Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taateen Dubaayitti hojjetaa humnaa battala modeelatti jijjiire maali?
Saamu'eel Baayyisaa Tufaa jedhama. Godina Shawaa Lixaa, Abuunaa Gindabaratitti dhalate. Erga gara Dubaay imalee ji'a ja'a. Kan imaleef jireenyasaa jijjiiruuf akka ta'e innis waanuma eegudha.
Kanaaf ammoo kan irratti xiyyeeffatee hojjetaa ture hojii humnaati. Hojii ijaarsaa hojjetaa ture.
Kubbaaniyaa- Tiger Company jedhamu keessa ''guyyaa tokko qulqulleessummaa, guyyaa kaan hojii ijaarsaa deeggaruun, guyyaa dhibii ammoo simmitoofaa dhiyeessuudhaan hojjenna,'' jedhe.
''Nuti gargaartota (helper) jechuudha.''
Guyyaa tokko Saamu'eel hojiidhaa ba'ee osoo mana galuuf gara sarvisii dhaabbatichaatti deema jiruu taatee jireenyasaa jijjiire arguu eegale.
''Konkolaataan Lamborghini akkaan bareedu tokko saffisaan fiigaa dhufee dhababate. Xiyyeeffannaa guddaadhaanin konkolaataa kana ilaale. Konkolaachisaan ammoo ana ilaala,'' jedhe.
Saamu'eel qaama qalbiinsaa bareedina fi surraa konkolaataa kanaan liqimfamee jiruu biyya lafaa tokko badhaastee kaan gadadoon simtu waan xiinxalu fakkaata.
Malee karaa kanaan waan fooyya'aatti darbe jedhee sadarkaa yaaduurra hin geneye ture.
''Gidduuma kanaan konkolaachisaan 'maal akkanatti ilaalta' naan jedhe,'' jehe.
Innis wayita konkolaataa kana argu miira keessasaatti uumamerraa kan ka'e rifatee hin callisne, waa'ee konkolaataa kanaa waan itti dhagahame ofitti amanamummaan dubbate.
''Konkolaataan kun akka biyya keenyaatti hin jiru. Baayyee qaaliidha. Ammoo baayyee miidhaga. Kanaaf natti toleetan laalen jedheen.''
Yoona kana konkolaachisichi ''as hiiqi'' jedheen, ofitti butuu qofa osoo hin taane meeshaa inni miiraan liqimfamee ilaalu kana keessa seenee akka argu, akka ittiin imalee qananii kana dhandhamu eeyyameef.
''An uffanni kiyya awwaara, kopheen kiyyas akkasuma, kanaan hin seenu jennaan 'lakki! namamoo konkolaataatu caala?' naan jedhe,'' jedha Saamu'eel.
''Kanaafuu seeni! Konkolaataa seentee hin beekne kana suura waliin ka'uu mitii ittiin bashannanta naan jedhe.''
Akka Saamu'eel jedhutti konkolaachisaan kun akka Dubaayitti abbaa qabeenyaati, konkolaataa gosa oofuu kana gurguras.
Abbaan qabeenyaa akka carraa dargaggeessa Oromoo kana waliin turtii yeroo gabaabaa taasise kun waan ture hunda waraabee fuula Instagram isaarratti maxxanse.
Saamu'eel garuu waraabamuu quba hin qabu jedhe.
''Akkasitti na waraabee gadhiisa jedhee hin yaadne. Viidiyoon kun guyyaa tokko booda gadhiifame. Guyyaa afuriin booda naannoo miiliyoona 1.2 ilaalame,'' jedhe.
Beekamtiin Saamu'eel kun gara moodelii lammii Kaameeruun Eriik jedhamuutti isa geessuuf ga'aa ture.
''Namni kun Dubaay kanatti moodela beekamaadha. Pirofeeshinaal moodeliidha. Akka Dubaayitti barjaalee beeksisootaa hedduurratti akkaan beekamaadha,'' jedha Saamu'eel.
Seenaa wal-sime: Saamu'el fi Eriik
Saamu'eel seenaa moodela kanaa (Eriik) qoratee wayita hubatu waggaa saddeet dura hojii qulqulleessummaa akka ture bare.
Tattaaffii cimaa taasiseen hojii moodelummaatti guddachaa dhufee, amma abbaa qabeenyaa ta'e jedhe.
Namni kun wayita seenaa isaa argu, abbaa viidiyoo kana maxxanseen ''nama kana na quunnamsiisi, deeggaruun barbaada,'' akka jedheen dubbata Saamu'eel.
Isa argachuun yeroof rakkisaa ta'us boodarra garuu namichi jalqaba isa waraabe kallattii inni jiraatu barbaadee argachuun moodela kanaan akka walquunnamsiise dubbate Saamu'eel.
''Namni kun durumaanuu ana [nama akkasaa] deeggaruuf waan kutate fakkaata. Viidiyoon kiyya erga maxxanfamee guyyaa lama booda iddoo hojii iyyafatee dhufe.''
Sa'aatii lamaa oliif erga barbaadee booda wayitanni hojiidhaa gadi ba'u argate.
''Dhaabbata an keessaa hojjedhu dhufee ijoollee wajjin hojjennu gaafate. Isaanis akka na beekan itti himan. Erga gara kubbaaniyyaa kana dhufee turtii sa'aatii lamaa booda na argate,'' jedhe dargaggeessi Oromoo kun.
''Ani nama kana argee hin beeku. Wayita na argu fiigaa dhufee natti marame. Baayyee gammade.''
Saamu'eel moodela akka Dubaayitti beekamaa ta'e, sooressa konkolaataa gatii qaalii oofu dhiisii hiriyaa waliin hojjetaniyyuu nama tokko qofa qaba.
''Ani biyya kanaa fira hin qabu. Hiriyaallee hin qabu. Namni sadarkaasaa eeggate ana nama hojii ijaarsaa hojjetutti dhufee wayita natti maramu miira addaatu natti dhagahame,'' jedhe.
Yeroo moodeliin kun isa argetti sarvisiin Saamu'eelfaa ba'uuf daqiiqaa muraasatu hafa. Kanaafuu bal'inaan waliin dubbachuu hin dandeenye.
''Gatii taaksii jedhee maallaqa kiisa kiyya keessa kaa'e. Na deeggaruu akka barbaadus natti hime. Sin barbaada jedhee bilbila kiyya qabatee gargar baane.''
Saamu'eel ammallee hin amanne. Moodeliin kun garuu yeroo jalqabaaf jimaata isa argee Dilbata bilbilee irra deebiin ammas argate.
''Konkolaataasaatiin dhufee iddoo hojii kootii na fudhate. Inni guyyaa sana beeksisa hojjetu qaba. Anaanis beeksisa tokko akka waliin hojjennu natti hime,'' jedhe.
Saamu'eel qophii akka hin qabnee fi har'uma dhufee beeksisa hojjechuu akka hin dandeenye itti himus moodelichi didee ciche.
''Viidiyoon guyyaa sana hojjenne baayyee ilaalame. Abbaa beeksisicha hojjechiifates baayyee jaallate. Namoonni akkasaa moodela ta'anis suura kiyya arganii baayyee dinqisiifatan,'' jedhe Saamu'eel.
Battaluma tokkotti hojii ijaarsaa irraa gara moodela ta'uutti ce'uu fi kanaanis gammachuu guddaa akka qabu hime.
Saamu'eel moodela ta'a jedhee yaadee hin beeku.
''Garuu beeksisi gaafa gadhiifamu 'moodela Ameerikaa' fakkaata. Baayyee bareeda naan jedhan.''
Ergasii miidiyaan biyyattii waa'eesaa ajandaa ijoo godhachuun gabaasuu eegalan.
Moodeloonni hiriyoota Eriik ta'anis walharkaa fuudhanii bal'inaan qoodan.
''Dhimmi kiyya miidiyaa guddicha Dubaay, kan suuraa fi viidiyoo namootaa calalee moodelummaaf kaadhimu, bira gaafa ga'u anas toora kana keessa na galchan,'' jedha Saamu'eel.
Saamu'eel akka jedhutti waggoota kurnaa oliif Dubaay keessatti haala kanaan moodeloota waliin beeksisa hojjetanii maqaansaanii calallii kana keessa kan galan hin jiran.
Inni garuu osoo waggaa hin guutin carraa kana argateera. Akkaataa itti fudhatama argataa jirurraa ka'uun yeroo gabaabaa keessatti hojii moodelummaa akka eegalu abdii qaba.
Moodelli beeksisa hojjechiise kunis ''atis kanaan booda guddinni kee hojii ijaarsaan osoo hin taane moodelummaadha. Animmoo waan hundaan sin gargaara naan jedhe,'' jedha Saamu'eel.
Moodelummaan hojii mataasaa danda'edha. Moodela ta'uuf leenjii fi muuxannoo keessa darbamutu jira.
Saamu'eel garuu amma moodela biyyaa ta'uurra darbee kan sadarkaa addunyaatti beekamu ta'uuf carraa bal'aa qaba.
''Ani muuxannoo hin qabu. Namichi leenjii muraasa naaf kenna. Waaqi gaafa nama gargaaru sekondii tokkottiyyuu addunyaarratti ni beekamu,'' jechuun carraa kanatti gammaduu ibse.
Saamu'eel ergasii carraa beeksisa hojjechuu hedduu argateera.
''Akka Dubaayitti dhaabbileen Real Estate hedduun naaf bilbilaa jiru. Guyyaatti ergaawwan kumaa oltu naaf galaa jiru. Yerooma gabaabaa keessatti akkas gaafa ta'u bitaas namatti gala,'' jechuun tasgabbaa'ee karoora baafachuu akka qabu dubbata.
Gara Dubaay akkamiin deeme?
Lammiileen Itoophiyaa kuma dhibbaan lakkaa'aman gara Dubaay deemuun hojii garaagaraa hojjechuun of jiraachisu.
Karaa seera qabeessaan deemuun kanneen milkaa'an akkuma jiran kanneen waraqaa seera qabeessa malee deemuun rakkoo keessa seenanis jiru.
Saamu'eel barnoota kutaa 12ffaa xumuruun Yunivarsitii naannoo Oromoo erga seenee booda waggaa afraffaa samisteera lammaffaa jalqabee dhiisee gara Dubaay imale.
Dargaggeessi kun hojii aartii keessa ture. Hojii koomedii (qoosaa) hojjechaa ture.
Hiriyaansaa isa dursee kan Dubaay deeme garas akka deemu haala mijeessuu hime.
''Hojiin koomediis naaf milkaa'uu dide. Yoon baradhee xumures silaa hojii hin argadhu jedheen gara Dubaay imaluuf murteesse,'' jedhe.
Baratee sadarkaa kana ga'uufis sadarkaa gadiirraa kaasee hojjetee of gargaaraa akka ture hime Saamu'eel.
''Kophee qulqulleesseera. Gargaaraa konkolaachisaa ta'ee hojjedheera. Ba'aa baadheera. Waan baayyee dabarseera.''
Gara Dubaay kan deeme maallaqa liqeeffateeti. ''Karaa dallaalaati kanan deeme. Maallaqa muraasa nan qaban ture. Garuu hanga birrii kuma 100 namarraa liqeeffadheen deeme,'' jedhe.
Maatiinis deeggarsa barbaadu kan jedhu Saamu'eel ''mana barumsaatii baatee hirkattuu ta'uurra Dubaay deemee hojii ijaarsaa hojjechuuf murteesse. Kana gidduutti carraan kun na mudate,'' jedhe.
Saamu'eel erga gara Dubaay deemee hojii eegalee liqii irra jiru deebisaa ture.
Garuu maallaqi biyyatti dubbatamuuf kan erga gara Dubaay deemee argataa jiru akka wal hin simne hime.
''Kan biyyatti haasa'amu walakkaa oliyyuu hin ta'u kan asitti argannu. Dadhabbii qaba. Gatii nama kaffalchiisa.''
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.