Wiirtuun Meedikaalaa Yun. Jimmaa wal'aansa onnee daa'imaa milkaa'inaan raawwate

Yunvarsiitii Jimmaa jalatti kan argamu Wiirtuun Meedikaalaa Yunvarsiitii Jimmaa ogeessota isaatiin baqaqsanii yaaluu onnee milkaa'aa ta'e yeroo jalqabaatiif raawwate.

Daa'ima ganna afurii Godina Jimmaa aanaa Maannaa irraa wiirtuu kanatti hordooffii yaala onnee taasisaa turteefi tajaajilli baqaqsanii yaaluu onnee Yunvarsiitichi ''ogeessota kootiin yeroo jalqabaatiif itti milkaa'e,'' jedhe kuni kan hojjetameef.

Garee baqaqsanii yaaluu kana kan dursan Yunvarsiitii Jimmaatti gargaaraa Piroofeesaraa fi sab Ispeeshaalistii baqaqsanii yaaluu qoma keessaa fi onnee kan ta'an Dr. Warqinaa Tasfaayee, yaaliin sa'aatii lama fudhate kun dhukkuba onnee dhalootaan dhufe jedhan.

"Rakkoon onnee daa'ima kanaa daa'imni gaafa gadaamessa keessa jirtu dhiiga gara sombaa deemuu fi gara qaamaa deemu akka walmaku kan godhudha.

''Kun sombi gaafa daa'imni gadaamessa keessa jirtu hojii waan hin qabneefiidha.

"Erga dhalatanii booda garuu somba isaaniitti fayyadamu waan ta'eef ujummoon dhiigaa walqunnamsiisaa turan kun cufamuu qabu. Daa'ima tokko tokkorratti osoo hin cufamin hafa," jedhan.

Yaaliin daa'ima kanaa garuu osoo hin yaalamin waan turteef ujummoon walqunnamsiisu kun furdaa ta'uusaan dhiibbaa dhiigaa sombaa kan qabdu ture jedhan.

Hojiin baqaqsanii yaaluu onnee amma wiirtuu Meedikaalaa Yunvarsiitii Jimmaatti raawwatame kunis ujummoo dhiiga onnee karaa mirgaa fi bitaa akka walmaku godhu kana cufuu ta'uus himan.

"Baqaqsanii yaaluu taasifne kana booda daa'imni tunis daftee kaate, milkaa'aa ture. Ammatti daa'imattiin haala gaarirra waan jirtuuf maatiin fudhatanii gara qe'ee isaaniitti galaniiru," jedhan.

Baqaqsanii yaaluun onnee tibbana Dr. Warqinaa fi gareen isaanii hojjetan kun ogeessota Yunvarsiitii Jimmaatiin qofa yoo hojjetamu kan jalqabaa haa ta'u malee ammaan duras namoota saddeetiif buufatichatti baqaqsanii yaaluun onnee taasifameera.

"Ji'a sadi afur dura Finfinnee hospitaala dhuunfaa Taazmaa jedhamu irraa hakiimonni dhufanii baqaqsanii yaaluu onnee namoota saddeetiif hojjenneerra. Kan ammaa kan adda godhu ogeessonni Yunvarsiitii Jimmaa of danda'anii hojjechuu isaaniti," jedhan.

Dhibeen onnee Itoophiyaa keessatti hammam yaaddessaadha?

Dr. Warqinaan akka jedhanitti, Itoophiyaa keessatti dhibeen onnee tajaajila baqaqsanii yaaluu barbaadu haalan bal'aadha. Tajaajilli yaala isaa garuu haalan murtaa'aadha jedhu.

"Tajaajilli baqaqsanii yaaluu onnee kana kan argatu nama muraasa. Tajaajilichi Finfinnee qofaatti kan kennamu. Innumtuu adda ciccita," jedhan.

Yeroo ammaa kana Itoophiyaa keessatti namootni kuma kudhan caalan tajaajila baqaqsanii yaaluu onneetif galmaa'anii dabaree eeggachuurratti argamu.

"Lakkoofsi kun warra wiirtuu yaala baqaqsanii yaaluutti galmaa'anii Jiran malee bakka sanatti osoo hin galmoofne mana mana kan jiran baayyeedha. Tajaajilli baqaqsanii yaaluu onnee kun wiirtuu hedduu keessatti nubarbaachisa," jedhan.

Akka ogeessa fayyaa fi tajaajila kana keessa beekuutti, tajaajila amma akka biyyaatti kennamaa jiruu fi lakkoofsa namoota dhibee onneetin rakkachaa jiranii yoo ilaalamu haalan waan nama yaaddessu akka ta'es himu Dr Warqinaan.

Haala qabatamaa biyya keenyaatiin dhukkubni onnee irra heddummatu kan daa'iman irratti argamu akka ta'es himu.

"Dhibeen onnee dhaloota waliin dhufuu fi daa'imman irratti kan baayyatu. Garuummoo guddina keessas namoota umrii giddugaleessaa fi umuriin deeman irrattis bal'inaan jira," jedhan.

Dhibee onnee dhalootaan dhufu ittisuun kan danda'amu ta'uu baatus, daa'imman irratti rakkoon akkasii yeroo mul'atu saffisaan yaala akka argatan gochuun fala akka ta'e gorsu.

Dhibbee onnee umurii keessa dhufu...

"Namootni dhibee sukkaaraa qaban dhibee sukkaaraa isaanii sirritti hordoffii gochuu qabu. Namoonni dhiibbaa dhiigaa qabanis akkasuma. Sochii qaamaa gochuun, nyaatota mi'aawaa fi coomni itti baayyatu hir'isuun dhibee onnee irraa ofeeguun ni danda'ama," jedhan.

Tajaajilli baqaqsanii yaaluu onnee wiirtuu meedikaalaa Yunvarsiitii Jimmaatti tibbana milkaa'inaan raawwate kuni tajaajila akkanaa bal'inaan kennuuf bu'uura kan kaa'eefi bulchiinsa yunvarsiitichaa irraas deeggarsii fi tumsi gaariin jiraachuu himan Dr. Warqinaan.