Manni-murtii jecha ragaalee ittisaa Obbo Taayyee dhaggeeffachuuf beellame

Deetaa Ministeera Nagaa kan turanfi miseensi Caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa, meeshaalee waaraanaa seeraan alaa mana jireenyaa isaaniitii argamaniiru jedhaman ilaalchisee himata irratti dhiyaate akka ofirraa ittisan manni-murtii ajajuunsaa ni yaadatama.

Angawaan duraanii kunis angawoonni mootummaa ‘dhimmicha beeku’ jedhan shan mana-murtiitti dhiyaatanii jecha ragummaa akka kennaniif ragaa ittisaa waammatanii, qondaalonni mootummaa lama dhaddacha A L I Sadaasa 9, 2017 taa’amerratti jechasaanii kennanii turan.

Jecha ragaalee ittisaa hafan sadi dhaggeeffachuuf waraqaa waamichaa akka ergu Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti dhaddachi tokkoffaa kan yakkoota heeraafii sirna heeraa irratti raawwataman ilaalu dhaddacha har'a A L I Sadaasa 17, 2017 taa'een himeera.

Haaluma kanaan jecha ragaalee ittisaa sadeenii dhaggeeffachuuf Mudde 3, 2017’tti beellama qabateera.

Gama biraatiin ji’a Mudde ALI 2016 aangoorraa kaafamanii kan hidhaman Obbo Taayyeen, ‘mana murtiitti osoon hindhiyaatiin ji’oota afuriif ukkaamfamee tureera’ jechuun sarbamni mirgoota namoomaa akka irratti raawwatame iyyatanii turan.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaas sarbama mirga namoomaa narratti raawwatameera jedhan akka qoratuuf gaafatanii turan.

Kana malees, abukaatoowwankoo doorsisuun akka dhaddacharratti naaf hindhaabbanne taasiseera kan jedhaniin Waajjira Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaas mirga heeraan kennameef sarbuusaa himuun akka gaafatamuuf iyyatanii turaniiru.

Abbaan Alangaa fi Poolisiin Federaalaas Komishinii Mirgoota Namoomaan akka qoratamaniif Obbo Taayyeen gaafatanii kan turan yemmuu ta’u, Komishinichi qorannoo isaatiif guyyoonni 30 akka kennamaniif mana murtichaa gaafateera.

Haata’u malee, guyyaan Komishinichaan gaafatame baay’ee ta’uu kan himan Obbo Taayyeen, komishinichi beellama itti aanu Mudde 3, 2017’tti gabaasasaa akka dhiyeessu gaafataniiru.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gama isaatiin qaamolee dhimmicha qoratee dhiyeessuuf yeroon gaafate guyyaan 30 akka kennamuuf gama bakka bu’aa isaatiin dhaddacharratti gaafateera.

Manni murtichaas komishinichi qorannoosaa adeemsisee gabaasa akka dhiyeessuuf guyyoota 30 gaafatame heeyyamuun dhaddachi goolabameera.

Obbo Taayyeen eenyu ?

Obbo Taayyeen mootummaa garagaraa keessattis shororkeessummaafi mootummaa kuffisuuf yaaluun deddeebiin himatamanii murtiin irratti darbeera. Isaan garuu himannaa kanneen ni mormu.

Waggoota 20 keessa umurii isaanii keessaa nuusa(1/4ffaa) mana hidhaatti dabarsan.

Obbo Taayyeen Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuutti ALI Bara 1970 dhalatan.

“Taayyeen yeroo ijoollummaatti nama rakkoo keessatti guddatteedha,’’ jedhu obboleessi isaanii maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan.

“Nama gargaaruu gubbaatti nama duubatti hin deebine tahuusaa beekna, keessumaa waan rakkoo namoota irra gahuf maaliif jedhee maatii keessattillee falmaa ture.’’

Obboleessi isaanii kun Obbo Taayyee yoo ibsan, ''nama dhugaaf bakka guddaa qabu,’’ jechuun waan barbaadan galmaan gahuuf nama dhamahan akka ta’an himu.

Obbo Taayyeen waa’ee isaanii kana dura BBC’tti yoo himan, ''Warri kiyya beeki, baay’ee rakkinaan na barsiisan,'' jedhan.

Obboleessi isaaniis kana mirkaneessu. ''Waliigala nama rakkoo keessatti guddate Taayyeen, ilma qote-bulaa [qonnaan-bulaa] waan taheef.’’

Taayyeen akka barattoota bara isaanii jiran baay’eetti siyaasa keessa qooda kan fudhachuu eegalan barataa barnoota sadarkaa 2ffaa yeroo turanittidha.