Liqaan Ameerikaarra jiru doolaara tiriliyeena 37 gahe lammiilee biyyattii yaaddesse

Donaald Tiraamp wixineen seeraa baajataa 'Guddaa fi miidhagaa' jedhan Koongireessidhaan ragga'eera.

Ameerikaan hammaaafi baayyinni liqaa addunyaa isa hafeerraa fudhattu akka haaraatti yaaddeessaa tahuu waan jalqabe fakkaata.

Wiixineen baajataa gibira hir'isuuf Tiraamp dhiyeessan kuni liqaa doolaara tiriliyoona 37 Ameerikaan qabdu irratti yoo xiqqaate doolaara tiriliyoona sadii ida'a jedhameetu eegama.

Karoora kana michuu Tiraamp Iloon Maask dabalatee kan qeeqan baayyeedha.

Liqaan kuni guddachaa dhufuun gariin namaa addunyaan hafe Ameerikaaf liqaa kennuun hangam deemuu danda'a kan jedhuun gaaffii kaasaa jira.

Mamiin namootaa kunis gatiin doolaaraa laaffachaa dhufuurratti kan mul'achaa jiru yoo tahu hammi dhalaa invastaroonni Ameerikaaf liqaa kennuuf gaafatan ammoo dabaleera.

Ameerikaan waggaa waggaan baasii baastuufi galii argattu wal madaalchisuuf liqaa kana fudhachuun irra jiraata.

Jalqaba waggaa kanaa irraa kaasee gatiin doolaaraa paawundii waliin birqabaan dhibbeentaa 10 kan gad-bu'e yoo tahu, yuuroo irraa immoo harka 15 cabeera.

Gatiin liqaa Ameerikaa yeroo dheeraaf dhaabbataa tahullee garaagarummaan reetii dhala liqaa yeroo dheeraa keessa kaffalamuufi yeroo gabaabaa keessatti kaffalamuu dabaleera. Kunimmoo liqaan Ameerikaan fudhattu waarawaa tahaa kan jedhu irratti shakkii kaaseera.

Kuni egaa otooma Ameerikaan gatii dhalaa Gamtaa Awurooppaafi UK caala hir'istee jirtuuti; kuni silaa doolaara Ameerikaa jabeessuu qaba ture. Sababiinsaas invastaroonni yeroo baankiitti qarshii qusatan gatii dhalaa olaanaa waan argataniifi.

Hundeessaan dhaabbata fandii hedge Reey Daaliyoo Ameerikaan karaa qaxxaamuraa irra jirti jedhanii amanu.

Haala amma jiruun Ameerikaan dhihootti liqaa fi kaffaltii dhalaa irratti doolaara tiriliyoona 10 baasti jechuun tilmaamaniiru.

''Haalli faayinaansii mootummaa Ameerikaa karaa qaxxaamuraa irra gaheera, yoo ammaa furame malee liqaan kuni tuulamee balaa otoo hin fidiin iddoo furamuu hin dandeenyerra gahuu mala,'' jedhan.

Wixinee seeraa Tiraamp dhiyeessan irratti dhimmoota sadii:

Miidhamni liqaa kanaan dhufu maal fakkaata?

Inni jalqabaa baasii mootummaatu akkaan hir'ata, gibirris akka malee dabaluu danda'a.

Reey Daaliyoon hir'ina baajata mootummaa %6 isa amma jiru irraa gara %3tti hir'isuun fuulduratti rakkoo fiduu mala jedhan.

Baajatni miilanaa Tiraamp kuni baasii mootummaa muraasa ni hir'isa, tahus gibiras akkasuma gar-malee hir'isa kanaaf haalli siyaasaa miilanaa karaa irraa maquu danda'a jechuu dha jedhan.

Lammata, akkuma kanaan dura yeroo rakkoo faayinaansii 2008 godhamaa ture- baankiin gidduugalaa Ameerikaa qasrhii maxxansuun liqaa mootummaa bituuf itti fayyadama.

Haa tahu malee adeemsi kuni qaala'insa hammeessuu dabalataan warreen dafqaan buluufi qabeenya kan akka manaafi qooda daldalaa qaban gidduutti wal-qixxummaan akka hin jiraanne jabeessa.

Inni sadaffaan, waanuma beekamaa Ameerikaan gootu dha. Ameerikaan kaffaluu hin dandeessu, hin kaffaltus.

Amantiin ministeera maallaqaa US irra jiruun rakkoon sirna faayinaansii addunyaarra dhufaa jiru kana bashannana fakkeessuu mala.

'Wayyaa xurii...'

Tahus dhimmi akkasumaan waan mijuu namaa kennu miti sababiinsaas addunyaan doolaaraan ala filannoon qabdu muraasa.

Hayyuun diinagdee Mohaammad El-Eriyaan kanneen doolaara qaban hir'isuuf yaalaa jiru, ''doolaarri ba'aa dha, addunyaan kana beeka, kanaafi gatiin warqees, yUuroofi paawondiis kan dabale garuu filannoon biraa baayyeen hin jiru.

''Doolaariin wayyaa xurii baayyee qabdu isa xiqqoo fooyya'u gatii taheef isuma uffachuu qabda,'' jedhan.

Haa tahu malee egeree doolaaraa fi qabeenyi bu'uuraa addunyaa- boondiin mootummaa Ameerikaa -sadarkaa olaanaan irratti marii'atamaa jira.

Bulchaan Baankii Ingilaand haasaa dhihoo BBC waliin taasisaniin dhimmi liqaa Amaeerikaa fi haalli doolaara Ameerikaa waanuma sammuu hogganaa ministeera maallaqaa Ameerikaa Iskoot Baaseent keessa jiru dha jedhan.

Yeroo ammaa kana doolaarri yaaddoo guddaa keessa kan jiru natti hin fakkaatu kana ammoo ni beeka, waan salphisee ilaalu miti jedhan.

Liqaan tiriliyoona 37 waan fudhachuufi hubachuuf rakkisu dha. Guyyaa guyyaan doolaara miiliyoona tokko yoo ergite qasrhii hamma kanaa qusachuuf waggaa 100,000 fudhata jedhan.

Kanaaf haalli qixaa liqaa kana itti ilaalan dhibbeentaa galii biyyattiiti. Diinagdeen Ameerikaa waggaatti galii tiriliyoona 25 fida.

Liqaan hamma galii biyyoota kaanii haa caaluyyuu malee kan Jaappaaniifi Xaaliyaanii hin caalu dabalataan diinagdeen kalaqaafi qabeenya horatu duubasaa jira jedhan.