'Hidhattoota waliin mariyachuuf karaa nagaa nan mijeessa' - Komishiniin Marii Biyyaalesaa

Komishiniin Marii Biyyaalessaa “dhimmoota bu’uuraa biyyattii irratti marii hirmaachisaa ta’e gaggeessun waliigaltee biyyaalessaa uumuu” kaayyoo jedhuun erga hundaa’ee waggaa lama darbeera.

Turtii waggaa lamaa kanaan Komishinichi hojiisaa gulantaa qophii dursaa, qophiifi mariitti qoodun hojjachaa jiraachuu beeksise.

Naannoo Tigraay, bakkeewwan naannoolee Oromiyaafi Amaaraa lolli itti gaggeeffamaa jiruun alatti hojii namoota maricharratti hirmaatan adda baasuu hojjachuu komishinichi BBCtti himeera.

Komishinichi akka jedhetti, dhimmoota wal-dhabdeefi walii galuu dadhabbuu biyyattii keessatti mudataniif sababa jedhaman irratti mariyachuuf namoonni hirmaatan kutaa hawaasa gara gadiirraa ta’uu akka qaban ibsa.

Haata’u garuu, walii galuu dhabuufi rakkoolee heddu biyyattii keessatti mudataniif maddi namoota siyaasaafi warra baratan (elites) waan ta’aniif mariin isaanirraa eegaluu qaba jedhanii kanneen falmanis jiru.

Kanaaf ammoo akka sababaatti kan ka’u sochii qabsoo hidhannoo naannolee garaa garaa keessatti gaggeeffamuu waan ta’eef mariin qaamolee kanneen hin hirmaachifne hin milkaa’u kan jedhuudha.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa qaamolee hidhataniifi mariyachuuf fedhii qaban nageenyasaanii eeguuf “karaan nagaa” akka mijatu BBCtti himeera.

Komishinara Komishinii Marii Biyyaalessaa kan ta’an Pirofeesar Masfin Ar’ayaa akka jedhanitti mariin biyyaalessaa kun namoota siyaasaafi warra baratan irraa ka’uu qaba kan jedhu qaamolee garaa garaa irraa yaanni akka dhiyaatu ibsan.

Marichi namoota siyaasaafi warra baratan gidduu qofatti akka hin gaggeeffamni labsiin hundeeffama komishinichaa akka daangessu kaasu.

“Ajandaa jaharratti warra humna qaban, nuti beektota, warra barateedha jedhan filatanii irratti mariyadhaa jechuunin ni danda’ama,” jechuun bu’uurri labsii hundeeffama komishinichaa hirmaachisummaa, iftoomina, amanamummaa, waldanda’uufi wal-kabajuu fa’aa akka ta’eefi beektota qofaarratti hirmaachun sirrii akka hin taane kaase.

Rakkinicha keessaa kallattiin hirmaachaa kan jiru ummanni Itoophiyaa ajandaa qaba kan jedhan komishinarichi, beektotaafi qaamolee biroo wajjin mariyadhaa jechuun adeemsa dimokiraasiti jedhu.

“Uummanni nuti lammii Itoophiyaati jedhanii wajjin jiraachuf murtee tokkummaa hawaasaa irratti hirmaannaa gochuu qabu,” jechuun falmu.

Pirofeesar Masfin akka jedhanitti hawaasa gara gadiirraa hanga beektotaatti namoonni filaman ajandaawwan addaa bahaniifi dursi kennamuufii qaban irratti wal-qixxummaan Kora Marii Biyyaalessaa irratti waliin ni mariyatu jedhan.

“Horsiisee bulaan daangaa naannoo Somaalee fagoorra jiru qote bulaa Zalaambasaa wajjin wal-qixa mariyatee waa’ee biyya Itoophiyaa jedhamtuu waliin waliigalteerra gaha jechuudha,'' jechuun garuummoo beektota dhiibuu akka hin taanes kaasu.

Hidhattootaafi Marii Biyyaalessaa

Komishiniin Marii Biyyaalessaa marii “hunduu keessatti mo’ataa ta’e” gaggeessuf hidhattoonnis keessatti akka hirmaataniif fedhii akka qabu ibsaa ture. Marii kanaaf garuu hidhannoosaanii lafa kaa’uu qabu jedhe.

Hidhattoonni meeshaa waraanaa qabatanii barcuma mariirratti dhiyaachun akka hin danda’amne kan himan komishinarichi, meeshaasaanii lafa kaa’anii hirmaachuu akka qaban himan.

Mariin biyyaalessaa akka milkaa’uf kanneen hidhatan dabalatee qaamoleen hunduu irratti hirmaachun barbaachisaa ta’uu kan himan komishinarri Komishinii Marii Biyyalessaa, garuummoo marii gaggeessuf “qilleensi nagaa jiraachuu qaba” jedhan.

“Finfinnee taa’anii hidhattoota argachuun waan danda’amuu miti. Kana gochuuf gama hidhattootan fedhiin jiraachuu qaba. Gama keenyan yeroo hundaa fedhiin jira.''

''Haala kanaan eessatti akka wal-agarru, akkamitti gara marittii dhufuun akka danda’amu, waan mootummaa wajjin wal-qabatu sadarkaan kan furru ta’a,” jedhuun hidhattoota waliin dubbachuuf yaaddoo hir’isuuf “daandii nagaa” ykn wabii nageenyaa komishinichi akka mijeessu Pirofeesar Masfin BBCtti himan.

“Nagaan gara marii dhufanii hirmaatanii adeemsa gara waliigalteetti godhamu keessatti gama mootummaan, gama seeran dhiibban godhamu yoo jiraate, aangoo labsichi nuuf kennetti dhimma baanee mootummaa waliin dubbachuun daandii nagaa waan jedhamu mijeessuu ni dandeenya,” jedhan.

“Biyyattiin hanga maal taatutti eegama?”

Komishiniin Marii Biyyaalessaa yeroo hundaa'u Itoophiyaan waraana hamaa kaaba biyyattiitti gaggeeffame keessa turte. Ammas taanan naannoolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti lolli hidhattootafi mootummaa gidduutti gaggeeffamaatuma jira.

Kanaan dura guyya itti marii eegalu jala muree beeksisee turus komishinichi akka karoorse hin taanef.

Lolli bakkeewwan garaa garaatti itti fufee jiru hojiisaa akka hin hojjanneef danqa itti ta'uu komishinichi irra deddeebin beeksisaa ture.

Wantoota ajandaa marii ta'an keessaa tokko rakkoo nageenyaa furuu ta'uu kan himan Pirof. Masfin, gaaffii namoonni heddu 'biyyattiin hanga maal taatutti eegama?' jedhuuf deebii qabu.

Marichi yeroo qabamerraa duubatti harkifachuu kan amanan komishinarichi, "Akka karoora keenyatti deemnerra osoo ta'ee, bara kana mariin biyyaalessaa gaggeefamaa ajandaawwan heddu gara irratti walii galamuutti; kan irratti walii hin galamne ammoo adeemsawwan biroo akka hordofamu godhamee ture silaa,'' jedhan.

''Garuu boodatti harkifateera," jechuun dhimmi nageenyaa humna isaanii gararraa akka ta'eefi kanarraa kan ka'e guyyaa itti mariin biyyaalessaa eegalu kana jechuuf akka rakkatan kaasu.

Mormii komishinicha mudate

Jalqaba yeroo hundeeffamurraa kaasee filannoon gaggeefame hirmaachisaafi iftoomina kan qabu miti jechuun mormiin komishinicha mudatee ture.

Keessumaa Kokasiin Paatilee Mormituu hundeeffama Komishinii Marii Biyyaalessaa irraa kaasee hanga adeemsa isaatti mormaa turan.

Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Pirof. Masfin garuu komiin paartilee mormituurraa dhiyaate bu'uura kan hin qabneedha jedhu.

Paartileen akka ABOfi KFO mormiin isaan komishinicha irratti dhiyeessan fudhatamummaafi bu'a qabeessummaa marii gaggeeffamuurratti dhiibbaa hin qabaatuu jennee gaaffii dhiyeessineefii dhiibbaa akka qabaatu amananiiru. Garuummoo uummatarratti akka xiyyeeffatan kaasan.

"Paartileen gurguddoon kun haa hafuutii, warrumti xixiqqoonuu marii kana keessatti hirmaachuu dhabuun dhiibbaa ni qabaata," jechuun paartilee kana dirqisiisanii hirmaachisuu akka hin dandeenye kaasu.

Haa ta'u garuu Kokasiin Paartilee Mormituu Itoophiyaa dhiyeenya kana ibsa baasen Komishiniin Marii Biyyaalessaa kokasicha gidduutti garaa garummaafi diigumsa uumuf hojjataa jira jechuun komate.

Addumatti ammoo paartilee ABOfi KFO irratti gochaa maqa balleessii hojjataa jira jechuun ibsee ture kokasiin paartilee kun.

Komishinichi yeroo kennameefitti hojiisaa xumuraa?

Koamishiniin Marii Biyyaalessaa barri hojiisaa waggaa sadii akka ta'e labsiin kaa'ameera. Garuu erga hundaa'ee waggaa lama guutera.

Itti gaafatamummaasaa raawwachuuf waggaa tokko qofatu hafa. Yeroo hafte kana keessatti hojiisaa xumuruu danda'aa kan jedhu gaaffidha.

Pirof. Masifin Ar'ayaa garuu haalota biyyattii mudataniifi mudataa jiraniin hojiin komishinichaa duubatti harkifachuu kaasun hojii irraa eegamu akka hojjatu himan.

"Waggaa sadi nuu kenname keessatti hojii keenya xumurree keessaa bahuuf hojjataa jirra. Kanaaf, yeroo hafe keessatti ajandaa walitti qabuu eegalla," jedhan.

Haa ta'u garuu yeroon hafe gabaabaa ta'uurraa kan ka'e waan hunda galmaan gahuu akka hin dandeenyes eeraniiru.

"Labsiirratti akka kaa'emetti yaadota marii walitti qabuun qaama hojiirra oolchuf kennuun, hojiirra oolchun gabaasa isaa uummataaf dhiyeessuf yeroon hafe baay'ee gabaabaa ta'uurraa kan ka'e hojii kana hojiirra oolchina jedhee hin yaadu," jedhan.

Labsii hundeeffamaarratti hojiiwwaniifi itti gaafatummaawan komishinichaaf kennaman keessaa, "yaadota mariiwwan irratti ka'aniifi akkaataa itti yaadonni hojiirra ooluu danda'an kan ibsu sanada qopheessun, mana maree bakka bu'oota uummataaf, qaamolee hoji raawwachiiftuufi qaamolee dhimmi ilaallatu biroof dhiyeessufi uummataaf ifa gochuu" kanneen jedhan muraasa.