Maanguddoon Oromoo TikTok irratti qoosaa dhiyeessaniin jaalala horatan maal jedhu?

Madda suuraa, Kumaa Tolaa
Obbo Kumaa Tolaa maanguddoo umrii waggaa 61 yemmuu ta'an, viidiyoowwan qoosaa hojjetaniin dargaggoota heddu biratti jaalatamummaa hortaniiru.
Maanguddoon kun Afaan Oromoofi Amariffaan viidiyoowwan baacoo nama bohaarsan waraabanii TikTok irratti maxxansu. Viidiyoowwan shubbisaa ofwaraabuun hordoftootasaaniif qoodanis baay'eedha.
Viidiyoowwan koomeedii Obbo Kumaan hojjetan al kuma kurnanii hanga miliyonotaatti kan daawwataman yemmuu ta'u, maqaansaaniis fayyadamtoota TikTok Itoophiyaa keessaa biratti baramaa ta'aa dhufeera.
"TikTok namumarratti ilaaleen hojjechuu jalqabe" kan jedhan maanguddoon kun, yeroo waggaa tokkofi ji'oota muraasa keessatti hordoftoota TikTok kuma 230 ol horachuu danda'aniiru.
Obbo Kumaan miidiyaa hawaasaa baay'inaan dargaggoonni fayyadamanirratti qabiyyee mataasaanii qabatanii argamusaanii dabalataan tattaaffiin tekinoloojii ammayyaatti fayyadamuuf taasisanis olaanaadha.
Barnoota bu'uraa malee barumsa idilee gonkumaa akka hinbaranne kan himan Obbo Kumaan, viidiyoowwan TikTok ofiif waraabanii, gulaalanii maxxansu.
Akkaataa itti fayyadama TikTok fayyadamtoota biroorraa ilaalanii barachuu kan himan maanguddoon kun, jechoota afaan Ingiliffaa isaan hinbeekne moosaajii afaan hiikutti fayyadamuun hiikanii hubatu.
Viidiyoowwan koomeedii Obbo Kumaa heddu hordoftootasaanii biratti kan jaalataman yemmuu ta'u, fayyadamtoonni TikTok heddus baacoowwan Obbo Kumaa akkeessuufi fakkeessuun viidiyoowwan hojjetaniiru.

Madda suuraa, Obbo Kumaa Tolaa maanguddoo
Bashannanaafin eegale
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Kumaa Tolaa qabiyyeewwan nama bohaarsan hojjetanii maxxansu eegaluu isaaniin dura bilbila isaaniirratti viidiyoowwan TikTok irratti qoodaman daawwachaa akka turan himu.
Adeemsa keessas yaadni akkaawuntii banachuun viidiyoowwan maxxansuu akka dhufeef himu. Kanaafis waggaa tokko dura akkaawuntii banatanii hordoftootaan walbaran.
Sababa akkaawuntii banachuun viidiyoo maxxansuu itti eegalan yeroo dubbatanis, "Viidiyoowwan TikTok hojjechuu kanan eegale bashannanaafi" jedhu.
Haa ta'u malee jiraataan magaalaa Finfinnee kun miidiyaa hawaasaa baay'inaan dargaggootaan faayidaarra oolurratti mul'achuunsaaniin jaalalas qeeqas keessumeessuu dubbatu.
Keessattuu tibba viidiyoowwan jalqabaa maxxansanitti umrii isaaniin walqabatee namoota tokko tokkoon qeeqamuusaanii himan.
"Yeroon dura jalqabu umrii kiyya ilaalanii tokko tokko 'maalif akkana gootu?' naan jedhan" jechuunis haala tibbana sana ture yaadatu.
Haa ta'u malee hojii qabiyeewwan TikTok hojjechuun qooduu cichanii itti fufuu kan himan Obbo Kumaan, fayyadamtoonni isaan jajjabeessaa turan heddu ta'u himu.
Gama biraatiin adeemsa keessa akkaataa itti fayyadama TikTok caalmaatti baraafi qabiyyeewwan hojjetanis fooyyeessaa akka dhufan himuun, "Amalakoo akkuma ijoollee godheen hojjaa ijoollee kana itti bare" jedhu.
Qoosaawwan hojjetan ilaalchisee yemmuu dubbatanis, "TikTok irratti akka tasaa yaadni siif dhufa. Yeroon taa'u yaadni naaf dhufa" jedhu.
Maali ati nama guddaa mitii maal taate?' naan jedhu
Obbo Kumaa Tolaa sababa viidiyoowwan miidiyaa hawaasaa TikTok irratti maxxansaniin olloota isaanii birattillee yaadawwan faallaa akka keessummeessan dubbatu.
"Warri ollaa kuun na jaju, kuun immoo 'maali ati nama guddaa mitii maal taate?' naan jedhu" jechuun himu.
Gama biraatiin yaada isaanii TikTok irratti yemmuu qoodan gammachuun akka itti dhagahamu kan himan Obbo Kumaan, "Waan hintaane yaaddee hin aartu. Hordoftoonni ati argattus akkuma maallaqaa sigammachiisa" jedhu.
Karoorrisaanii gara fulduraas lakkoofsa hordoftootasaanii guddisuu akka ta'e kan himan maanguddoon kun, "lakkoofsi hordoftoota kiyyaa akka guddatuuf inuman itti deema. Hamma humni kiyya danda'e ittin fufa. Maallaqa kanan ittiin argadhu yoo ta'es nafayyada jedheen hojjedha" jedhan.

Madda suuraa, Obbo Kumaa Tolaa maanguddoo
*Bu'aa bahii jireenyaa*
Miidiyaan hawaasaa TikTok Itoophiyaa keessatti hamma viidiyoon daawwatame bu'uura gochuun kaffalti kan hinkaffalle yemmuu ta'u, Obbo Kumaanis TikTok irraa maallaqa aragtanii akka hinbeekne dubbatu.
Duraan hojii humnaa hojjechaa akka turan ka himan maanguddoon kun, suuqii shaqaxaa xiqqoo qabaniin maatiisaanii akka bulchan himu.
Haa ta'u malee torbeewwan muraasa darban keessa rakkoon diinagdee isaan mudatee suuqiinsaaniis ona ta'uu miidiyaa hawaasaarratti dubbachaa turan.
"Yeroo tokko tokko humnis oggaa didde, alaa waan itti dabalattu yoo hinqabaanne kan harkaa qabdu ni dhuma. Kanaafin namni akka nagargaaru dubbadhe" jedhan.
Waamicha isaanii bu'uura gochuunis hordoftoonnifi jaalattoonni isaanii biyya keessaaf alaa deeggarsa taasisuufii kan himan Obbo Kumaan, "Rabbi isaaniif yaa tolu amma shaqaxa xiqqoo itti bibbitadheera" jedhan.
Fuldurattis viidiyoowwan TikTok cinatti hojii daldalaa isaanii cimsanii akka hojjetan BBC'tti himaniiru.












