Dargaggoo gagaa 3D'n maxxansuun kannisa gargaaraa jiruun wal-baraa

Hundeessaa Twitter duraanii kara bitaafi Naatinaa'el kara mirgaa

Madda suuraa, Shega

Dargaggoo jaalala kannisaan qabamedha. Naannoo kannisni jirutti gatii guddateef sirriitti isaan beeka.

Isaan beekurra darbee waa'ee habaaboo isaan jaalatanii, akkatti damma dammeessan, haala qilleensaa isaan keessa jiraachuu fedhanii, eenyu maal akka hojjetufaa otoo hin hafiin dubbiifi hojiinsaa kannisuma.

''Kannisni tattaafattuudha garuu nuti hin gargaarreeni,'' jedha.

Naatinaa'el Bahaayiluu Naannoo Tigraay magaalaa Addigiraatitti dhalate. Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknolojiitii Finfinnee elektiroomekaanikaal ijiinariingiin eebbifame.

Naatinaa'el dhimmi kannisa akka malee dhamaasu tokko hubatee gargaaruuf harkaafi yaada bal'ifate.

''Kannisni damma kg8 nyaattee gagaa kg1 qopheessti, kunis yeroo dheeraa jalaa fudhata,'' jedha.

Gagaa roga jahaa jahaan damma keessa keewwachuuf qopheessitu kana tolchuuf yeroo damma qopheessuuf dabarsitu caalaa ishee dhamaasa.

Kanneen damma karaa ammayyaawaa taheen oomishan ammoo gagaa takkaa damma irraa muran irra deddeebiin itti fayyadamuu jedha.

''Ogeessonni gagaan al lamaa caalaa faayidaarra otoo ooluu baatee filatamaadha, yeroon tajaajilasaa ni darba jedhu, halluunsaa illee gara gurraachaatii geeddaramaa adeema,'' jechuun ibsa Naatnaa'el.

Kannisni gagaa kan tolchitu ammoo guyyaa 12-16 qofa lubbuun jiraatti.

Kannisni gagaa akkamiin hojjetti?

Kannisni damma dammeessite erga nyaatteen booda ni dafqiti. Waan bifa dafqaan bahu sanatu gagaa taha.

''Unuuf damma dammeessuutu hojii guddaa nutti fakkaata garuu inni jireenyuma isaaniiti.

Nadhii daraaraa irra erga guurrataniin booda qaama isaanii kessatti gara gulukoosiifi furuktoosiitti geeddaruun deebisanii afaaniin baasu,'' jedha.

Soorati isaanii yeroo gannaa nyaatan akka eegamee taa'u garuu gagaa hojjechuu irratti yeroo dheeraa fudhachuun ko'omu.

''Yeroo dheeraa gagaa hojjechuu irratti dabarsan hiri'isuuf jecha gagaa nam-tolchee hojjedheera,'' jedhe.

Gagaan akkamiin 3D dhaan maxxanfama?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Naatnaa'el teeknolojiin 3D yeroo ammaa kanatti waan akkaan irratti hojjetamaa jirudha jedha.

Suphee 3D dhaan maxxansuun danda'ama, manniyyuu hojjetamuu danda'aa jedha.

Kannisni akkatti gagaa roga jahaa sana hojjettu bal'inaafi kofa isaa, akka hin dhangalaaneef hamma digrii 16tti isa jallisan, dabalatee odeeffannoo gad-fagoo walitti qabuun booda maashina 3D dhaan maxxansu fayyadamuun gagaa nam-tolchee kana gaagura keessa kaa'efii.

''Hoomaan kannisi gagaa nam-tolchee kana fayyadamuun haala bareedaa taheen yeroo gabaabaa keessatti damma tolchanii naa kennan,'' jedha.

Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknolojii Finfinnee keessa gaagura shan qaba, qorannoo isaas yunivarsiitiima sana keessatti hojjeta.

''Kannisni gagaa nam-tolchee kana fayyadamuun damma guutanii yeroo naa kennan abdii guddaa natti hore,'' jedha.

Hojiisaa kanaan hin dhaabne Naatnaa'el, gagaan tolche faayidaa biraas qaba.

Gaagura otoo hin baniin damma muruun akka danda'amutti qopheesse.

Gagaan nam-tolchee Naatinaa'el hojjete gidduudhaan waan akka saayinaa qaba, jalaan ammoo ujummoo itti tolcheeraa jedhe. Saayinaan kuni duubaafi fuuldura gagaa kanaa adda baasti, yeroo irraa kaastu dammi ujummoo sanaan gadi cobuu jalqaba.

Adeemsi kunis kannisa otoo hin jeeqiin damma muruuf gargaara jedha.

Natnael Behaylu

Madda suuraa, Linkedin Natnael Behaylu

Gagaa nam-tolchee gagaarraa deebisanii tolchuu

Naatinaa'el gagaan nam-tolchee jalqaba hojjete pilaastikiidhaan kan maxxanfame akka tahe dubbata.

Pilaastikiin inni fayyadames nyaata keessa kuusuuf akka ooluuf kan mirkaneeffamedha. Pilaastikiin kuni miidhaas faayidaas hin qabu jedhe.

Gagaan kannisni tolchitu garuu miyoota miidhaginaaf itti fayyadamnu dabalatee waan nyaatni otoo hin faalamniin yeroo dheeraa akka turu taasisu dha.

''Kaannisnis damma isaanii kan keesssa keewwatan kanumaafi,'' jedha.

Maashiniin inni duraa pilaastikii nyaata keessa kaa'uuf gorfamu baqseetu 3D dhaan maxxansa, amma immoo maashinii gagaa baqsu hojjechuun gagaadhuma isaanii deebisee fayyadamuun 3D dhaan tolchaa jira.

Tahus hojiisaa kana gara gabaatti akka hin baasneefi adeemsarra akka jiru dubbata.

Kannisi ija gagaa rog-jahaa sana sa'atii 12 keessatti saddeet qofa hojjetu.

''Kanaaf kanniisni gagaa guutummaa damma isaan keessa keewwatan tolchuuf hamma ji'a afurii fudhachuu danda'a.

Gagaan 3Ddhaan tolfamee hojjetu kuni ji'a afur sana isaaniif qusata jechuu dha,'' jedhe Naatinaa'el

Itoophiyaan oomisha dammaan Afrikaa irraa sadarkaa tokkoffaarra jirti. Barruun Afrikaa Bizinas USAID eeruun waggaatti toonii 45,300 oomishti jedha.

Naatinaa'el, ''oomishni dammaa baayyeen mala aadaatiin ijaa oomishamuuf Itoophiyaa keessa gagaan akka garaa jira, isa ho'aan baqsuu fi qulqulleessuun gara gagaa 3Dtti geeddaruun danda'ama,'' jedha.

Naatnaa'el dhaabbatisaa ROBOX Robotica and AI Center jedhamu maashina 3D dhaan maxxansu akka dhiyeessu hima.

''Maashina gagaa maxxansus ofumaan tolche,'' jedheera.

Meeshaa hubannoo-namtolchee fayyadamuun haala kannisaa qo'atus hojjeteera Naatinaa'el. Kunis gaagura kannisa irratti kaa'amuun sochii fi haala isaanii qo'ata jedheera.

Kaayyoonsaa inni guddaan injinariingii fayyadamuun rakkoolee kannisa dammaa mudatu furuudha.

Haa tahu malee Naatinaa'el oomisha dammaa gagaa nam-tolchee fayyadamuun hojjeechaa jiru babal'isuuufi qorannoowwan garagaraa dalaguuf lafa argachuun rakkisaa akka itti tahes dubbateera.

'Dammi nyaata kannisaa yeroo gannaati'

Baay'inaan gosti kannisaa biyyoota alaatti arginuu ''harkatti yoo qabanillee kan nama hin hiddine jiru,'' jedha Naatnaa'el.

Kannisni Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa keessa jiran, ''dhukkuba akkaan dandamatuu, hojii dammeessuu irratti akkaan jajjaboodhaafi gaafa nama hiddanis akkasuma kanaaf kan warra faranjii irraa addadha'' jedheera.

Tuutni kannisaa gaaguraa ammayyaa keessatti gaafa dammeessan kutaan giiftiin kaannisaa hanqaaquu keessatti buustu, jechuunis kan kara gajjallaa balballi itti galanii bahan, dammi achi keessa jiru isaaniif dhiisamaa jedhe.

''Dammi namni fayyadamu yeroo baayyee kutaa gaaguraa isa gararraa lamaanirra jirudha,'' jechuun hubachiisa.

Yoo tahu baatee waqtii hammaate garuu sukkaarri akka nyaataatti kennamaafi jedha. Naatinaa'el kara dhaabbatasaan maashinoota 3D dhiyeessuu irratti akka hojjetus nutti himeera.

Jaalala inni kannisaaf qaburraan kan ka'e, ''hoomaan kannisaa akka eegamun barbaada.

"Damma baasuuf yeroo gaagurri banamutti kannisi 1,000 tahu du'uu danda'a, gaagura tokko keessa ammoo kannisa 10,000-40,000 jira,'' jedha.

''Meeshaan hubannoo nam-tolchee ani hojjedhe tempireechara akkamii keessa akka jiran, waqtii itti aanutti naannoo kam otoo geessiteenii damma gaarii dammeessu waan jedhu iddoo roobni gaariifi oomisha dammaaf mijataa qorachuun sitti hima,'' jedhe.

Kanaaf otoo kannisa hin jeeqiin odeeffannoo barbaadamu walitti qabuu dandeenya jechuudha.

''Namni baayyeen Itoophiyaa keessa damma hin sooratu, qaamaaf akkaan murteessaa tahullee, ani garuu damma baayyeen jaaladha, ijaa kannisa gargaaruufis nyaatasaanii hirmaachuun naaf mala jedheen yaada,'' jedha.