Holqi Soof Umar bakka dagatamee MM Abiyyiin yaadatame amma maalirratti argama?

Ministirri Mummee Abiyyi Ahimad angawoota duraaniifi ammaa waliin ta'uun guyyoota darban keessa hojiilee misoomaa godinaalee Baalefi Baale Bahaa keessatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Pirojeektota angawoota kunneeniin daawwataman keessaa Pirojektiin Misooma Holqa Soof Umar isa tokko.

Holqi hawwataan dheerina kilomeetira 15 qabu waggootaaf osoo hin misoomiin ture waggoota lama dura ture galii gurgurtaa kitaaba MM Abiyyi, Dhaloota Ida'amuu jedhu irraa argamuun akka misoomu kan murtaa'e.

Guyyoota darbanittis suuraawwan holqi Soof Umar ifaan faayamee agarsiisan akkaasumas suuraan Loojii Soof Umar miidiyaalee hawaasaarratti bal'inaan qoodamaa turan.

Daawwannaa iddichatti taasisan ilaalchisee fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti kan barreessan MM Abiyyi, Loojiin Soof Umar 'dhiyeenyatti xummuramu' "karoora tarsiimoo Itoophiyaa waggaa kudhanii isa tuurizimii guddina diinagdeef ijoo taasisee fudhatu jabeessuuf kan hojjetamedha" jedhan.

Loojiin kun turtii tuuristoonni Holqa Soof Umar daawwatan kan dheeressufi tajaajila kan laatu akka ta'es eeraniiru.

Gama biraatiin daandiin baaburaa Korporeeshinii Baabura Lafaa Itoophiyaan ijaaramaa jiru, bu'uraalee misoomaa naannoo Holqa Soof Umaritti hojjetamaa jiran keessaa isa tokkodha.

Daandiin baaburaa guutummaatti humna korporeeshinichaan ijaaramaa jiru kun kilomeetira 4.3 kan dheeratu yemmuu ta'u, ijaarsi daandii baaburaa kilomeetira 2 xummuramee kilomeetirri 2.3 akka hafu himameera.

Daandiin baaburaa kun turistoonni teessumawwan lafaa naannoo holqichaa jiran haala mijataa ta'een akka daawwatan kan taasisu akka ta'e himameera.

Boqonnaa haaraa Paarkii Biyyaalessaa Gaarreewwan Baalee

Jiilli MM Abiyyiin durfamu daawwannaa tibbanaan hojiilee misooma tuurizimii Paarkii Biyyaalessaa Gaarreewwan Baalee keessatti hojjetamaa jiranis daawwateera.

Pirojektiiwwan Paarkii Biyyaalessaa Gaarreewwan Baaleen walqabatee hojjetamaa jiran guyyaan turmaataa tuuristootaa akka dheeratu, dhaqabummaan hawwataalee tuuristii akka dabalu akkasumas hawaasni naannoofi mootummaan galii akka argatan akka taasisan Waajjira Aadaafi Tuurizimii Godina Baaleetti Abbaa Adeemsa Misoomafi Babal'ina Tuurizimii kan ta'an Obbo Shibbiruu Abdoo himu.

Dhimmoonni tuurizimiif utubaa ta'an afur ta'uu kan himan Obbo Shibbiruun, utubaan inni jalqabaa hawwata tuuristii ta'uu himu.

"Inni lammaffaan iddoon hawwata tuuristii dhaqqabamaa ta'uu qabu. Kana jechuun bu'uraalee misoomaa akka daandii jechuudha. Inni sadaffaan iddoo haara galfii yookiin bultii tuuristootaati. Inni afraffaan immoo tajaajilawwan garagaraa (amenities) dha" jedhu.

Haa ta'u malee Baale, hawwataalee tuuristii heddu qabaatus utubaaleen tuurizimii kaan osoo hinqabaatiin turuu eeruun, "utubaawwan 2ffaa, 3ffaa fi 4ffaa pirojektii kanaan walqabatee kan guutamani" jedhan.

Haaluma kanaan hojiilee misoomaa ijoo waggaa tokko darbe keessatti hojjetaman keessaa inni tokko hojiilee ijaarsa daandii hawwataalee tuuristii dhaqabamaa taasisan ta'uu himu.

Akka fakkeenyaattis tulluun akka biyyaatti dheerinaan sadarkaa 2ffaarratti, akka naannoo Oromiyaattimmoo sadarkaa duraarra argamu Tulluu Diimtuun kanaan dura rakkoo daandii akka qabu kaasu.

"Karaan gara Tulluu Diimtuutti ol deemu ciccitaafi tuuristiif mijataa hinturre. Amma garuu barbaachisummaansaa waan itti amanameef daandiin akka ijaaramu taasifameera" jedhan.

Kana malees Tulluu Diimtuurratti iddoon irra dhaabbatanii teessuma lafaa naannawa sanaa daawwachuun itti danda'amu (viewing point) hojjetamaa akka jirus himaniiru.

Daandiin ijoon ijaarame inni biraan daandii Goobbaa gara Dalloo Mannaa geessu irraa mauun daandii Haroo Garba Gurraachaa geessu akka ta'e kan himan Obbo Shibbiruun, daandiin bonnaaf gannaa kun dhaqabummaa hawwata tuurizimichaa kan mirkaneessu ta'uu dubbatan.

Daandiin inni sadaffaan immoo daandii Diinshoorraa gara fincaa'aa Habeeraa geessu akka ta'e kan himaniiru.

"Karaan kun duraan konkolaataa hindeemsisu ture. Tuuristoota lafoo fi fardaan imalan qofatu karaa sana deemuu danda'a ture. Amma garuu tuuristiin konkolaataasaa qabatee deemuu danda'a" jedhan.

Dabalataan daandiiwwan lafoo hedduminni qabeeyyii paarkichaa akka hinmiidhamne gargaaru paarkii keessa hojjetamuusaas himaniiru.

"Kan biraan kana dura lafa margaa Geessee miilaan keessa deemteti kan ilaaltu. Amma garuu lafa margaa kana keessa konkolaataa oofuu dandeessa" jedhan.

Kunis tuuristoonni bineensota bosonaa paarkicha keessatti argamanfi tuuristoota hawwatan kan akka gadamsaa fi borofa akka daawwataniif haala mijataa kan uumu akka ta'e dubbatan.

Bosona Harannaa akka hawwataatti

Pirojektiiwwan guyyoota darban keessa MM Abiyyi fi angawoota biroon daawwataman keessaa inni biraan pirojektii misooma tuurizimii Kilaastara Harannaati.

"Kilaastarri Harannaa bosona uumamaa guddaa bosona Yaayyootti aanee akka biyyaatti bosona sadarkaa lammaffaarratti argamuudha" jedhu.

Bosonni kun biqiloota gosa 1,600 ol ofkeessatti kan qabate yemmuu ta'u biqiloonni dawaaf oolan keessatti akka argaman himaniiru.

Kana malees bosonii kun gosa qamalee Baale keessatti qofa argamtufii Qamalee Baalee jedhamuun kan beekamtufi fincaa'aawwan garagaraa ofkeessatti kan qabate akka ta'es kaasu.

Haaluma kanaan tuuristoota bosona Harannaa daawwataniif haala mijataa uumuuf Loojiin Ikkoo Harannaa ijaarsarra akka jiru dubbatan.

"Loojiin kun tuuristoonni buna bosona jalatti uumamu ilaalanii, damma uumamaa (organic ta'e) daawwatanii wayita achii ol deebi'an achi akka turaniif loojiin guddaan kun ijaaramaa jira" jedhan.

Loojiin kun tuuristoonni bosonicha erga daawwatanii booda gara Magaalaa Roobee yookiin Diinshootti deebi'uuf karaa dheeraa deemuun osoo irraa hin eegaminfi dadhabbii hambisuuf loojii kana keessa boqochuu akka danda'anis kaasu.

Tuuristoota naannoo Diinshoo daawwataniifis loojiin sadarkaasaa eeggate ijaaramuusaa kan himan Obbo Shibbiruun, loojiin kun god-hambaawwan ofkeessatti kan qabate akka ta'es dubbataniiru.