Aadaan dhibaayyuu loon dhale dhadhaa dibanii aannan dirratti naqan maali?

Akka aadaa fi duudhaa Oromootti Dhibaayyuun sirna eebbaa fi kadhannaa waaqaati. Dhibaayyuun kuni gosa gosa kan qabu ta'ulleen kutaalee Oromiyaa hedduu keessatti ni raawwatama. Akkaataan raawwii isaa garuu bakkaa bakkatti garaagarummaa qaba.
Dhibaayyuu Oromoonni durii kaasee dhibaafatan keessaa tokko ammoo dhibaayyuu saawwaniiti. Kunis sa'a reefu dhaleef kunuunsa taasifamu keessaa tokko akka ta'etti amanama.
Saanii yoo dhale akkuma yeroo namni dhalee kunuunsina
Aadde Nuuree Wanfaroo godina Arsii aanaa Muneessaa jiraatu. Isaan nama aadaa Dhibaayyuu loonii kana maatii isaanii irraa dhaalanii fi amma qe'ee isaaniittis raawwachuu itti fufani.
Torbee darbe kana aadaa Dhibaayyuu Saawwanii kana qe'ee isaaniitti raawwachuu kan himan aayyoon kuni, dhibaayyuun saawwanii kuni kunuunsa loon dhaleef godhamu jedhu.
"Loon dhalee jennaan hoogana (silga) kuusan. Kuni guyyaa saani suni dhalterraa hanga guyyaa torbaa ta'uu mala. Gaafa guyyaa torbaffaa raasan. Aannan silgaa kana hanga gaafa itti dhibaafatanitti joogitti hin elman, namaafis hin qican."
"Aannan silgaa kana raasanii dhadhaa baasu. Shubboo hin akaayan. Hin tumanii, dhadhaa kurreetti godhanii, saardoo fidanii dubartii ollaa jiran mara waamanii dhibaafatu" jedhu Aadde Nuureen.
Sirna dhibaafannaa saawwanii kanarratti kan itti dhibaafamu sa'a reefu dhalte sanaaf ta'ulleen dhibaayyuun kuni horii mooraa keessa jiru marayyuu qaqqaba.
"Haati sa'a sanaa Siinqee qabattee dirra sa'a dhalte sanaarra keessee dhadhaa sana gaanfa lamaanirraa jalqabuun sa'a muuddi. Ni areerratti. Areerrannaan kuni addarraa hanga eegeetti godhama" jedhu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhibaayyuu kana yoo dhibaafatan haawwan mandaraa walitti yaa'anii ateetee weeddisu. "dachiikoo nurraan dacha'in, ititii nu itichi, itittuu nu obaasi, haati nagaya, waatiin nagaya, margi sifa, maddi sifa si areerradhee hamtuun sin argin " jedhuun.
Dhibaayyuu saawwanii kanaratti sa'a dhalte kana dhadhaa qofa dirra dibanii hin dhiisan. Aannan qabeetti elmanis dugda sa'a dhaltee kana bakka cufarratti naquuf.
Dubartoonni sirna dhibaayyuu kana erga raawwataniin booda manatti deebi'anii gammachuu qooddatu.
"Dubartoonni manatti deebi'anii gammachuu dhibaayyuu kana aannan dhugu. Dubartiin hunduu dhadhaa muudatu. Loon mooraa jiru hunda muudu. Mooraattis, balbalattis dhibaafatu."
'Bakka laaliyoon dhaqe naan dhaqi,
Dirrikee shuqoo qaba loon maqii" jedhanii weeddisu.
Kunis loon dhibaayyuun dhibaafamuufii akeekufi.
Akka Aadde Nuureen jedhanitti aadaa keessatti akkuma dubartii deesseef kunuunsii taasifamu yeroo loon dhalanis akkasuma kunuunsi addaa nitaasifamaaf.
Haawwan akkuma dubartii deessef godhan sana loowwaniifis muudaa muudanii dhibaayyuu dhibaasuuf.
Haati loonii yoo aannan dhibaayuu raastu,
'Araree tiyya jaalalee, nama loon jibbu maalalee
Itti baasi gareen dhalee haadhan nyaatu saree malee" jechaa weeddisti. Ammoo aannan silgaa kan dhibaayyuu kana haadha loonii malee namni biraa hin raasu.
saani dhalte suni hanga guyyaa dhibaayyuun dhibaafamuufitti eegumsa addaatu taasifamaaf jedhu aadde Nuureen.
"Sa'a dhalte sana karaarratti hin baasan, marga addaa kennuuf, gaaddisa oolti. Hin rukutan, karaa yoo bishaan obaa deeman suuta oofan,Gaaddidduu jala dhoksu malee karaarraa hin oofan" jedhan.
Sa'a dhaleef yoo hin dhibaafanne maaltu ta'a?
Aadaan dhibaayyuu saawwanii kuni falaasama achii dhufteen isaa hormaata loonii waliin walqabatu jedhamee amanama.
Dhibaayyuun kuni kan saawwaniif dhibaafamus sa'a dhalte kunuunsuu caalaatti hormaata loonii keessatti qooda qaba kan jedhunii.
Akka aadde Nuureen jedhanitti sa'a dhalteef yoo dhibaayyuun osoo hin dhibaafamne hafe loon dhala dabarsu.
"Hormaataf dhibaafama. Muudatuu qaban. Yoo muudaan kuni hafe saani dhala dabarsiti. Ollaan warri ateetee 'nan muuda jettee dhaadhessite, hin muudne niqaanessite' jedhanii sitti sirbu" jedhan.
Akka aadaa kanaatti yoo sababa dhibaayyuun hin dhibaafamin hafe Kanaan saani waggaan dhaluu didee dhala dabarse haati loonii akka haaraatti dhibaafattee falatti.
"Yoo Rimaa fuudhuu didee dhala dabarse shuqoo muuddee, xaliilaa buustee morma isaaniititti hiiti. Xalilaan dhadhaa baksaati. Dubartii ollaa waamtee sagantaa kana yoo gooteef saani waggaasaatti siidhala" jedhan aadde Nuureen.
Aadaan dhibaayyuu saawwanii kuni Arsii keessatti haalaan kan beekamu ta'ulleen godinoota biroo keessas ture. Amma garuu namoota muraasa biratti malee aadaan kuni hafaa akka dhufe himan aayyoon kuni.















