Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee Holqa Soof Umar qabxiiwwan beekuu qabdan shan
Magaalaa Finfinneerraa kiilomeetira 536 fagaatee Baaleetti kan argamu Holqi Soof Umar, iddoowwan umamaan ajaa'ibsiisoo ta'aniifi qalbii daawwattoota hawwatan keessaati.
Holqi Soof Umar Godina Baalee Bahaa Aanaa Daawwee Qaachanitti argama.
Holqi kun lafa jala kiilomeetira 15 dheerata, lagni Weeb ammoo holqa kana keessa darba. Kunis holqicha uumama addaa taasiseera.
Holqi Soofumar erga hambaa addunyaa ta’uuf galmee yeroo UNESCO irratti galmaa’ee bubbuleera.
Soof Umar nama amantii Islaamaa barsiisaa turan yoo ta'an, bakka kana filachuun jiraachaa waan turaniif Holqi kunis maqaasaaniin akka moggaafame himama.
Holqi Soof Umar bareedina umamaan kan faayameedha, keessoon isaa utubaawwan fi galmoota hedduun bareedeera.
Garuu hambaan kun akka eegamuun hin kunuunfamne, inumaa yaaddoo keessa jiraachuutu himama.
Iddoowwan hawwata Tuurizimii yaaddoo keessa jiran akkaataa dandamachiisuun danda'amurratti mala dhahuu irratti kan xiyyeeffate Guyyaan Tuurizimii Addunyaa Jimaata bultii 17, 2023 kabajama.
Kana ilaalchisuun waa'ee hambaa- Holqa Soof Umar iyyaafanneerra.
Soof Umar eenyu?
Holqi kun seenaa nama gameessa oddoola kana keessa jiraachaa turan fi holqa kana abuuran Soof Umar jedhamuun beekamaniin walqabata.
Maqaan holqa kanaas kanaaf Holqa Soof Umar jedhamuun moggaafame jedha Abduljabbaar Sheek Ahmad Mohammad.
Abduljabbaar akka jedhutti qacceensaa Soof Umar irraa qabee yoo lakkaa'amu inni 21ffaarra jira. Soof Umar namuma Baalee, Aanaa Daawwee Qaachanaa turan jedha.
Nama amantii Islaamaa fi seenaa Oromoo barsiisaa turanii fi bakka kana akka teessoo isaaniitti filatanii horteesaaniis asumatti baayyifatan ta'uu hime.
Waggoota 45 bakka kana jiraatanitti amantii Islaamaa barsiisaa, aadaa fi duudhaa Oromoo babal’isaa turan jedha.
''Ergamni Soof Umar waa lama ture. Tokko uumamaan kan walqabatu, inni kan biraa ammoo aadaa Oromooti,’’ jedha.
''Gamoo uumamaan rabbi bareeche kana keessa taa’anii aadaa fi seenaa uummata Oromoo barsiisaa turan. Amantiis barsiisaa turan.’’
Akka Abduljabbaar jedhutti oddoola kana keessatti duudhaaleen sirna Gadaa, seerri gumaa, seerri fuudhaa fi heerumaa, tumaaleen adda addaa gaggeeffamaa turan.
Soof Umar yeroo amantaafi aadaan shaakalamaa hin turre dhimmoota kunneen walbira qabanii barsiisaa turan kan jedhu Abduljabbaar, kunis waggaa 1000 dura ta’aa akka ture tilmaama.
Oddoola holqa Soof Umar kana keessa iddoon aadaafi iddoon amantiis walqixa kabaja qaba.
Soof Umar intala isaanii akkaan jaallatanii fi michuusaanii taate Ayyoo Makkoo fi michuusaanii kan biraa Abal- Qaasim jedhamu waliin amantii fi aadaa barsiisaa turan.’’
Yeroo jalqabaaf Odaa Roobaatti miiloon gadi dhaabbachuun gadaan achirraa akka dagaagu isaan taasise jedhe Abduljabbaar.
Karra Soof Umar irraa hanga hulluuqoo dhumaa
Holqi Soof Umar diriiree magaalaa xiqqoo Soof Umar jedhamtu jala darba.
Magaalaan kun asirratti dhaabbachuun dogoggora kan jedhu Abduljabbaar holqi guddaan magaalattii jala darbu wayita magaalaa guddataa deemtu yaaddoo ta’a jedha.
Holqi Soof Umar holqaawwan addunyaarra jiran keessaa bishaan kan keessa yaa’u ta’uunsaa adda isa taasisa.
Lagni Weeb Diinshoo irraa ka’uun kiilomeetira 15 holqa kana keessa qaxxaamuree darba.
Holqi kun ''Karra Soof Umariin’’ seenamee Hulluuqaadhaan keessaa ba’ama jedha Abduljabbaar
Karra Soof Umariin akkuma olseenaniin ‘’Barcuma Abbaa Makkaatti’’ ba’u.
''Teessoon kun uumamaan bocamee kan bareedeedha. Soof Umar irra taa’anii aadaa fi amantii uummata barsiisaa turan,’’ jedha Abduljabbaar.
Teessuma Abbaa Makkaa dabarraan ''Karra Aayyoo Makkootu’’ jira. Karra Kanaan seennaan Gulantaa Ayyoo Makkootti ba’u.
''Wayita kadhannaan dubartiin baayyinaan bakka kanaatti baati. Roobaa fi nagaa kadhatu. Kan fayyaa dhabeef fayyaa, biyyaaf nagaa kadhatu,’’ jedhe.
Kanatti aansee ammoo kutaa addaa ''Jabaa Biqilaa’’ jedhamee moggaafametu jira. Kun ammoo bakka murtiin seeraa itti kennamuudha.
Abduljabbaar akka jedhutti, bara Soof Umar yakka hojjechuun bakka hin qabu, nama yakka hojjete ni fannisu.
''Tuuta isaanii keessaa Soof Umar abbaa murti turan. Nama hanna, saamicha fi yakka adda addaa hojjete yoo argan bira hin darban. Achuma keessatti kutaa tokko adda baasanii achitti adaban. Jabaa Biqilaa achitti fannisan. Ergasii bakki kun maqaa Kanaan moggaafame.’’
Jabaa Biqilaa bakka jedhamee moggaafame bira akkuma kutaniin kutaa xiqqoo ifa qabutti ba’u. Kutaan kun Fiixee Sunna Abdii akka jedhamu hime Abduljabbaar.
''Bakka Soof Umar akka Masjiidaatti itti fayyadamaa turaniidha. Utubaawwan babbareedoo fi gamoo darbii hedduu qabaniin faayameera. Keessattuu bakki addatti faayame- iddoon Soof Umar irratti salaataa turan ammallee qalbii namaa hawwata,’’ jechuun ibsa.
Bakka kanatti Soof Umar michuuwwan isaanii kanneen akka Sheek Huseen, Ayyoo Makkoo, Abal-Qaasim waliin walitti dhufuun kadhannaa rabbi gochaa turan.
''Haala addunyaa keessa ba’uun dukkana sana keessa taa’anii Rabbi kadhachaa turan,’’ jedha Abduljabbaar.
Kutaa kanatti aanee ammoo Galma Sayyidii Soof Umartu jira.
''Galma bal’aa kan kutaa qabu, iddoo waltajjii kan qabu kan nama hedduu keessummeessutu jira. Bakka kanatti Soof Umar walga’ii teessisaa turan. As taa’anii sirna Gadaa fi heera biyyattiin bulturratti marii bal’aa gaggeessaa turan,’’ jechuun ibse Abduljabbaar.
Haala Kanaan kutaalee 45 ol keessa darbuun yeroo torba ol laga Weeb ce’anii yoo carrooman hulluuqaa bakkka jedhamuun keessaa ba’u jedha.
Hulluuqaan sunillee bakka seenaa qabuudha. Karra Soof Umar irraa hanga Hulluuqaatti fageenyi jiru hanga kiilomeetira tokkoo ta’a.
Abduljabbaar akka jedhutti bakka Hulluuqaa jedhamu kana darbanii iddoo galma bal’aa fakkaatutti ba’u.
''Bakka kanatti ammoo Sayyiidii Roobaa Garbii jedhamantu akkuma Soof Umar kadhannaa gochaa, amantii fi aadaa barsiisaa turan. Sayyidii Roobaa Garbiillee sirnuma Sayyidii Soof Umar dalagaa turan dhaalanii raawwataa turan,’’ jedhe.
Sayyidii Roobaa Garbii sirna kana Sayyidii Soof Umar harkaa fuudhanii Baalee guutuu waliin ga’anii, nutillee hanga har’aatti qabannee jirra jedha.
Holqi kun hanga ammaa ulaawwan beekaman 45 qabaachuu kan himu Abduljabbaar hanga ammaa kan bira hin ga’amin 200 kan caalan jiraachuu ibse.
''Lagni Weeb Holqa kana keessa qaxxaamuree darba. Ammoo holqi kun keessi isaa akkaan dukkana. Dheeraas waan ta’eef keessa qaxxaamuruun ni ulfaata. Osoo keessa qaxxaamuranii ulaawwan inni qabu hedduu argu. Hanga ammaa faranjoota tokko lamaa fi barattoota muraasatu qaxxaamuran,’’ jedhe.
Laga Weeb fi Holqa Soof Umar
Wantoota Holqa Soof Umar adda taasisu keessaa tokkoo, lagni guddaan bonaa fi ganna yaa’u keessa qaxxaamurusaati.
Lagni Weeb fiixee Diinshootii ka’uun ulaa lamaan holqa kanatti seenuun keessa yaa’ee darba.
''Holqa kana keessa wayita deeman laga Weeb yeroo torba ce’u. Bishaan kun wayita guutu ammoo, ce’uun ni ulfaata. Bishaan kun wayita bonaallee hin gogu. Inumaa lolaan hamaan wayita bishaan kanatti dabalamu balaa uuma,’’ jedha Abduljabbaar.
Daawwattoonni laga Weeb kana daakaa bashannanaa keessa qaxxaamuru.
Namni daakaa danda’u laga Weeb daakaa keessa hulluuqa. Lagni kunis holqa kana keessa qaxxaamuruun Aanaa Daawwee Qaachan keessa taree lageen Gannaalee fi Waabeetti makama.
Oddoolli kun iddoo dagatamaa immoo iddoo hawwata tuuristiiti?
Oddoola kanatti abbaa karraa ta'uun kan eegaa jiru Abduljabbaar waa'ee kunuunsaafi eegumsa oddoola kanaarratti miira walmakaa qaba.
Oddoolli kun kunuunfamee hawwata tuuristii ta'uu galii maqaasaa madaalu akka argamsiisuuf fedhiin jiraatus garuu hojiitti kan hiikamu waan muraasa jedha.
Dargaggoonni waldaan gurmaa'uun bidiruudhaan nama imalchiisuu erga eegalanii waggaa lama ta'uus, garuu hojiin akka eegameen hin deemne.
''Bidiruun kennamtes qaamnishee dadhabaadha. Kaartoonii wayiiti, ciccittee baddeetti,'' jedha dura taa'aan daawwachiistota Holqa Soof Umar Abduljabbaar Ahmad.
Akka bidiruu afurii wayii Biiroon Aadaa fi Tuurizimii geessee kan ture ta'ulleen amma garuu dhaabbateera jedhe.
Bidiruuwwan kunneen Holqa Soofumar keessa hojii jalqabanis sochiin tuuristii garas dhufuu laafaa akka ta’es hima Abduljabbaar.
Holqi Soof Umar keessi isaa dukkana waan ta'eef kanaan dura ibsaa galchuuf jedhame uumamni kun jeeqamee ture jechuun komata.
''Osoo nu hin mariisisn fidanii shiboo ibsaa keessa diriirsan. Namoonni ibsaa galchina jedhan kunneen haala bishaaniifi holqa kanaa hubannoo ga'aa hin qaban. Bishaan guutee dhagaan ittiin caccabee ibsaan gales hojiin ala ta'e,'' jedhe.
Dargaan Soof Umar eenyu?
Abbaan Karraa oddoola Holqa Soof Umar Abduljabbaar Ahmad akka jedhutti hawaasi oddoola kana jiraatu dirqama lama qaba.
''Tokko bakka kana eeguufi kunuusuudha. Hojii ijoon garuu duudhaan abbootiin teenna nu dhaalchifte eegnee dhalootatti dabarsuudha.''
Namoonni sirni kun darbaa dabarsaan itti darbee, abbootiisaaniirraa fuudhanii bakka kana qubatanii sirna kana gaggeessan Dargaa Soof Umar jedhamu.
''Bakka kanatti abbaan fedhe dura bu'ee gaggeessuu hin danda'u. Nama imaanaan itti darbetu jira. Ammaaf anatu abbaa kiyyarra dhaalee jira. Anatu keessummaa simatee eebbisee gaggeessa,'' jedha Abduljabbaar.
Daawwattoonni wayita gara oddoola kanaa dhufan holqa kana qofa osoo hin taane, duudhaa fi seenaa holqicha waliin jirus akka hubatan gochaa jirra jedha.
''Tuuristoonni [faranjoonni] wayita dhufan aadaa as jiru baruuf fedhii guddaa agarsiisu. Nu waliin hadaraa taa'anii bulu. Dibbee dhahanii nu waliin sirna hirmaatu. Nutis seenaan holqa kanaa maaliin akka walqabatu ni hubachiisna.''