Artistiin suuraa pirezidaantii Taanzaaniyaa gube hidhaan itti murtaa’e

Aartiistiin suuraa pirezidantii Taanzaaniyaa Saamiiyaa Suluuh Haasan gubeera jedhame hidhaan wagga lamaafi addabbiin dolaara kuma lamaa itti murtaa’e.

Aartisitichi yakka saayibarii biyyattiin badiin waan irratti argameef adabbiin kun irratti murtaa’eera.

Namni Shaadiraak Chaawulaa jedhamu pirezidantittii arrabsaa wayita suuraashee gubuu viidiyoo waraabe jedhamun ture to’annoo jala kan oolfame.

Aartiistiin wagga 24 kunis gochiicha raawwachu amanuun adeemsa dhaddachaarratti ofiirraa ittisuu hin dandeenye.

Hidhamuun aartisitichaa kan mormii seera kaasee yoo ta’u, oggeessoonni seeraa tokko tokkos suuraa pirezidantiitti gubuudhaan seerri cabsame homtuu hin jiru jechuun falmu.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa tokko tokkoos maallaqa addabbii artisiticha irratti murtaa’e kanfaluudhaan hidhaa hiiksiisuuf maallaqa waliitti qabuu jalqabaniiru.

Taanzaaniyaan qeeqxoonni seera bilisummaa yaada ibsachuu ni daangeessa jedhaniin, seera tamsaasa odeeffannoo sobaa dhorkuuf cimaa jedhame waggaa muraasa dura baafteetti.

Artistichis viidiyoo TikTok gubbaatti maxxanseen, jecha cimaa ittiin Pirezidanti Saamiiyaa Suluuh Haasan ‘‘arrabsee’’ fayyadamuun akka ta’e poolisiin beeksiiseera.

Ittigaafatamaan Poolisii naannichaa Beenjaamiin Kuzaagaa Kibxata darbe ibsa gaazexessitootaf kennaniin, artisitichi suuraa pirezidantitti guubuudhaa fi qabiyyee badaa intarneetii irratti qooduun balleessaa raawwateera jedhan.

‘‘Dureewwan biyya keenyaa arrabsuun aadaa hawaasa Mibeeyaa miti’’ jedhan itti gaafatamtichi.

Ta’us ammo oggeeyyiin seeraa tokko tokko seerri suuraa gubuu yakka taasisuu hin jiru jechuun mormii itti fufan.

‘‘Suurichi kan kaafame oggeessa suuraa motummaatiinii? Adabaabaayiitti bahuun waan ummataafi biyyaf hojjatan haa himan. Suuraa gubuun yakka ta’u seera eeruudhaan kan agarsiisu eenyu? Jechuun mormu abukaatoon Fiiliip Muwaakiiliimaa gaazexaa ‘Muuwaanchii’ jedhamuutti yoo dubbatan.

Seera qabeessa ta’us dhiisuus garuu Taanzaaniyaatti gochaan naamusa maleessaa jedhame kun dheekkamsa kaaseera.

Aartistii seeroota saayibarii biyyattii cabsuudhaan viidiyoo odeeffannoo sobaa qabate tamsaasuudhaan balleessaan irratti argamuun, akka ofirraa ittisuuf carraan kennamuuf illeen, callisuu midiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Adabbichi cimaa fi tarkaanfii ukkaamsuu mootummaan mormitoota irratti fudhataa jiran kan agarsiisuudha jedhu qeeqxoonni.

Pirezidanti Saamiyaa kan wagga sadiin dura gara aangootti dhufan, foyya’insawwan haala siyaasaa fi siiviilii biyyattii bal’isan akka Fidan dubbatama.

Haata’u malee mormiitoonniifi falmitoonni mirgaa biyyattii imaammatawwan gara haala abbaa hirree darbeetti kan ishee deebiisudha jechuun yaaddoosaanii ibsaniiru.