Naannoon Somaalee himannaa walitti bu'iinsa Somaalilaand keessaa qooda qaba jedhu balaaleffate

Naannoon Somaalee Itoophiyaa milishoota bulchiinsa Los Anood Somaalilaand keessaa deeggaraa jira jechuun himannaa irratti dhihaate balaaleeffate.

Tibbana qondaalonni Somaalilaand humnooti naannolee Somaalee hidhattoota loltoota mootummaa Somaalilaand lolan akka deeggaran ibsuu gabaafamaa ture.

‘’Hokkora Los Anood keessa humnoonni Naannoo Somaalee akka hin jirre bulchiinsa Somaalilaanditti ifa gochuu feena,’’ jedheera miidiyaan naannichaa guyyaa Kamisaa ibsa baasen.

Baatii Guraandhalaa eegalee biyyi akka biyya walabaatti of waamtu Somaalilaand keessatti rakkoon nageenyaa dhalateera.

Magaalaa Loos Anood keessa walitti bu'iinsa dhalateen lammiileen dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamuu gabaafameera.

Waldhibdeen kuni gosoota Somaale keessaa tokko kan ta’e Dhulbahante jedhamu Somaaliyaa keessa akka buluu barbaadu wajjiin walqabateeti.

Gosni Dhulbahante jedhaman Somaalilaand dabalatee Puntilaand keessa jiraataniifi yeroo dheeraaf hundeeffama Somaalilaand walaboomte mormaa turan.

Lola kana keessas waraanni Somaalilaandiifi milishoonni magaalaafi naannawa magaalaa Los Anood qooda fudhataniiru.

Sababa lola yookiin hookkara magaalaa Los Anood keessa jalqabeen lammiileen 100,000 ol ta’an gara Itoophiyaa baqachuu UN ibseera.

Kanneenifis deeggarsi akka barbaachisu ibsuun birmannaa gaafateera.

Gabaasaaleen akka jedhanitti guyyaa Kamisaa ture aangawoonni Somaalilaand Itoophiyaan walitti bu’iinsa Los Anood hammeessite jedhanii kan himatan.

Humnoonni nageenyaa Naannoo Somaalee Los Anood seenuufi akka keessaa akka bahan gaafachuunillee gabaafameera.

Himannaan kuni Itoophiyaan jila araaraa gara Somaalilaand erguu osoo gabaafamaa jiruuti dhagahame.

BBC’n dhimma kana irratti aangawoota Itoophiyaa irraa odeeffachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Aangawoonni Itoophiyaas dhimma kana irratti ifatti bahanii waan dubbatan hin qaban.

Naannoon Somaalee ibsa gaafa Kamisaa baasen himannaa irratti dhihaate ‘’maal na dhibde’’ jechuun qeeqe.

Somaalilaand ‘’dhiibbaa siyaasaa xiqqeessuuf diinota hin jirretti quba qabaa jirti,’’ jechuun naannichi ibse.

Dabaluunis, dubbiin Somaalilaand hariiroo hawaasa Somaalee Itoophiyaafi Somaalilaand jiru akka hin hammeessine akeekkachiise.

Daangaan Itoophiyaafi Somaalilaand bakkee daldalliifi hariiroon hawaasummaa cimaa ta’e jirudha.

Los Anood kana dura Puntilaand jala bulaa turte. Kanneen lolicha keessa qooda qabu jechuun Somaalilaandin himataman keessaas tokkodha.

Puntilaand garuu qaama mootummaa federaalaa Somaaliyaa ta’uu malee akka Somaalilaand walabummaa hin feetu.

Bulchiinsa Somaaliyaa irraa ifatti foxxoqxee akka biyyaatti of waamtu Somaalilaand, beekamtii idil-addunyaa hin qabdu.

Yeroo dheeraafis tasgabbooftu ta'un beekamti.