesse.
Namoonni miidiyaa hawaasummaarratti dhiibbaa guddaa uumuun beekaman kunneen Idiriis Mayi Wushiraa fi Basira Yar Guda jedhamu.
Bulchiinsa Kaanootti jaarmiyaan qabiyyee fiilmii to'atu- Film Censorship Board, gurbaan kun dubartii gabaabduu faana ta'uun viidiyoo jaalalaa ''safuu cabsuu fi jibbisiisaa ta'e'' hojjeteera jechuun erga ibsee booda dhimma namoota kanaa miidiyaa hawaasummaarratti baayyee qoodame.
Viidiyoo kana keessatti namoonni lameen hariiroo jaalalaa cimaa wayita agarsiisan mul'isan.
Aanga'oonni Kaanoo viidiyoon Tiktookeroota kunneenii duudhaa fi safuu hawaasaa kan cabsu akkasumas aadaa fi amantii hawaasa kanaa kan faallesse ta'uu ibse.
Qondaalli naannawa kanaa Mujaahidiin Amiinuddiin tiktokeroonni kunneen ji'a lama keessatti walfuuchuu akka qaban manni murtii ajajuu mirkaneessaniiru.
Amiinuddiin bulchiinsa Kaanoo keessatti ajajaa itti aanaa Humna Poolisii Islaamaa- Hisbah jedhamuuti.
Namoonni miidiyaa hawaasummaa irratti dhiibbaa uumuun beekaman kunneen viidiyoo safuu hawaasaa fi duudhaa amantii hawaasichaa sarbu maxxansanii booda mana murtiitti dhihaatan jedhan qondaalli kun.
Amiinuddiin akka jedhanitti ajajaan Hisbah, Amiinuu Daawuraawaa, namoonni kunneen walfuudhuuf dursa haalduree guutuu qaban tarreessaiiru.
Jalqaba dubartiin kun eessaa akka dhuftee fi seenaa maatii ishee beekuun dirqama jedhan.
Namoonni kunneen qoricha sammuu hadoochu fayyadamuun waan kana raawwachuu isaanii mirkaneessuunis barbaachisaadha jedhan qondaalli kun.
Dhimmi ijoon isaan akka ulaagaatti kaa'an kan biraan namoonni kunneen dhibee tiruu, HIV, dhibee gadameessaa fi dhibeewwan walquunnamtii saalaan daddarban ilaalchisuun qorannoo fayyaa taasisuu akka qabanidha.
''Kun hundi erga xumuramee booda waa'ee gabbaraa haasofna,'' jedhan Aab Amiinuddiin.
Dubartiin hojjaanshee akkaan gabaabaa ta'e kun erga heerumtee booda mana kiraa keessa jiraachuu akka hin barbaanne ibsiteetti.
Gurbaan itti heerumuuf deemtu mana mataasaa hin qabu taanaan isa waliin mana tokko keessa jiraachuuf akka hin deemne ibsite.
Kunis kabajamuufii qaba jedhan qondaalli Kaanoo kun.
''Yeroo ammaa kana namoonni kunneen cidhasaanii booda mana keessa turan mijeessuuf bulchaa waliin dubbataa jirra,'' jedhan Aab Amiinuddiin.
Dhimmi Mayi Wushira fi Yara Guda yeroo ammaa mana murtiin qabamee jira. Manni murtichaa gaa'ela namoota kunneenii akka raawwachiisuuf Boordii Hisbhatti ajaja dabarse.
Tarkaanfiin kun namoota bulchiinsa Kaanoo keessatti faallaa duudhaa, aadaa fi amantii hawaasaa deemaniif barnoota ta'a jedhan qondaalli kun.

Madda suuraa, Maiwushiryabackup/Tiktok
Namoonni kunneen akka walfuudhuu qaban manni murtii murteessuun komii fi qeeqa kaaseera.
Jaarmiyaan gurmuu abbootii seeraa Naayijeeriyaa irraa ijaarame- Nigeria Bar Association (NBA) manni murtii namoota lama dirqamaan walitti heerumsiisuu hin danda'u jechuun murtee kana qeeqe.
''Murtiin akkanaa bu'uura seeraa fi heeraa hin qabu. Manni murtii karaa irraa maqeera,'' jedhe jaarmiyaan kun.
Pirezidantiin NBA Mazi Osigwe erga manni murtii Kaanoo tiktookeroonni bebbeekamoon guyyaa 60 keessatti akka gaa'ela raawwatan ajajee booda yaada kenneera.
Tarkaanfiin kun heeraa fi seera Naayijeeriyaa jalatti daangaa aangoo Mana Murtii irratti hubannoon dogoggoraa jiraachuu mul'isa jedhe.
Mirga bu'uuraa lammiileen qaban kan sarbuudha jedhe.
Kanaafuu murteen darbe kun hatattamaan irra deebiin ilaalamuu akka haqamu gaafateera.








