Beela hongeen fideen Kaaba Itoophiyaatti namootni 50 ta'an du'an

Kaaba Itoophiyaa naannolee Tigraayiifi Amaaraa keessatti beela hongeen fideen namootni 50 ta'an du'uu aanga'oonni himan.

Waajirri To'annoo Sodaa Balaa Naannoo Tigraay naannicha keessatti buqqaatotni sababa waraanaan qe'eesaaniirraa ka'an beela sababa hongeen mudateen lubbuu dhabuu beeksise.

Hogganaan waajirichaa Doktar Gabrehiwoot Gabregzaabeer magaala xiqqaa Yecilaa jedhamu keessatti beelaan namootni buqaatota ta'an 46 du'uu BBC'tti himan.

Dr Gabrehiwoot dhiyeessiin deeggarsa namoomaa naannoo Tigraay keessatti ji'oota shanii oliif adda cituusaa hordofee naannichatti lakkoofsi namoota beelaan du'anii 1329 gahuus dubbataniiru.

Naannicha keessa nagaan fooyyee qabu jiraatus, hanqinni nyaataafi beelli mudachaa jiru barattoota barnootatti deebi'aa jiranitti qormaata ta'uus himan.

Naannoo Amaaraa Godina Waagihimraa keessattis yoo xiqqaate namootni afuriifi loon 4,000 ta'an du'aniiru.

Duuti godinicha keessatti galmaahe kun hanqina nyaataa sababa hongee dhalateen akka ta'e hogganaan Waajira Ittisa Balaafi Wabii Nyaataa godinichaa Obbo Mihiret Malaakuu BBC'tti himaniiru.

Obbo Mihiret akka jedhanitti dhiyeessiin deeggarsa nyaataa godinicha waan qaqqabeef lakkoofsi namoota du'anii dhaabachuu danda'us lakkoofsi loon dhumaa jiranii dabaleera.

US fi Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii deeggarsi nyaataa gara darbuu himachuun ji'oota shanii oliif dhiyeessii deeggarsa nyaataa adda kutanii turan.

Kun ammoo naannolee waraanaa fi hongeen miidhee miiliyoonota deeggarsa nyaataa eeggatan balaa hamaaf saaxileera.

Yeroo ammaa kutaaleen biyyattii gariin hongeen miidhamaa wayita jiran, gariin ammoo rooba guddaa hin eegamneefi lolaan rakkoo keessa jiru.

Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii akka jedhutti lolaafi sigiga lafaa keessumaa naannoo Somalee mudateen namootni 40 ol ta'an lubbuu dhabaniiru.