Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'eloonni kuma dhibbaan lakkaa'aman hiriira ba'uun waraana Gaazaa keessaa morman
Namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman Israa'el keessatti hiriira ba'uun waraanni akka dhaabbatuu fi namoonni Hamaas bu'e akka gadhiifamaniif mariin akka gaggeeffamu gaafachuu eegalan.
Hiriirri guddaan kan gaggeeffame magaalaa Teel Aviiv adda babayii "Hostages Square" jedhamutti.
Hiriira Dilbata kaleessaa gaggeeffamerratti qindeessitoonni hiriirichaa karoorri Israa'el Magaalaa Gaazaa dhuunfachuuf qabattee itti adeemaa jirtu lubbuu namoota 20 ta'an harka Hamaas jiranii balaarra kan buusudha jedhan.
Hiriirri akka biyyaatti yeroo tokko gaggeeffameefi qaama hiriira guddicha gara fuulduraatti gaggeeffamuuf jiruu ta'e kanarratti daandiin, waajjiraalee fi iddoo tokko tokkotti yuniversitiiwwan cufamaniiru.
Hiriira kanarratti namoonni 40 ta'an hidhamaniiru.
Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu hiriira kana balaaleffataniiru.
''Adeemsi akkanaa Hamaas ejjennoosaatti akka cimu taasisa,'' kan jedhan Neetaaniyaahuun, hiriirri akkanaa inumaa hojii butamtoota gadhiisisuu irratti hojjetamaa jirutti gufuu ta'a jedhan.
Ministeerri Israa'el sirna duriitti cichan [Far-right] Bezalel Smotrich ''hiriirri kun balaafamaadha, Hamaasiif carraa banuu danda'a,'' jechuun balaaleffatan.
Hiriirri sadarkaa biyyaalessaatti gaggeeffamu kun yaadi isaa maatii namoonni isaanii Hamaasiin butamanirraa kan dhufe yoo ta'u kanneen waraanni akka hin babal'anne barbaadanis keessatti hirmaataniiru.
Hiriirri kun erga kaabineen Israa'el Magaalaa Gaazaa akka to'atu murteessee torban booda gaggeeffame.
Israa'el uummata Gaazaa godaansisuun lafasaanii qabachuuf murteessuu Manni Maree Nageenyaa UN balaaleffateera.
UN akka jedhutti erga waraanni eegalee hanga ammaatti uummanni Gaazaa miiliyoona 1.9 ta'an qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru.
Kun ammoo lakkoofsa uummatichaa keessaa dhibbeentaa 90 ta'a.
Israa'el Magaaalaa Gaazaa to'achuun uummata magaalattii hunda gara kibbaatti godaansisuuf akka deemtu murteessiteetti. Garuu humnoonni ishee yoom seenanii akka karoora kana raawwachiisan hin ibsine.
Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu Haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 raawwate booda Gaazaa weeraruun qabachuuf akka waraana gaggeessaa jiran gabaafameera.
Yeroo ammaa Gaazaa keessatti uummanni haleellaa Israa'eliin qofa osoo hin taane beelaanis dhumaa jiraachuu jaarmiyaaleen UN fi kaan gabaasaa jiru.
UN ji'a darbe Gaazaa keessatti beelli hamaan lubbuu daa'immanii galaafatuuf mudachuuf akka deemu yaaddoo qabu ibsee ture.
Kun seenaa Ulaa Gaazaa keessatti taatee balaafamaa fi suukkanneessaa ta'uu ibse.
Haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti raawwateen lammiileen Israa'el 1,200 yoo ajjeefaman kanneen 251 ta'an ammoo butamaniiru.
Ergasii haleellaa guutuu Israa'el eegalteen hanga ammaatti Filisxeemonni kuma 61 caalan ajjeefamaniiru.