Israa'el 'hoomaa dirooniifi misaa'elaa' Iraan itti dhukaaste kukuffiste

Iraan Dilbata barii keessa haleellaa dirooniifi misaa’elaa kurnaan lakkaa’amu Israa’el irratti dhukaaste.

Haleellaan haaloo bahuu kuni eega Israa’el haleellaa Sooriyaatti raawwatteen qondaalota waraanaa Iraan ajjeeftee booda eegamaa ture.

Biyyoonni lamaan waggoota dheeraaf walii diina. Haa ta’u malee, harka wayyaa jalaan yoo ta’e malee ifatti kallattiin walitti bu’iinsa keessa yoo seenan kuni yeroo duraatiifi.

Israa’el waraanni ishee fi biyyoonni kaan misaa’eloota kiruuzii fi diroonii kurnaan lakkaa’amu qilleensarratti fashalsuu beeksisteetti.

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan ‘’Israa’el baay’ee isaa akka dhooftee buustu gargaarreera,’’ jedhan.

‘’Iraan, akkasumas Yaman, Sooriyaafi Iraaq keessatti kanneen isheef lolan haleellaa qilleensaa dorgomaa hinqabne bu’uraalee waraanaa Israa’el irratti banani,’’ jechuun balaaleeffatan.

Eegduun Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) haleellaan kuni ‘’qiyyaafannoo muraasa’’ irratti xiyyeeffate jedhe.

Torban lama dura haleellaa Qontsilaa Iraan Sooriyaa keessa argamutti raawwatameen ajajaa dabalatee qondaalonni Eegdota Warraaqsa Iraan ajjeefamaniiru.

Iraan Israa’elitu kana raawwate jechuun himatte, Israa’el immoo anadhas ana mitis hin jenne.

Akkuma barii keessa Iraan haleellaa banteen Ministirri Muummee Israa’el Benjaamin Netaaniyaahu koree waraanaa isaanii mariif waamaniiru.

Eegasiis Pirezidantii Ameerikaa Joo Baayidan waliin marii taasisuu ibsan. Baayidan yoomuu Israa’el bira akka dhaabbatan mirkaneessuu isaanii itti dubbachuu himan.

Dubbii Himaan Raayyaa Ittisaa Israa’el Riir Admiiraal Daani’el Hagaarii, misaa’eloonni Israa’el muraasni daangaa Israa’el keessa seenuun buufata waraanaa irratti miidhaa xiqqoo qaqqabsiisaniiru jedhan.

Garuu lubbuu namaarraa miidhaan dhaqqabe akka hin jirre himan.

Tajaajilli ambulaansii Israa’el daa’imti ganna torbaa Kibba Israa’elitti caccabaa haleellaa kanaa samiirraa bu’een miidhamteetti jedheera.

Haleellaan bal’aa Iraaniin raawwatame ‚‘haalli isaa hammaachuu,’’ agarsiisa jedhan qondaalli waraanaa Israa’el kuni.

‘’Michoota keenya waliin ta’un, biyyaafi ummata israa’el balaarraa ittisuuf humna guutuun socho’aa jirra,’’ jechuunis dubbatan.

Akka qondaala kanaatti Iraan, ‘’hoomaa diroonii nama galaafatu 200 ol, misaa’eloota kiruuzii fi baalistikii,’’ dhukaaste.

Kanneen keessaa baay’ee isaa, Israa’eliifi ‘’naannichatti michuushee’’ kann ta‘an waliin qolachuu ibsan.

Humnoonni US dirooniiwwan baay’ee dhahanii lafa buusuu Ameerikaatti michuu BBC kan ta’e CBS’tti himaniiru. Garuu eessaafi yooma kan jedhu hin ibsine.

Ministirri Ittisaa UK ‘’daangaa nuti sossoonu keessatti haleellaa qilleensaa kamuu’’ qolachuuf jeettiiwwan RAF gara Iraaqiifi Sooriyaa ergamuu ibsan.

Yeroo Iraan haleellaa bantu Israa’el keessatti sagaleen of eeggannoo bal’inaan dhagahame.

Yeroo haleellaa dhukaafame meeshaaleen ittisaa qolatan samii Iyyeruusaalem gubbaa dhoo’insi guddaa dhagahameera.

Israa’el, Libaanos fi Iraaq daangaa qilleensaa isaanii cufaniiru, Sooriyaafi Yordaanos immoo sirna ittisa qilleensaa isaanii akeekkachiisarra ka’an.

Damee waraanaa Iraan keessaa isa cimaa kan ta’e Eegduun Warraaqsa Islaamaa biyyattii IRGC, sababa haleellaa kana bane ibseera.

‘’Qonsilaa Iraan Damaasqoo argamurratti haleellaa raawwate dabalatee yakka irra deddeebiin bulchiinsa Tsiyooniin [Israa’eliin] raawwatu, haaloo bahuufi,’’ jedhe.

Iraan haleellaa raawwachuu eegaluun dura Ministirri Muummee Israa’el Netaaniyaahun sirnooti Israa’el haleellaa ofirraa ittiin ittistu qophii ta’u ibsanii turan.

‘’Haala kamiifu qophiidha, ofirraa ittisuufis ta’e haleelaa banamuuf. Biyyi Israa’el, waraanni Israa’el, ummanni Israa’el cimoodha.

‘’Deeggarsa Biriiten, Faransaay fi biyyoota kaan dabalatee US Israa’el bira dhaabbachuu isheen galateeffachuu barbaanna,’’ jechuun dubbatan.

Guyyaa Sambataa muddamni akkuma hammaateen Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan gara Delaaweeritti imala eegalan adda kutuun gara masaraa isaaniitti deebi’aniiru.

Boodarra Netaaniyaahu waliin erga mari’atan booda guyyaa Dilbataa biyyoota Badhaadhan 7 waliin dhimma Israa’el irratti akka mari’atan ibsan.

Kunis, dhiibbaa dippilomasii Iraanirratti cimsuuf kan kaayyeffatedha.

Ministirri Muummee UK Rishii Sunaak haleellaa ‘’maal na dhibdee’’ Iraan kan balaaleffatan yoo ta’u, UK’n ‘’nageenya Israa’eliifi michootashee naannicha jiraniif dhaabbachuu itti fufti,’’ jedhan.

Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniwoo Gutareez ibsa baasaniin ‘’haleellaa bal’aa Iraan Israa’el irratti banteen muddama hammaate nan balaaleeffadha,’’ jedhan

Qaamoleen hunduu muddama akka xiqqeessanis waamicha dhiheessaniiru. ‘’Naannichis ta’e addunyaan waraana biraa hin barbaadu,’’ jechuunis ibsan.

Jalqaba torban kana ministeeronni waraanaafi dhimma alaa Israa’el Iraan Israa’elirratti haleellaa yoo bante, Israa’el Iraan keessatti haleellaa akka raawwattu dhaadataniiru.