‘Yeroo kamiyyuu rasaasaan dhahamuu dandeenya’-Hakiima Sudaan

Lola Sudaan keessatti guyyoota ja'a dura jalqabe hordofee, haleellaa lafaafi qilleensarraa bakka kamiifi sa'aatii kam akka dhufu hin beekamneen magaalaa guddoo biyyattii, Kaartuum keessatti jireenyi yaaddoo ta'eera.

Hakiimonnillee namoota miidhaman wallaanaa kan jiran yoom, bakka hin beekneen haleellaan akka irra bu'u yaaddoo keessa ta'aniiti.

Ofiisaas ta’ee ogeeyyiin fayyaa waliin hojjatan yoomiyyu haleelamuu dandeenya jedhanii akka yaadan BBCtti hima hakiimni Sudaan.

Hakiimni hospitaala Kaartum keessa hojjataa jiru kun ''yeroo kamiyyuu taanaan rasaasaan dhahamuu dandeenya,'' jedha

Doktorri maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate kun namoonni wal’aanaman harki caalaan isaanii warra rasaasaan dhahaman hima.

Hakimni kun akkas jedhe: "Miira gargaarsa dhabuutu natti dhaga’ama, namoonni osoo argitu fuuldura keetti du’uun ni ulfaata,’’ jedhe.

Ogeeyyiin fayyaafi dhukkubsattoonni hospitaala keessatti rasaasa eessaa akka dhufe hin beekamneen itti dhukaafamaniin rukutaman.

Hakiimni kun kana booda hospitaala keessatti hojjataa turetti deebi’uu hin barbaadu, dhaabbata fayyaa tokko keessatti dhukkubsattoota wal’aanuu itti fufeera.

Koreen Giddugaleessaa Hakiimota Sudaan (CCSD) jedhamu akka ibsetti, hospitaalota magaalaa guddoo Sudaan, Kaartumitti argaman keessaa 39 fi kanneen bulchiinsa ollaa magaalichatti argaman tajaajila kennuu dhaabaniiru.

Taateen kun rakkooleen namoomaa biyyattii ittuu hammaachaa adeeemuu akeeku.

''Hosptaalota tajaajila kennuu dhaaban keessaa sagal boombiin haleelamaniiru, hospitaalota 16 keessaa namoonni dirqiin bahuuf dirqamani,'' jedhe Koreen Giddugaleessaa Hakiimota Sudaan.

Aangoo dhuunfachuuf jecha lolli waraana Sudaaniifi hidhattoota ‘Rapid Support Forces(RSF) jedhaman giddutti erga eegalee guyyoota ja'affaa qabateera.

Hakiimoonni BBCtti akka himanitti, hidhattoonni RSF yoo xiqqaate hospitaalota 16 keessaa hakiimootaafi dhukkubsattoota dirqamaan baasan-BBC garuu addatti qaama walabaarra dhugummaasaa hin mirkaneeffanne.

Hospitaalota muraasa keessatti ammoo dhukkubsattoonni soorataafi bishaan qulqulluu otoo hin argatiin hospitaala keessatti danqaman.

"Dhukkubsattoota kana karaan nageenyi isaanii eegameen hospitaala keessaa baafaman hin jiru, hanqina geejjibaafi boba’aatu jira," jedha hakiimni kun.

Doktorri kun akka jedhutti, reeffii namoota hedduu hospitaalota keessa; iddoo namni dhaquu hin dandeenyetti hafan jedha.

Hakiimni gameessi Dr Ahimad Abbaas jedhamu Yuuniyeenii Doktoroota Sudaan hoogganu.

Dr Ahimad BBCtti wayita dubbatan, "Sudaan haala hamtuu keessa jirti, hospitaalota Kaartum keessa jiran muraasa qofatu tajaajila kennaa jira," jedhan.

Hospitaalonni muraasni tajaajila kennan, "hanqina Oksjiiniifi qorichaan muddama keessa jiru," jedhan.

Hakiimnoonni sa’aatii dheeraa’’ hanga kufuuf ga’anitti hojjataa jiru,’’ jedhan.

Dr Ahimad Abbaas itti dabaluun akka himanitti, namoonni ‘’ogeeyyii nama isaan gargaaru dhabuu, hanqina dhiigaatiin du’aa jiru. Namoonni kaan ammoo wal’aansa baqaqsanii yaaluu yeroo dheeraaf osoo eeggatanii du’aa jiraachuu eeran.

Hakimni maqaan isaanii hin eeramne fi Dr Ahimad Abbaas akka himanitti, hospitaalonni muraasni loltoota gartuuwwan wal waraanutti jiraniif dawoo baqannaa ta’uutti jiru.

Dr Ahimad Abbaas akka himamnitti, hospitaaloonni shan wal waraansa gartuuwwan lamaanii giddutti guutummaatti barbaada’an.

Daarektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teediroos Adahaanom namoota nagaa waraana keessatti danqamaniifi ogeeyyii fayyaaf eegumsi atattamaan akka taasifamu qabu waamicha dhiyeessaniiru.