Manneen daldalaa 1400 ol tibbana Oromiyaatti gatii dabalaniifi dhoksan saamsaman

Madda suuraa, Getty Images
Tarkaanfii mootummaan Itoophiyaa bittaaf gurgurtaan sharafa alaa fedhii gabaarratti akka hundaa’u murteesse hordofee kutaalee biyyattii garagaraatti gochaan oomishaalee dhoksuufi gatii dabaluu mul'ateera.
Naannoo Oromiyaa keessatti gochaan kun bariidhuma tarkaanfiin mootummaa Itoophiyaa ifa ta’e akka eegale Hoggantuun Biiroo Daldalaa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa BBC’tti himaniiru.
“Bariidhuma sanaa kaasee daldaltoonni tokko tokko oomishaalee dhoksuu wanti jajalqabame jira. Keessattuu omishaalee akka zayitaafi simintoo dhoksuu fi gatii dabaluun mul’ateera” jedhan.
Kana hordofees biiroon kuni guyyoota sadi ta’aniif daldaltootaafi fayyadamtootaaf hubannoo uumuu kan himan hoggantuun kun, isa booda garuu tarkaanfii fudhachuu akka eegalan himaniiru.
“Warra oomisha dhoksaniifi gatii dabalan ni saamsine. Hanga ammaattis manneen daldalaa 1400 ol saamsineerra.
Kanbiraa humnaa ol ta’ee ‘koottaa ni sakattaana’ yemmuu jennu fedhii dhabuun rakkoo uumuuf barbaadan namoota sagal immoo to’annoo seeraa jala olchineerra” jedhaniiru.
'Fayyadamaan saammachuu hinqabu'
Tarkaanfii dhimma sharafa alaa mootummaa Itoophiyaa hordofee daldaltoota omishaalee dhoksaniifi gatii dabalan cinatti gama fayyadamtootaatiinis dhimma taajjaban qabaachuu Aadde Masarat himu.
Kunis fayyadamtoonni hamma oomishaa kana dura bitanii ol bituufii waan gabaarra jiru saammachuu akka ta’e himan.
Oomishaalee qonnaarratti daballiin gatii guddaan akka hinjirre himuunis omishaaleen indaastirii akka zayitaa, paastaa, maakaarooniifii kunneen biroorratti daballiin gatii mul’achuu eeraniiru.
Haaluma kanaan zayitni abbaa liitira shanii irratti daballiin qarshii 200-300 ta’u kan mul’ate yemmuu ta’u, gama simintoon immoo iddoon hanga birrii 500 itti dabale jiraachuu himaniiru.
Dhiyeessii zayitaan walqabatee Ministeera Daldalaa waliin hojjechaa jiraachuu kan himan Hoggantuun Biiroo Daldalaa Oromiyaa Aadde Masarat, zayitni gara biyyaa seenaa jiraachuu himaniiru.
“Ministeera daldalaa waliin kaleessa Gumruka Adaamaa deemnee marii bal’aatu gaggeeffame, wal amannee baane.
''Amma zayitni achii bahaa jira. Dhiyoo waan ta’eef kan magaalaa Adaamaa qaqqabeera. Godinaaleen Oromiyaa biroommoo borufi iftaan bal’inaan qaqqaba” jedhaniiru.
Odeeffannoo Ministeerri Daldalaafii Walitti Hidhamiinsa Naannoo ALI Adoolessa 29, 2016 fuula Feesbuukiisaa irratti qoodeen konkolaataawwan omishaalee akka zayitaa, sukkaara, ruuziifii daakuu qamadii fe’an 273 adeemsa gumrukaa xummuranii gara kutaalee biyyattii garagaraatti imala eegaluusaanii beeksiseera.
Kanneen saamsaman akkam ta'u?
Daballiin gatii tibbanaa magaalota Oromiyaa isaan gurguddaa akka Shaggar, Adaamaa, Bishooftuu, Shaashamannee, Jimma, Naqamtee, Gimbii, Najjoofaa keessatti mul’achuu Hoggantuun Biiroo Daldalaa Oromiyaa himaniiru.
Haa ta’u malee, yeroo ammaa daballiin gatii taasifames tasgabbii agarsiisaa jiraachuu himaniiru.
Gama biraatiin manneen daldalaa saamsaman 1400 ol ilaalchisee tarkaanfilee gosa lama akka fudhatan himan.
“Kunneen kanaan dura riikardii hamaa hinqabnefii rakkoo hubannootiin yoo ta’e hawaasa dhiifama gaafatanii kan saaqnu ta’a.
''Garuu kana dura gorsi adda addaa kennameefi kana duras amala akkasii warra qaban irrattimmoo tarkaanfii barsiisaa maallaqaan kan adabaman jiru, mana murtiitti kan dhiyaatanis ni jiru” jedhaniiru.












