Daa’imman walitti maxxananii dhalatan duuti gargar baase

Anik fi Destiin, daa'imman walitti maxxananii dhalatan

Madda suuraa, JACKLYN REIERSON, MAF

Daa’imman durbaa lama maqaan isaanii Anik fi Destiin jedhaman naannoo handhuura isaaniitiin walitti maxxananii Dimokraatik Rippaabilika Koongootti ture kan dhalatan.

Ijoolleen lakkuun lamaa sun torban 37tti handhuurri isaanii walitti qabatee dhalatan.

Daa’imman kun qaamota garaa keessoo muraasa walootti qabu turan.

Maatiin isaanii uffatta qorraa itti maranii, daa’immaan erga dhalatanii torban tokko hin caalle imala km 1,400 bu’aa bahiifi bosana keessa qaxxaamuruun dhaabbata fayyaa iddoo wal’aansa itti argatan qaqqabsiifatan.

Daa’imman kunneen mandara magaalaa guddoo Dimokiraatik Rippaaabilka Koongoorraa fagaatte argamtu Muzomboo jedhamurraa gara Kiinshaatatti geeffaman.

Bara 2017 gareen ogeeyyii baqaqsani yaaluu fedhii isaaniitiin wal’aanan bira geeffamanii turan.

Yeroo sanaatti barataa saayinsii medikaalaa kan ture Dr Mudjiin, yaala baqaqsanii yaaluutiin akka addaan bahan sagantaa wal'ansaa yeroosanatti qindeeesseefi ture.

Dr Mudjiin, wal’aansa baqaqsanii yaaluu Dimokraatik Rippaabilika Koongootti yeroo jalqabaaf gaggeeffame jedhuun addaan baafaman.

Daa’imman lakkuu kessaa tokko kan taate Destiin garuu guyyaan dhaloota waggaa jalqabaa otoo hin kabajamiin dhibee busaatiin duute.

Doktor Mudjiin daa’imman kana keessaa tokko dhibee busaatiin du’utti baayyee gadduu dubbate.

Dr Mudjiin akkas jedhe:’‘daa’imni tokko dhibee akka salphaatti yaaluun danda’amuun du'uu hin qabdu, kana amanuu hin dandeenye,’’ jedhe.

Haakimni kun baayyeen aareen ture,’’ jedhe.

Kilaawudin Mukina (haadha) fi Anik. lakkuuwwan lamaan keessa kan amma jirtu

Madda suuraa, MAF

Dr Mudjiin akkas jedhe:’‘ daa’immaan ganna shanii gadii sababa dhibee busaatiin du’uun gaddisiisaadha, garuu kun caalatti na gaddisiise,’’ jedhe.

Sagantaa hoggansa gama fayyaa kan sadarkaa idil-addunyaa ‘Said Business School’ jedhamu fi Oksofoorditti argamu keessatti hirmaataa kan jiru Dr Mudjiin, hiree Destiin mudate erga biyyattii deebi’e booda maatiirraa dhaga’e.

Sana booda Dr Mudjiin akkas jedhe:‘‘kun anaaf naasuu guddaadha, garuu hospitaalaan keessa hojjadhutti kuni waanuma baramedha,’’ jedhe.

Guyyaa guyyaattii daa’imman dhibee busaatiin du’u jedhe hakiimni kun.

Dr Mudjiin Hogganaa garee qo’annoo fi Daarektara barnootaa Hospitaala Vangaa jedhamuti.

Hogganaa garee qo’annoo fi Daarektara barnootaa Hospitaala VangaaDr Mudjiin

Madda suuraa, MAF

Dhibeen busaa ammas biyyattii keessa lubbuu namaa baasaa jiraachu dubbateera.

Dhibeen busaa addunyaatti mul’atu keessa dhibbantaan 12 Rippaabilika Koongootti mul’ata.

Dr Mudjiin daa’imni haala hammaatarraa baraaramte dhibee busaatiin du’uu amanuuti na rakkisa jedhe.

Taateen kun haqa dhabdummaa fi walqixummaan gama walgeettii eegumsa fayyaa sadarkaa addunyaatti dhabamuu agarsiisa jedhan hakimni kun.

Kanaafuu ,dhaabbileen dawaa oomishanii fi qondaalonni siyaasaa humnaa fi beekumsa isaanii fala haaraa walitti cobsanii hawaasa naannoof fala barbaadu akka tumsan gaafate.