Ameerikaan jiraattoota Gaazaaf yeroo jalqabaatiif qiilleensarraa paaraashutiin deeggarsa namoomaa dhiyeessite

Ameerikaan gargaarsa namoomaa ummata Gaazaatiif yeroo jalqabaaf xiyyaaraan qilleensarraa kan dhiyeessite yoo ta'u, kanaanis nyaanni kuma 30 ol ta'u xiyyaarota waraanaa sadiin qilleensaarraa harcaarfameera.

Deeggarsi kunis kan humna qilleensaa Joordaan waliin ta’uun raawwataman ta’u Pirezidaantii Joo Baayiden ibsan keessaa kan jalqabaati.

Kamisa darbe namoonni konkolaataa deeggarsaatti fiiguu hordofee yoo xiqqaate namoonni 112 erga Gaazaatti ajjeefaman.

Ajjeechaa kanaafis Hamaas Israa'el himatulleen Israa'e garuu haalte jirti.

Deeggarsa xiyyaaraan Gaazaa kan geeffame yeroo qondaalli olaanaa Ameerikaa tokko wixineen waliigaltee dhukaasa dhaabuu torban jahaaf Gaazaa keessatti hojiirra oolu adeemsarra jira jedhanittidha.

Qondaalli bulchiinsa Baayiden Sambata darbe akka jedhanitti, Israa’el waliigaltee dhukaasa dhaabuu haaraa ''fudhattee jirti'' jechuun ni danda’ama jedhan.

''Hamaas namoota butaman kanneen dhukkubsattoonni, kanneen madaa'an, maanguddootaafi dubartootaa akka gadhiisuuf yoo waliigale, har'arraa eegalee Gaazaatti torban jahaaf dhukaasni ni dhaabata'' jedhan qondaalli maqaan isaanii hin ibsamne kun.

Jaarsoliin aararaa Dilbata kana Kaayirootti deebi’anii kan wal argan yoo ta’u, marii kanaaf jiilli Hamaas fi Israa’el Kaariyootti argamuuf akka jiran qondaaltonni Masrii himaniiru.

Sambata darbe kana xiyyaaronni geejjibaa C-130 jedhamaniin nyaata kuma 38 ol qarqara qaama bishaanii Gaazaatti harcaasuu Ajajni Giddugaleessa Waraana Ameerikaa beeksiseera.

Ajajni Giddugaleessa Waraana Ameerikaa akka himetti, xiyyaaraan gargaarsa dhiyeesuun kan barbaachiseef deeggarsa lafarraanis ta’ee kallattiin garaa garaan Gaazaa seenu bal’isuufidha.

UK, Faransaay, Masrii fi Joordaan dabalatee biyyoonni biroo kanaan dura gargaarsa xiyyaaraan Gaazaatti harcaasanii turan, US garuu yeroo jalqabaaf gargaarsa haala kanaan harcaaste.

Dhaabbileen gargaarsaa akka jedhanitti, qilleensarra deeggarsa dhiyeessuun karaa gahumsaan gargaarsi dhiyaatu miti jedhan.

Jiraataan magaalaa Gaazaa qe’eesarraa buqqa’e Medhat Xaahir Rooyitarsiitti akka himetti, malli akkanaa deeggarsa dhiyeessuuf gahaa miti jedhan.

"Kun mana barumsaa tokkoof gahaa? Kun namoota 10,000’f gahaadhaa?" jedhe.

"Gargarsa karaa ulaa garaa Gaazaatti qaxxaamuruun erguutu caala" jedha.

Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) kaaba Gaazaa keessatti yaaddoo beelli mudachuu akka malu akeeku jiraachuu ibseera.

Dhaabbatichi bakka namoonni 300,000 ta'an jiraatan Gaazaatti torban muraasa darban keessa deeggarsi xiqqaatu qaqqabe jedheera.