Maaneen Baayern Muniik gadhiisee Al-Naasiritti Kiristaanoo Ronaaldootti makame

Taphataan duraanii Liivarpuul Saadiyoo Maaneen Baayern Muniik gadhiisee kilaba Sawud Arabiyaa Al-Naasiriitti Kiristaanoo Ronaaldootti makame.

Taphataan lammii Senegaal umuriin isaa 31 ta'e kun Baayren Muniikiif taphoota 38 irratti hiriiree gooliiwwwa 12 lakkoofsiseeraaf.

Maaneen kilaba Jarman keessatti jalqabarra gahumsa gaarii agarsiisus booda garuu amma eegame hin taane jedhameera.

Taphataan kun tapha Chaampiyeens Liigii Maanchister Siitii waliin taphatanii mo'aman irratti Lerooy Saanee waliin walitti bu'anii akka turan himama.

Akka gabaasni agarsiisutti, shaampiyoonaa Jarman kan ta'e Baayern Muniik Paawondii miliyoona 35 Saadiyoo Maanee fudhachuuf Liivarpuuliif waggaa tokko dura kaffalan hin kasaarre ykn deebifataniiru.

Hoji-gaggeessaan Baayern Muniik Jaan-Kiristiyaan Diriisan erga Maaneen Anfiild irraa dhufee kaasee "bara gaarii" hin dabarsine.

"Hanga nuti irraa eegnus ta'e inni mataan isaayyu of abdate gumaachuu hin dandeenye," jedhe Diriisan.

Saadiyoo Maaneen amma Al-Naasirii waliin kontiraata waggaa afurii mallattesseera.

Maaneen osoo Liivarpuulitti hin makamiin dura Saawuzihampitaniif taphataa ture.

Deemuu Maanee ilaalchisuun leenjisaan Baayern Muniik yeroo ammaa Tomaas Tuhel isaaniifi Maaneen akka waliigalan dubbatan.

"Bakka qalbiin jirutti makamuun waan gaariidha," jedhan.

Saadiyoo Maanee waliin faaruma gaariitiin akka walgaggeessan kan dubbatan laanjisaan kun, haalli amma jiru waan sirrii hin taaneef furmaanni gaariin deemuu isaati jechuun dubbatan.

"Yeroo tokko tokko wantoonni akka yaadametti namaaf hin qajeelu. Ani yeroo hunda isa waliin hariiroo baay'ee gaarii ta'en qaba ture. Hariiroon gaariin qabnu kun ammas itti fufa.

"Akka itti dhaga'ameeru hubachuu nan danda'a. Wantonni kana fakkaatan yeroo mudatanitti ammoo anaan na hin gammachiisu.

''Wanti beekamuu qabu ammoo wanti mudate kun nu miti kan uume, itti-gaafatamummaa koos miti. Garuu haala akkasii kana keessa gar-tokkootti cituun faladha," jechuun ibsan Tomaas Tuhel.

Al-Naasir badhaasa kubbaa miilaa guddicha Ballon d'Or si'a afur kan mo'ate Ronaaldootiin Mudde keessa ture kan mallatteesifate.

Isa hordofee ammoo hanga ammaatti taphataa sarara gidduu Kirooshiyaa, Maarselloo Birozoovich; taphata lammii Biraazil Aleks Telees fi taphataa sarara gidduu Ayivorii Koost Sekkoo Fofaanaan Al-Naasiritti makamaniiru.