Bulchiinsi magaalaa Finfinnee ogeessonni fayyaa wallaansa bilisaa akka argatan hayyame

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee ogeessota fayyaafi maatii isaanii magaalicha keessa jiran hospitaalota bulchiisa isaa jala jiran keessatti tajaajila fayyaa bilisaa akka argatan hayyame.

Ogeessonni BBCn dubbise murtee kana deeggaranillee, hojmaanni kun ogeessota hospitaalota federaalaa Finfinnee keessa jiran keessa hojjetan kan hin hammanne, akkasumas ogeessota bulchiinsa magaalichaa hospitaalota federaalaa keessatti tajaajila wallaansaa bilisaa akka argatan kan dandeessisu miti jedhu.

Biiroon Pablik Sarvisiifi Misooma Humna Namaa Magaalaa Finfinnee, "Paakeejiin faayidaa" baajata bara 2028 amma jalqaberraa kaasee hojiirra akka ooluuf qajeelfamni torban darbe A L I Kamisa 17, 2027 ture kan darbe.

Murteen bulchiinsa magaalaa kun ogeessonni fayyaa gaaffilee faayidaafi sirna fayyaa ilaallatu kaasuun deebii akka argataniif ji'a Caamsaa keessa biyyattii keessatti mormii erga gaggeessaniin boodadha.

Ogeessonni fayyaa hojii dhaabuun mormii gaggeessuun dura akka guutummaa biyyaatti gaaffilee deebii argachuu qaba jedhan 12 dhiyessan keessaa daballii miindaa fi akkaataan kaffalataa sa'aatii darbaaf raawwatamu wa fakkaataa miti kanneen jedhan keessatti argamu.

"Kiraa manaa, saaxilamummaa akkasumas dorgoo ittiin nama onnachiisan irratti sirreeffamni hatattamaa akka taasifamu," akkasumas ogeessonni fayyaa fi maatiin isaanii hundi, "dhaabbileen fayyaa kan mootummaafi dhuunfaarratti" tajaajila fayyaa bilisaa" argachuu qabu kan jedhu gaaffilee isaan kaasan keessaati.

Mormii ogeessonni fayyaa taasisan hordofee, 'bakka buutonni isaanii' MM Abiy Ahmad fi aanga'oota biroo waliin marii taasisaniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnees bakka Kantiibaa Adaanech Abeebee aramanitti ogeessota fayyaa waliin marii taasisanii ture. Marii kanarrattis Kantiibaa Adaanech, gaaffilee "sadarkaa bulchiinsa magaalattiitti hikuun danda'aniif" deebii akka kennan waadaa galanii ture.

Xalayaan qajeelfama kana qabateefi itti-gaafatamaa biiroo pablik sarvisiifi misooma humna namaa magaalaa Finfinnee Dr. Jemaaluu Jemberiin mallattaa'e kan ergame hospitaalota torba bulchiinsa magaalichaa jalatti argamaniifi kollejjoota fayyaaf, akkasumas kutaaleen bulchiinsa magaalaatiifidha.

Murtee bulchiinsa magaalichaatiin "hojiirra akka ooluuf qajeelfamni bahedha" kan jedhan Dr. Jamaaluun, xalayaan kun dhimmoota afur qabachuu kaasan.

Jalqabarratti dhimmi eerame kaffaltaa sa'aatii darbaa hojjetan kan ilaallatudha. Dhaabbileen fayyaa bulchiinsa magaalichaa jalatti argaman kaffalataa kana "akkaataa kaffaltaa sa'aatii darbaa bu'uura godhateefi istaandardii keenninsa tajaajilaatiin" hojiirra akka oolchan ajajeera.

Ogeessonni fayyaa lama dhaabbileen fayyaa magaalattii keessa hojjetan BBCn dubbise akka ibsanitti, kaffaltaa sa'aatii darbaa ilaalchisee qajeelfamichi kanaan duras sadarkaa hojmaataatiin kan taa'eerudha.

Haata'u malee, dhaabbileen fayyaa shallaggii kaffaltaa hojii sa'aatii darbaa akkaataa hojmaatisaa hayyamuun hojiirra oolaa akka hin turre ibsaniiru.

Akkaataa hojmaatichaatiin Sambataafi Dilbata; guyyoota ayyaana waggaa, akkasumas halkan sa'aatii 4 booda ogeessonni hojiirratti dabarsan hojiin guuyyoota kanarra hojjetan ol guddatee akka shallagamuu qabu doktorri hospitaala magaalattii keessa hojjetu tokko ni ibsa.

"Hanga ammaatti wanti kun hojiirra oolaa hin jiru. Nuuf kaffalamaa kan ture [dhaabbileen fayyaa] akkaataa barbaadaniin ture." jechuun hojmaata hanga ammaa ture ibsa.

Qajeelfamni amma darbe kun hojmaata kana gara seera qabeessaafi wal fakkaataa ta'etti jijjiira jedhee akka yaadus eereera.

Dhimmi lamaffaa xalayicharratti eerame, wallaansa fayyaa bilisaa ogeessota fayyaa kan ilaalatudha. Hojmaata hanga ammaa tureen dhaabbileen fayyaa magaalaa Finfinnee jala jiran keessatti yoo dhukkubsatan wallaansa bilisaa argachuu kan danda'an, dhaabbata fayyaa keessa hojjetan keessatti qofaa akka ture ogeessonni BBCn dubbise dubbataniiru.

Hojmaanni kun sadarkaa dhaabbata fayyaatti malee sadarkaa bulchiinsa magaalaatti "kan murtaa'e" akka hin turre ogeessi fayyaa tokko ni ibsa.

Sababa kanaan, rakkoon fayyaa dhaabbata fayyaa keessa hojjechaa jiraniin ol yeroo isaani mudatetti baasii wallaansa fayyaa ofiin of danda'uuf akka dirqamaa turan kaasa.

Wallaansi fayyaa bilisaa dhaabbata fayyaa keessa hojjetan argataa turanis taanaan maatii isaanii kan hammatu akka hin turre duubata.

Qajeelfama bulchiinsi magaalicha aamma dabarse garuu homaata kana jijjireera. Hojmaata haaraa kanaan ogeessonni fayyaa "dursa dhaabbata fayyaa keessa hojjetan keessatti, achiimmoo buufataalee fayyaafi hospitaalota mootummaa bulchiins amagaalichaa keessa jiran keessatti tajaajila akka argatan godha."

Tajaajilli fayyaa bilisaa kun ogeessota fayyaatiin ala "michii gaa'elaa fi ijoollee umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta'e" akka dabalatu xalayaan kun ibseera.

Hospitaalota bulchiinsa magaala aFinfinnee jalatti argaman keessaa Hospitaala Yaadannoo Gaandii, Dagimaawwii Miniliik, Raas Dastaa fi Xurunash Beejing keessatti ragamu.

Paakejiin faayidaa xalayaan kun ibse biraan; "dhaabbileen fayyaa hunda keessatti suuqiiwwan waldaalee hojii gamsaa" akka hundeeffaman kan ajajudha. Kun kan taasifamuuf ammoo "dhiibaa qaala'insa jireenyaa salphisuuf" akka ta'e kan ibsu xalayaan kun,

Murteen bulchiinsa magaalicha abiroon; "pirojektii misooma ijoollummaatti yeroof kan qacaraman" hojjetoonni dhaabbataadhaa qacaruu kan ilaallatudha. Hojjetoonni kunneen "manarra deemanii maatiifi guddistootaaf gorsa kennu" jedha xalayaan kun.

socii ogeessonni fayyaa tasisaa turan keessa kan ture ogeessi tokko BBCtti akka himetti; hojiirra kan turan harki caalaan narsootadha. Baayyinni hojjetoota kanaa "dhaabbata tokko keessatti anga 50" gahuu akka danda'u kan ibsu ogeessi kun; waliigalteen hojii kun addaan cituu danda'a sodaa jedhu keessa akka turan dubbate.

Bulchiinsi magaalichaa xalayaa torban dabe barreesseen, "biiroo kanatti, kutaa magaalaafi buufataaleen fayyaa keessatti kan argaman supparvaayizaroonniifi qindeessitoonni hojmaatasaa eeganii hojjetaa dhaabbataa akka ta'an," jechuun qajeelfamni kennameera.

Xalayaan kun dabalataan, "paakejiiwwan faayidaa kun baajata bara 2018 irraa kaasee ogeessota fayyaatiif akka hojiira oolu hordoffiifi deeggarsa akka gootan" jechuun xalayichi dhaabbilee fayyaafi kutaalee magaalaa itti barreeffame akeekkachiiseera.

Ogeessota fayyaa dhaabbileen fayyaa magaalattii keessa hojjetan BBCn dubbise fooyya'iinsa kana ilaalchisee hanga ammaatti ifatti kan isaaniif ibsame hin jiru. Ogeessi fayyaa tokko garuu dhaabbata keessa hojjetu keessatti murtee kana hojiirra oolchuuf sochiin taasifamaa jiran jiraachuu dubbateera.

Ogeessi fayyaa kun fooyya'insa taasifame "akka jalqabii gaariitti" akka ilaalus BBCtti himeera.

Haata'u malee, fooyya'iinsi kun hojiirra kan oolu dhaabbileen fayyaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessa jiran keessa hojjetanittidha, gaaffiin ogeessonni fayyaa dhiyeessan ammoo sadarkaa biyyaatti deebii akka argatuuf ture.

BBCn Pabilik Sarvisiifi Misooma Humna Namaa magaalaa Finfinnee, akkasumas waajiraaleen biiroo waa'ee fooyya'insa taasifame ilaalchisee ibsa dabalataa argachuufi yaaddoo ka'an ilaalchisee gaaffii dhiyeessuf yaaliin taasise hin milkoofne.