Itoophiyaan dhiibbaa dinagdee gatii sharafaa jijjiiruun Naajeeriyaafi Masrii mudate dandamachuu dandeessi?

Itoophiyaan liqii doolaara biiliyoona 10.7 dhaabbilee maallaqa Idil-addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaarraa argachuuf gatii birriin itti sharafamu gabaarratti akka hundaa’u murteessitetti.
Tarkaanfiin kun birriin gabaa sharafa alaa keessatti bilisaan daldaluuf kan fayyadu yoo ta’u, tarkaankiin kun faallaa gatii sharafa alaa mootummaan murteessaa tureti.
Mootummaan hojjattoota mootummaa mindaa gadaanaa argataniif % 300’n dabaluuf karoorsu hordofee, gatiin birrii ittuu gadi hir’ateera.
Gatii birriin sharafa maallaqa alaa waliin qabu gabaarratti akka hundaa’u erga murteeffamee asitti gatii birriin doolara Ameerikaa wajjin wayita wal bira madaalamu % 58’n gadi bu'e.
Gatiin birriii hir’achuun ammoo qaala’insa jireenyaa biyyattii keessatti duraanuu dabale hammeessa yaaddoo jedhu uume.
Kunis jiraattonni birrii daran laafa jedhanii yaadda’uun doolaara kuufachuu akka jalqaban kakaase.
Bulchiinsi Ministira Muummee Abiyi Ahimad hojjattoonni mootummaa mindaa gadaanaa argatan jijjirama kanaan battalatti akka hin miidhamneef mindaasaanii % 300’n akka dabalamu karoorsuu himan.
Garuu dhiyeenyatti biyyi maallaqa ishee gabaarratti akka hundaa’u biyyi murteessite Itoophiyaa qofa miti.
Naayijeeriyaa fi Masriin tarkaanfii walfakkaataa kan fudhatan yoo ta’u, bu’aan hanga ammaatti argame egeree lammilee Itoophiyaaf maal qabaachuu akka danda’u akeeka.
Sharafa maallaqaa gabaarratti hundeessuun dhiibbaa maalii qaba?
Sharafni maallaqa gabaarratti akka hundaa’u gochuun jalqabarratti gatiin maallaqaa[birrii] gadi hir’isa.
Kun ammoo meeshaaleen biyya alaatii galfaman qaalessa.
Kun yeroo baayyee gatii nyaataa, boba’aa fi qorichaa ol kaasuun namoota dhuunfaa fi dhaabbilee daldalaarratti dhiibbaa uuma.
Lammileen Itoophiyaa galii gadaanaa qaban qaala’insa jireenyaaf saaxilamu.
Daldaltoonni meeshaalee dheedhii biyya alaatii galfamanirratti hirkatan baasiin oomishasaanii ni dabala.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti, daldaltoonni meeshaalee hojjatamanii alaa galfamanii fi meeshaalee dheedhii alaa galchan baasiin isaanii ni dabala, isaan ammoo baasii isaanii maamilasaaniirratti dabalu.
Gama biraatiin biyyi al-ergii irratti xiyyeeffattee waan baay’ee gabaa alaaf dhiyeessitu maallaqa gatiin bittaasaa laafe qabaachuun ni fayyada.
Invastarootallee gara biyyattii hawwachuuf ni gargaara.

Madda suuraa, Reuters
Taateen akkasii eessatti mudate?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bitootessa 2024 darbe kana Masriin gaaffii IMF dhiyeesseef simachuun liqiin biyyattii doolaara biiliyoona 3 irraa gara biiliyoona 8tti guddate.
Paawundiin Masrii erga labsamee sa'aatii muraasa keessatti gatiin doolaaraan wal biratti wayita madaalamu %60 oliin gadi bu’e.
Kunis qaala’iinsa jireenyaa biyyattii keessa jiru ittuu hammeesse.
Bara 2016 yeroo dinagdeen ishee rafaama keessa seeneerraa eegalee amma yoonaatti to’achuuf yaalaa jirti.
Dabalataan bara darbe ji’a Waxabajjiirraa kaasuun qondaalonni Naayijeeriyaa gabaan sharafa alaan akka murtaa’u murteessuun gatiin maallaqa biyyattii [Naayiraan] doolaara waliin wayita wal bira madaalamu garmalee gadi buuse.
''Maallaqni Naayijeeriyaa waggoota dheeraaf gatii olka’aa qaba ture – hanga %50,'' jechuun ittigaafatamaan tarsiimoo maakroo, dhaabbata Landan keessa maadheffatee Chaarlii Roobartisan BBCtti himan.
Akka Obbo Roobartsan jedhanitti,“Naayijeeriyaan doolaara muraasa waan qabduuf hanqinni sharafa maallaqa biyya qabdi’’ jedhan.
Guddinni dinagdee Naayijeeriyaan harkifachuu, liqaa mootummaa guddachuu fi oomisha boba’aa hir’achuun, al-ergiin sharafa doolaaraa argamsiisu xiqqeese.

Madda suuraa, Getty Images
Namoota akkamitti miidha?
Naayijeeriyaa keessatti gatiin ruuzii, kan lammiilee Naayijeeriyaa hedduu soratan
waggaa muraasa darbe gatiin isaa dachaa ol dabale.
Gatiin boba’aa liitira tokkoo ammoo dachaa sadii dabale.
Qaala’iinsi jireenyaa Naayijeeriyaa Caamsaa 2023 keessa %22.42 ture, Caamsaa 2024tti gara %33.95tti ol guddate.
Qaala'iinsi gatii nyaataa ittuu hammaate, Waxabajjii 2024 keessa gatiin nyaataa %40.8 gahe.
Lammiileen Naayijeeriyaa hedduun nyaataa bu'uuraa bitachuuf hedduu rakkachaa wayita jiranitti kun mudate.
Dhaabbileen Naayijeeriyaa hedduun maallaqa biyya alaatiin liqeeffatan ni kaasaraan.
Masriittis gatiin daabboo lammilee biyyattii miliyoonaan lakkaa’aman, kanneen duraanuu hiyyummaa keessa jiran ykn handaara hiyyummaa jiran yeroo dheeraaf falmisiisaa ture.
Mootummaan dhiyeessi daabboo deeggarus, Caamsaa darbe kana gatiin daabboo %300’n dabale.
Jalqabaa rifannoon mudatus, Masriin erga haaromsa kana hojiitti hiiktee “hanqinni sharafa alaa furameera” jechuun IMF, “ invastaroonni biyyattii keessatti akka hojjatan abdii itti hore” jechuun ibse.
Egereen Itoophiyaahoo akkam ta’a?
Gatiin birriin laafuun al-ergii Itoophiyaa gabaa addunyaarratti dorgomaa akka ta’u gochuun, gabaarratti akka caalatti rakasu gochuu danda’a.
Mootummaan Itoophiyaa murteen kun adda durummaan damee qonnaa fi albuudaa irratti kanneen bobba’an dabalatee lammiilee Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa’aman kan fayyadu ta’uu ibsuun, sharafa alaa biyyattiin argattu ni guddisa jedhe.
Kunis keessumaa oomishaalee qonnaa Itoophiyaa kanneen akka bunaa, salixii, beeyladaa fi abaaboorratti faayidaa guddaa qaba.
Baankiin Biyyoolessaa Itoophiyaa “Haaromsi gabaa sharafa alaa Itoophiyaa qaama riifoormii diinagdee bal’aa ji’oota itti aanan keessa cimee ittifufu”ta'uu ibse.
Akka ogeeyyiin jedhanitti mootummaan Itoophiyaa qaala’iinsa jireenyaa to’achuu fi dinagdee biyyattii tasgabbeessuuf imaammata maallaqaa dabalataa baasuun tarii barbaachisu mala jedhu.












