US badhaasa dolaara mln. 10 hogganaa haaraa Sooriyaa qabuuf ramaddee turte haqxe

Ameerikaan dippilomaatota olaanoon ishee erga bakka bu'oota Hayat Tahrir al-Sham (HTS) waliin marii taasisanii booda badhaasa doolaara miiliyoona 10 hogganaa Siiriyaa Ahmed Al-Sharaa qabuuf kana dura baastee turte haqxe.

Gargaaraan ministeera dhimma alaa Barbaraa Liif mariin Sharaa waliin taasifame ''baay'ee bu'a qabeessa'' ta'uu fi ''ammas haasa'uuf qophii'' ta'uu dubbataniiru.

Jilli Ameerikaa kun magaalaa guddoo biyyattii Damaasqoos kan gahe hidhattoonni HTS torbee lama kan hin guunne keessatti mootummaa Bashar al-Asad erga kuffisanii booda.

Waashingitan ammallee garee finciltootaa kana garee shororkeessaa jechuun farrajtee jirti.

Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa dippilomaatonni kunneen "seera ce'umsaa" Ameerikaan deeggartu, dhimmoota naannoo fi barbaachisummaa ISIS loluu irratti mari'achuu isaanii mirkaneessaniiru.

Dubbi himaan kun itti dabaluudhaan akka jedhanitti, aanga'oonni waa'ee lammiilee Ameerikaa bara sirna Asaad dhabaman, gaazexeessaa Austin Tice kan bara 2012 Damaasqootti butamee fi ogeessa fayyaa sammuu Majid Kalmaz kan bara 2017 bade odeeffannoo dabalataa akka barbaadan beeksisaniiru.

Dubbi himaan Imbaasii Ameerikaa ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin kanaan dura Liif irratti hirmaachuu qabu ture sababa ''yaaddoo nageenyaatiin'' haqameera jedhan.

Haa ta'u malee, ibsa gabaabaa kanaan, "sababa cufamuu daandii" irraan kan ka'e ta'uu ibsuun sababa rakkoo nageenya kan jedhu haaleera.

Daawwannaan kun waggoota kurnan booda daawwannaa dippilomaasii Ameerikaan Damaasqootti taasifte isa jalqabaati.

Daawwannaan kun erga Asaad Siiriyaa keessatti aangoo irraa kaafamee booda jijjiirama tasa kan ta'e yoo ta'u, deggersi biyyoonni Arabaa mootummaa haaraa kanaaf taasisan tarkaanfii Ameerikaa fi Awurooppaan dhiibbaa uumuuf fudhatanidha.

Daawwannaa kana hordofuun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Ingilaandi, Faransaay fi Jarman dabalatee jilli biyyoota biroo irraa argamaniiru.

Daawwannaa kana irratti jilli qondaaltota olaanoo Ameerikaa akka Baarbaraa Leef, ergamtuu pirezidaantii Ameerikaa Joo Baayiden, Roojar Kaarstens fi gorsaa olaanaa Biiroo Dhimmoota Baha giddu galeessaaa Daani'eel Ruubinstaayiin faa kan dabalateedha.

Dubbi himaan kun itti dabaluudhaan jilli kun gareewwan hawaasa siivikii fi miseensota hawaasa adda addaa Siiriyaa waliin wal arguun ''egeree biyya isaanii fi Ameerikaan akkamitti akka isaan gargaaruu dandeessu irratti mari'ateera'' jedhan.

Daawwannaan kun Ameerikaan ammallee HTS akka dhaabbata shororkeessummaatti ramadduus, bulchiinsi siiviilii akka hundeeffamu dhiibbaa gochuuf kan kaayyeffate akka ta'u Ameerikaan haasa'uuf qophii ta'uu ishee agarsiisa jedhameera.

Waashingitan garee kana akka dhaabbata shororkeessummaatti ramadun utuu hin danqin amma haalli Damaasqoo qoqqobbii malee ce'umsa ishee salphisu milkaa'inaan kaa'amaa jira.

Gama biraatiin ammoo kaaba baha Siiriyaa bulchiinsa Deir al-Zour keessatti haleellaa xiyyaaraa raawwatameen hogganaan ISIS Abu Yusif fi hiriyyoonni isaa lama akka ajjeefaman Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa mirkaneessera.

Ibsa Jimaata darbe kennaniin, haleellaan qilleensaa kun Kamisa darbe naannoo kanaan dura to'annoo mootummaa Asaad jala ture keessatti raawwatame jedhan.

Ajajaan Ajaja Giddugaleessaa Jeneraal Maayikeel Erik Kuriilaa Ameerikaan IS ''haala yeroo ammaa Siiriyaa keessa jirutti fayyadamuun irra deebiin akka gurmaa'u'' akka hin hayyamne erga dubbatanii booda gareen kun loltoota IS 8,000 ol Siiriyaa keessatti hidhaman gadhiisuuf karoorfateera jedhan.