Hidhi guddichi addunyaa Chaayinaan ijaaraa jirtu Hindiifi Baangilaadiishitti yaaddoo uume

Laga Yaarnig Chaangipaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Chaayinaan laga Yaarnig Chaangpaa kan Tiibeet keessatti argamu irratti hidha guddicha addunyaa ijaaruf jirti

Chaayinaan hidha guddicha addunyaa bulchiinsa Tiibet keessatti ijaaruu eegaltee jirti.

Hidhi guddichi addunyaa Chaayinaan ijaaruu eegalte kun Hindii qofa osoo hin taane Baangilaadish illee yaaddoo keessa galchee jira.

Sirna hidha guddaa ijaaruu eegalchiisuuf Sambata darbe, Adoolessa 19, qophaa'erratti Ministiirri Muummee Chaayinaa Lii Kiyaang argamuusaanii miidiyaalen Chaayinaa gabaasan.

Hidhi kun laga Yaarnig Chaangipaa jedhamurratti kan ijaaramu yoo ta'u Tiibeet keessatti argama.

Lammiilen Hindii, Baangilaadish dabaltee kan Tiibey laga guddicha kana qarqara jiraatan pirojektii Chaayinaan eegalte kanarratti komii dhiyeessaa jiru.

Beejing gamasheen hidha guddicha addunyaa kana ijaaruf bajata dolaara biliyeena 167 akka ishee baasisu ibsuun kunuunsa naannof xiyyeeffannoo akka kennitu ibsite.

Dabaluunis, pirojektichi jireenya namoota naannoo laga Yaarnig Chaangipaa jiraanis akka jijjiiru beeksifte.

Biyyoonni ollaa kanneen akka Hindiifi Baangilaadiish ammoo laga Yaarnig Chaangipaa gara isaanitti yaa'u Chaayinaan bishaansaa to'achuu dandeessi ykn hanga bishaan garasaanii yaa'uu xiqqeessuu dandeessi kan jedhu yaaddoo qabu.

Qondaala olaanaa Baangilaadish kan ta'an Peemaa Kaanduu miidiyaa PTI waliin turtii taasisaniin, hidhi Chaayinaan ijaaraa jirtu gaafa xumuramu laggeen Siyaang fi Biraahimaappuutiraa jedhaman akka goguu danda'an yaaddoo Baangilaadish himan.

Jireenya guyyuu lammiilee Baangilaadiish irratti dhiibbaa guddaa akka qabaatu ibsuun "Chaayinaan bishaan akka boombitti itti fayyadamuu dandeessi" jedhan.

"Hidhichi ijaaramee gaafa dhume, [Chaayinaan] tasa bishaan yoo gadi nutti lakkifte naannoon Siyaang guutummaan manca'a," jechuun yaaddoo qaban ibsan qondaalli mootummaa Baangilaadhish kun.

Ji'ootan dura dubbi himaan ministeera dhimma alaa Hindii hidha guddicha Chaayinaan ijaaraa jirtu ilaalchisee yaaddoo Hindiin qabdu Chaayinaa beeksisuu dubbatanii ture.

Chaayinaan garuu biyyoota yaa'a gadii jiranirra miidhaa homaatuu akka hin geessifne ibsuufis kaasanii ture.

Gama biraan ammoo Hindiin laga hidha madda anniisaaf oolu ijaaruf karoora qabdi.

Lagi Chaayinaan hidha guddicha addunyaa anniisaa ibsaa maddisiisuf oolu ijaartu kun Tibbet keessatti laga guddaadha.

Lagi Yaarnig Chaangipaa garren keessa qaxxaamuruun kan yaa'u yoo ta'u marfata heddu qabaachuun beekama.

Lagi kun gaarreen keessa kan qaxxaamuru ta'uurraa kan ka'e, injinaroonni Chaayinaa lagichi holqa nam-tolchee ijaarun lagicha jallisanii hidha ijaaruuf akka jiran miidiyaaleen Chaayinaa gabaasan.